𝙵𝚄𝚁𝚀𝙰𝙰𝙽 𝙾𝙵𝙵𝙸𝙲𝙸𝙰𝙻


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan



Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri






𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩 dan repost
የመጽሐፍ ምርቃት

በቲክ ቶክ ማኅበራዊ መገናኛ ብዙኃን ላይ "አልገደሉትም አልሰቀሉትም" የሚለው መጽሐፍን የምርቃት መርሐግብር የፊታችን ዐርብ በኢትዮጵያ የሰዓት አቆጣጠር ከምሽቱ 3 ሰዓት እንዲገኙ በታላቅ አክብሮት እና ትህትና ጋር እንጠይቅዎታለን።

ከዐቃቢ ኢሥላም ወሒድ

ሰዓቱ ሲደርስ ይህንን የቲክ ቶክ አካውንቱ ያስፈንጥሩ፦ https://www.tiktok.com/@wahidislamicapologist?_t=ZN-8sU60suRfIl&_r=1


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
Assalamualaikum warahmatullahi Wabarakaatuhu

Ilaa kana haa hubannu!!

بسم الله الرحمن الرحيم
°Jalqaba irratti maqaa rabbii mararfataafi rahmata godhaa ta'eenan eegala....
Namoota Islaamummaa kana kessa jiranu ta'anii osoo itti hin yaadin jecha jiruu isaanii balaa irra buusu jedhaa jiranuuf dhaamsa ni taati jedheen yaada.

•Yeroo hedduu namoonni baayyeen Yaada fedhii isaaniitiin waliif galu Amantii keessatti yommuu argan, Bakki kun naaf ta'eera Ennaa jedhan ni agarra. Kanarraa wanti hubachuu qabnu bakki naaf hin ta'in ni jira jechuu isaati. Garuu Amantii Islaamummaa keessatti Qoodanii itti amanuun gonkumaa hin danda'amu. Sababni isaas Amantiin kun qajeelfamni isaa kamiyyuun rabbii hundarra guddaa, beekaa fi jabaa ta'een nuuf kenname waan ta'eefidha. Kana jechuun waan ta'uu qabuufi ta'uu hin qabne isatu Beeka waan ta'eef ati murteessuu keessatti gahee tokkollee hin qabdu. Hanga muraasa qofatti amantee kaan ni didda taanaan ati haalli keessa jirtu haala wallaalummaan lubbuu Ofii miidhanuudha.
Mee waan Qur'aanni jedhu kana waliin haa ilaallu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا

Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane.Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.
Quran 33:36

Kanarra gabaabbinumaan wanti hubannu filannoo kenninaaf taanaan nuti nama rabbiifi ergamaa isaa S. A. W dide taanee argamna. Namni kana godhee argame immoo jallina ifa galaa kan jallina ta'uun isaa nama hin dhibne keessatti ta'a.
Maarree jechoota akkasii irraa of eeggannee, kaanis haa eegnuun dhaamsa kooti.
@islamumanqaromina


ᴅᴀᴀʀᴜ sᴀʟᴀᴀᴍ 🇵🇸 dan repost
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

𝑯𝒂𝒓𝒂 𝑮𝒂𝒍𝒈𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒂𝒂𝒕𝒂 𝑰𝒔𝒉𝒂𝒂'𝒊𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 3:00 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑺𝒂𝒈𝒂𝒏𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍-𝑫𝒐𝒓𝒈𝒐𝒎𝒎𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒔𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒖 𝑾𝒂𝒂𝒏 𝑸𝒂𝒃𝒏𝒖𝒖𝒇 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒂𝒂'𝒂𝒂 𝑩𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇𝒂𝒎𝒂𝒂!!

𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑩𝒂𝒉𝒖 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 𝑹𝒂𝒔𝒖𝒖𝒍𝒂𝒂 𝒔𝒂𝒍𝒍𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒖 𝒂𝒍𝒂𝒚𝒊𝒉𝒊 𝒘𝒐𝒔𝒔𝒂𝒍𝒍𝒂𝒎 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂𝒚𝒚𝒊𝒊.

𝑯𝒊𝒓𝒊𝒚𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒂𝒂!!

𝒀𝒂𝒂𝒅𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏 𝑪𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕 𝑱𝒂𝒍𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂.

@DAARU_SALAAM


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِالذِّكْرِ لَمَّا جَاءَهُمْ ۖ وَإِنَّهُ لَكِتَابٌ عَزِيزٌ

Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha

لَّا يَأْتِيهِ الْبَاطِلُ مِن بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِ ۖ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ

Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.

مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدْ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبْلِكَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ

Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru.Dhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati.

