Mijuu Walaloo


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Walaloon Afoola Oromooti
Waliin haa guddisnuu
Ittiiniis buhaaraa
Irraa haa barannuu
Walaloo nuuf erguu yoo barbaaddan
@flmtbd nuuf ergaa

@flmtbd
@Mijuuwalaloo

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


"Hunduu deebii qabaa "



Yoomi Gaafni jettee
Gaafiin kee jalqabaa
Arraa mitii boru
Hunduu deebii qabaa

Gaafa Aduun dhiitee
Dukkanaan marfamnu
Gaafa hayyuun dhumee
Doofaadhaan durfamnu

Gaafa kana jirra
Gaafa miilli mataa
Du'aafii jiruuniis
Lachuutuu wal qixaa

Ni eegganna garuu
Gaafa guyyaan ifu
Dukkanniis jibbamee
Fedhii Rabbiin kufu


✍✍✍✍Falmata A .

Gooroo Guutuu 1/6/2020


Qualitymovbot dan repost
🎤🔊🔊🔊🔊🔊🔊
🎤 🔊
🎤 🔊
🎤 🔊
🎤 🔊
🎤 🔊
🎤 🔊
🎤🔊🔊🔊🔊🔊🔊
🎤
🎤
🎤
🎤
🎤
🎤
🎤
🎤
🎤


Promotion Time!
🔵🔵🔵🔵🔵🔵🔵🔵

🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣


Milkii haqaa

Dambalii Ilaalcha namaa
Singiggoo dubbii dharaa
Tasuma hin mil'adhu
Gufuu gufaata baraa.

Galman qaba galma haqaa
Galma dhunfaaf kan hawaasaa
Riphiseetiin farda yaaba
Adamoo Kaayyoo Adamsaa!!

Imala dhunfaa kan ulfinaa
Hawii dheertuu galma gamnaa
Abdii sabaa akka gootaa
Duree sabaaf kan ummataa!

Siifin hawwa akka kana
Milki fuftuu bara baraa
Saba keetiif wabii tahii
Birmadummaaf baasi karaa!!


✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Dhabne humna🤕😷

Hunda beekaa - abbaa malaa
Kan hin dhokanne - homtuu jalaa.

Keessa beekaa - ilmaan namaa
Yaa jiraataa - duriif ammaa.

Nu hin qabin - jiruun kokkee
Sitti dheennee - nu ilmaan kee

Nu eewalii - hamtuu baraa
Nurraa qabi - dhibee maraa

Hin dandeenyu - dhabne humnaa
Nurraa kaasi - dhibee koronaa!!

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Qualitymovbot dan repost
Maal argachuu barbaaddu???
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
hunduu asii gaditti isiniif dhihaateeraa join godhaa.


Bara gaarii bara abdii
Abdii teenya mee nuu fidi
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹


Abjuu gaarii barri fidu
Dhugaa ifaa dharri didu
Si waammannee nu owwaadhu
Si jaalannee nu jaaladhu
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️


Bara hamaa baraaf sodaa
Garaa hamaa dharaaf soddaa
Shira keetiin nu rakkanne
Gooba keetiin nu gubanne
🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀🤦‍♀


Of tuulummaa boona gowwaa
Cabbiin cabbiin yoomi oowwa?
🏹🏹🏹🏹🏹🏹🏹🏹🏹🏹

😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Dhara hamaa dharraa tahi
Abbaa uumaa haqaaf nahi.
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


✍✍✍ Falmataa Abdii

Gooroo guutuu Caamsaa 2/2020


Oro Health dan repost
Itoophiyaatti namoota COVID-19n qabaman 123 keessaa 41 bayyanataniiru.




"BISSII TOO"
.........
sitti hin qusanne
Rabbiin miidhaginaa
nyaarri kee gurraachaa
kaarruun tee fal'aanaa
barrisii naaf koottu
shaggee harargee sin baanaa
..........
bissii too bareedduu
yaa soora jaalalaa
onnee tiyya seentee
natti keeyse belbelaa
si dhabee hin jiraadhu
koottu si fudheen galaa
..........
yaada keen si faana
bobbahee galaa
too simalee hin beektu
onneen jaalalaa
halaw jedhii koottu
ijaanin si ilaalaa
...........
naf bani mee dafii
onnee balbala
seeni naan jedhiitii
ol na galchi alaa
Mario na kaayyadhu
shurrubbaa tee jalaa
...........
yaada keetirraan ka'ee
halkan walakkeessa
hirribarraa baaragee
dukkanatti ija baasa
imimmaan jaalalaas yaa'ee
fuula koo coolleeysa
.........
jaalaluma keettu
akkas na maraacha
daawwitii jiruu too
siitu naaf qorichaa
.......
jecha akka aannanii
natti dhangalaaftee
sagalee tee laayyoon
garaa koo roraaftee
xiyya jaalalaan dirtee
onnee too galaafattee
........
ba'aa jaalala tee
dheeysee jalaa hin ba'uu
kophaa koo si obsees
jiraachuu hin danda'uu
mee natti himi lookooyyee
akkam siif haa ta'uu???
............
IJA jaalalaatin ciisee
fagootti yoon si ilaaluu
fuula keetin arga
bareedaa hunda caaluu
bissii mallaa teetii
isa dhungoof toluu
guntuta kee kukurfaa
akka kilaashii loluu
bareeddinni kee marri
hoggaa natti duulu
yaada keerraa takkaa
ani rafee hin buluu
..........
Haalaaf amalli kee
bifti kee hundumaa
dhaabaaf dhaabbanni kee
kennaan kee ganamaa
halkan abjuun dhufee
suuta natti gungumaa
irra deddeebi'ee tolchee
waa'eedhuma kee natti himaa
............


