Bara dhufurraa eegalee tajaajila hayyama daldalaa argachuuf waraqaan eenyummaa biyyaaleessaa dirqama ta’uu ibsame
Daldaltoonni waraqaa eenyummaa biyyaalessaa hin qabne bara dhufu irraa eegalee tajaajila argachuu akka hin dandeenye Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa beeksise. Ji’oottan torba darban keessatti maamiltoota miiliyoona 1.7 ta’aniif tajaajila onlaayinii kennuus beeksiseera.
Ministeerichatti Hojii Gaggeessaa Dhimmoota Hayyamaa fi Hordoffii kan ta’an Jiraataa Namarraa DhPItti akka himanitti, maamiltoonni hayyama daldalaa fi tajaajila galmee argachuu barbaadan qaamaan argamuun osoo hin barbaachisin tajaajila toora interneetii irratti argachaa jiru. Kaffaltii tajaajilaas toora interneetii irratti raawwachaa jiraachuu himan.
Bara dhufurraa eegalee hayyama daldalaa baafachuu fi tajaajila galmee argachuuf waraqaa eenyummaa biyyaalessaa akka barbaachisu himaniiru.