وَلَوْ جَعَلْنَاهُ قُرْآنًا أَعْجَمِيًّا لَّقَالُوا لَوْلَا فُصِّلَتْ آيَاتُهُ ۖ أَأَعْجَمِيٌّ وَعَرَبِيٌّ ۗ قُلْ هُوَ لِلَّذِينَ آمَنُوا هُدًى وَشِفَاءٌ ۖ وَالَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ فِي آذَانِهِمْ وَقْرٌ وَهُوَ عَلَيْهِمْ عَمًى ۚ أُولَٰئِكَ يُنَادَوْنَ مِن مَّكَانٍ بَعِيدٍ

Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan.(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni(Quraanni)warra amananiif qajeelfamaafi qoricha.Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira.Innis isaan irratti jaamummaadha.Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”
Alquran 41:40_43

@Islamumanqaromina












𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐘𝐎𝐎 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐍 𝐘𝐀𝐀 𝐀𝐁𝐁𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐀𝐀 𝐌𝐄𝐄 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔


"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”."
[Luqaas 22:42-44]

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?

"Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama."
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada
hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.

Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا

[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna.

𝐀𝐝𝐬 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬: 👇👇
https://t.me/Seyiful_Islam
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
https://t.me/Furqaan_Official


𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩 dan repost
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐀 (𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀) 𝐈𝐘𝐘𝐀𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒


𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖𝒏 𝒆𝒆𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam

Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee; hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni gabricha Gooftaa tokkichaati. Yesuus yoo Gooftaa kan ta’u taate, Gooftaan inni waaqqeffataa ture sun eenyuudhaa?

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 6:12]
"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 14:23]
"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 26:36-44]
³⁶ Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.
³⁷ Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee; gadduu fi yaadaan dhiphachuutti ka'e.
³⁸ Yommuus, "Lubbuun koo hamma du'atti baay'ee gaddite; isin as turaa anaa wajjinis dammaqaa!" isaaniin jedhe.
³⁹ Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate.
⁴⁰ Kana booddee gara bartoota sanaa dhufee, rafanii isaan arge; Phexrosiin immoo, "Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?
⁴¹ Qoramatti akka hin galleef dammaqaa kadhaahaa! Hafuurri illee dhimmaa dha; foon garuu dadhabaa dha" jedhe.
⁴² Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.
⁴³ Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge iji isaanii itti ulfaatee ture.
⁴⁴ Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate.

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 1:35]
"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate."

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 14:35]
"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 6:16]
"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 5:16]
"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke."


[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 9:18]
"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 11:1]
"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko,
"Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 18:1]
"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 22:41]
"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;"

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'e nuuf mirkaneessanii jiran. Inni ergamaadha malee gooftaa miti.Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu. Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee Rabbummaa mataa beeksisee hin turre.

👉 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐊𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚𝐟𝐢𝐢 𝐓𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐉𝐞𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚?

👉 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐧𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚𝐚 𝐊𝐮𝐧𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐞 𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐦𝐨𝐨 𝐎𝐟𝐮𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐎𝐟𝐢𝐢𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐞?

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1022


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
ذَٰلِكَ الْكِتَابُ لَا رَيْبَ ۛ فِيهِ ۛ هُدًى لِّلْمُتَّقِينَ

Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.
Quran 2:2

https://t.me/Islamumanqaromina


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
Dr Zakir Naik
Bungee Jumping from more than 165 feet (more than 50 metres) in Jinja, Uganda


Hunduu sirraa tola leenca keenya 🥰🥰🥰 #DR.ZAKIRNAIK
@islamumanqaromina


𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩 dan repost
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔


[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 8:42]
“Yesus deebisee, "Waaqayyo utuu abbaa keessan ta'ee, ana in jaallattu turtan; anoo Waaqayyo keessaa ba'ee, dhufeen as jira; isatu ana erge malee, ani ofiin hin dhufne.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 12:49]
“Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 14:24]
“Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti" jedheen.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:19]
“Yesus itti fufee, "Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:30]
“Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:36]
“Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 6:29]
“Yesus deebisee, "Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu" jedheen.”


[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 24:36]
“Yesus itti dabalee, "Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.”

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 24:19]
“Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,”

https://t.me/Rafiiqul_Islaam


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
FURMAATA RAKKOO!!