Gootoota keenya jennee
Ni yaamna maqaasaanii
Maaf tahuu dadhabne
Nutoo akkasaanii?

Namni dhugaaf bahe
Sabasaaf quuqamee
Diinasaan qeeqamuus
Dhiigasaan faarfamee

Guyyaan guyyaa dhiibee
Fida guyyaa gaarii
Guyyaa san yaadattee
Aarta guyyaa garii

Hojii gaarii gootaa
Osuma yaadannuu
Shira diina keenyaas
Dagachuu hin qabnuu

Ergaa cimaa qabdi
Malaaf mariin gootaa
Du'aaf jiruun saanii
Dhalootaaf barnootaa

Falmata A .
Ebla 15/2020
# Baga GGO geessan


Qualitymovbot dan repost
Kabajamtoota miseensota keenya, Channelii isiniif fille kana join godhuun Afaan, seenaa, aadaa fi duudhaa keenya bashannanaa wal irraa haa barannu isiniin jenna!

👇👇👇👇👇👇👇👇👇


Walaloo fi Baacoo😂 dan repost
❤️Harmee❤️

Aduun bahaan baatus
Feetu gara dhihaa
Ati anaaf geessa
Anis siifin gahaa.

Cinaa qaama kiyyaa
Foon kiyyaa fi tiruu
Gammachuun koo siini
An si malee hin jiruu.

Gammadii naaf kofli
Rakkoon si haa dheessuu
Hamtuu tee agaruu
Ijji too hin dandeessuu.

Lafarra jiraachuuf
Siidha naaf sababni
Hiikkaa jiruu tiyyaa
Kaniin Argu siinii.

Tokkolleen sin gitu
Nuutu walitti aanaa
Ana jechuun sihii
Si jechuunis anaa.


✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Kan darbees haa darbuu
Baga arra geenyee
Hamaa bara darbees
Bararraa dhageenyee

Barri ni koomata
Bara isa duraa
Dhugaan darbe hundi
Arra kunoo dharaa
Haa ta'uu malee garuu
Dhugaaniis miti bara
Barri yoo hammaatees
Dhugaan numa jiraa

Mataan nu dhukkubee
Hamaa jechaa turre
Arra wal dheessina
Hamaa biroo garree


✍✍ Falmata A.


​​Breaking News: Ityoophiyaa keessatti guyyaa har'aa namni tokko sababa dhibee Vayirasii Koroonaatiin du'uu Inistityuutiin Fayyaa HawaasaItyoophiyaa beeksise.


Walaloo fi Baacoo😂 dan repost
👘👘👘👘👘👘👘
Ayiiii Koronaa.....
🎩
🙎‍♂
👖🌂
Akkuma surree keenya
Chaayinaan toolchee fide
duuti keenya illeen
Tan rabbi nuuf qoode
'Made in china taha'
Jedhee yoomiin yaade.

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Walaloo fi Baacoo😂 dan repost
Dibbee deddeemtu

Halluu miidhagfattee
Dibbittii deddeemtu
Harka ol maratee
Namuu tumuuf kaatu.

Amaluma taatee
Dhuunfatte rukuttaa
Garaatti uummattee
Sagalee hawwataa.

Namni arge hundi
Cafaquu barbaada
Cidhaafiis haa tahuu
Dhiichisaaf ragada.
.
.
.
Naaf birmadhaan dibbee
Tumaa itti dheereessee
Boo'icha isiitti
Addunyaan dhiichise!!!

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Jaalalti kee guyyuun
na keessatti marga
Dunuunfadheetilee
ani suman arga
~
Afaan baneen laala
suura at lakkistu
Like gochuusaatif
atuu nan dursituu
~
Si malee naan sifaa'u
nyaatnin gad liqimse
jedhee siif katabuuf
sodaat na deebise
~
Sobuun maal naaf godha
dhumni isaa lolaa
dhugaa dubbadheetan
natti dhiitus bula
~




Walaloo fi Baacoo😂 dan repost
Mariif yoo dhihaattu
Darbitee gaachana
Uffachuun kee ifa
Bullukkoo salphinaa.

Jabeessi hin gatin
Qulqulleessi dhiqii
Kabaji ulfeessi
Gaachana gaaf xiiqii

Oollaanis gaachana
Yoo jedhan dhageennaa
Garuu.....
Gaafa kan kee qabdu
Ollaalleen gaachanaa.

Salah Qeeransoo


Jiruun carraa taatee
Fagaadhus an sirraa
Barriseetiin dhufee
Qubadha si bira.

Hammeenya fageenyaa
Niin obsa abaaraa
Atilleen naaf obsi
Barri ni dabaraa
Hangaan ija tiyya
Buusu tanteetirra!

Kuullee ija kuulaa
siitu anaaf dawaa
Hammeenyi sin argin
Ammaas ijji gowwaa
Bakkuma jirtuttin
Nagaya siif hawwaa......

✍✍✍Salah Qeeransoo

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

1 872

obunachilar
Kanal statistikasi