Aduunyaan Keenya har'a lubbuun namaa homaa itti fakkaachuu dhabdee waldaguugaa oolu kun akkamitti sirraachuu danda'a,furnaatni isaa maali? Gaaffii jedhuuf deebiin isaa Dhaabbata biyyoota gamtoomaniitii miti!Dhaabbata mirga namoomaa Isa jedhamu sanas miti! Furmaanni inni ariifataan Qur'aana kabajamaa keessa jira. Gaafa ergamaan keenya sallallaahu aleyihi wesallam makkatti ergamanii godaansaaf/hijraaf madiinaan dhaqan gosti Awus fi khazrej jedhamtu waggaa 100 oliif Lola sanyummaa wal_lolaa turan. Rasuulli Keenya Qur'aanaan ergamanii Jara Sana Obbolaa taasisan!!

Ayii yaa Qur'aanaa Sirreessaa waan maraa
Addunyaan osoo sitti fayyadamee furmaata argateera ture!

https://t.me/Islamumanqaromina


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
‏{‏وَنُنَزِّلُ مِنَ الْقُرْآنِ مَا هُوَ شِفَاءٌ وَرَحْمَةٌ لِلْمُؤْمِنِينَ وَلَا يَزِيدُ الظَّالِمِينَ إِلَّا خَسَارًا}
Nuti Qur’aana irraa waan Mu'uminootaaf dawaafi rahmata ta’e, kan zaalimootaaf immoo hoongoo malee homaa hin daballe buufna.

@Islamumanqaromina


𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩 dan repost
𝐌𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐣𝐚𝐚'𝐢𝐛𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐩𝐩𝐢𝐢𝐧 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐮 𝐍𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐈𝐛𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐮 𝐂𝐇𝐀𝐓𝐆𝐏𝐓 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐬 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐞𝐞

𝐀𝐦𝐚𝐧𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞?

Amantaan Islaamaa akka warra Musliimotaa amantiitti, jalqaba uumamaatti ka'uma isaa qaba. Amantiin kun jalqaba namaa irraa jalqabee, Ergamaan jalqabaa Aadam (AS) irraa eegalee Waaqayyo tokkicha waaqeffachuu fi seera Isaa hordofuu barsiisuun itti fufe. Kanaaf, Islaamni amantii haaraa akka hin taane, garuu amantiin durdurii (primordial religion) ta'ee itti fufuu isaa Musliimonni amanu.

Garuu, Islaamni akka amantii guutuu ta'ee, ergaa dhumaa Waaqayyo irraa gara namootatti dhihaate bara 610 Milaaditti gara Nabi Muhammad (SAW) bu'uun ni beekama. Bara sana, Nabi Muhammad (SAW) biyya Arabiyaatti magaalaa Makkaa keessatti ergaa jalqabaa Rabbii irraa fudhatanii namoota gara amantii Islaamaa waamuf jalqaban. Ergamni sun waggaa 23 keessatti guutuu ta'ee Qur'aana keessatti raawwatame.

Islaamni akkamitti hundeeffame?

1. Akaakuu Durii: Islaamni wa'ee Waaqeffannaa sirrii barsiisuuf ergamtoota gara-garaa ergachuun (Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusaa, fi Isaatti dabalamuun) itti fufe. Musliimonni ergaa kana hunda Islaam keessatti ilaalan.


2. Ergaa Nabi Muhammad (SAW): Waggaa 610 irraa eegalee, Allaah ergaa Qur'aanaa gara Nabi Muhammad (SAW) erge. Nabi Muhammad (SAW) yeroo jalqabaatiif Gaarra Hiraa jedhamu irratti Malaaykaa Jibriil irraa wahyii fudhatan. Ergamni isaanii bara jireenya isaanii guutuu keessatti babal’achuu itti fufe.


3. Guutummaa Ergaa: Nabi Muhammad (SAW) ergaa dhumaa fi kan guutuu (Seal of the Prophets) akka ta’an Qur’aanni ni ibsa (Suuraa Al-Ahzaab: 33:40).



Kana jechuun Islaamni ergaa Waaqayyo namaaf erge isa dhumaa akka ta’e amantaan Islaamaa amana. Ergaan kun yeroo jalqabaatiif waggaa 1400 dura biyyoota addunyaa heddu keessatti babal’atee amantoota hedduu walitti fiduu danda'e.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1006


Islaamummaan Qaroomina! dan repost
" Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na uume;"
(Macaafa Fakkeenyaa 8: 22)
Keeyyata kana irraa waan hubannu muraasa
👇👇👇👇👇👇👇👇
Warri Yesuus waaqa jettan dhaabbadhaa!!
Innis waaqa ta'uu dhiisii isuma mataa isaa waaqatu uume. Uumamaan immoo Waan kamiiniyyuu Uumaadhaa gadi. Kanaafuu waaqayyo Isa Isa uumetu waaqa malee inni Uumame/Yesuus waaqa miti.
https://t.me/Islamumanqaromina

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.