Oromian Students


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, Inglizcha


■Channel kanarraa:-
✓Reference book
✓Text book
✓Teacher guide
✓ Work sheet
✓Entrance Exam
✓Odeeffannoo waa'ee barnootaa ni argattu!
Buy ads: https://telega.io/c/Oromian_Students

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


#Yuunivarsiitii Hawaasaa
#Waamicha Barattootaa Digirii 2ffaa

Yuunivarsiitiin Hawaasaa iyyattoota digrii lammaffaa iyyattoota gahaa qabaniif qofa guyyaan galmee semestera tokkoffaa bara 2017 Onkoloolessa 25-27/2017 akka raawwatamu beeksise.

@Oromian_Students


Beeksisa haaraa(2).pdf
235.6Kb
Beeksisa haaraa
Kaadhimamtoota Barsiisotaa saganta BSTD Dippiloomaan Kolleejjii Shaambuuf


@Oromian_Students


#BEEKSISA_WAAMICHA #LEENJII_BARSIISUMMAA
#######
Onkoloolessa 20/2017, Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2014, 2015fi 2016tti Fudhataniifi Kanneen #Ulaagaa guutan filatee Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa 13 Qabu keessatti ogummaa barsiisummaan agantaa Dippiloomaafi Sartifikeetiin leenjisuu barbaada.

Kanaaf, Barattoonni Ulaagaa armaan gadii guuttan Onkoloolessa 25-27/2017tti #Kolleejjii #Barnoota_Barsiisotaa 13fi Iddoowwan #Galmee_Kolleejjonni_Mijeessanitti galmaa'uu kan dandeessan ta'uu hubachiifna. Via BBO

@Oromian_Students


#Yuunivarsiitii Walloo

Manni Barumsaa Aartii (School of Art Science) Yuunivarsiitii Walloo barattoota bara 2016 fi 2017 qormaata seensa yuunivarsiitii darbanii fi fedhii muuziqaa fi aartii tiyaatira barachuuf fedhii qaban sagantaa idileetiin leenjisuu barbaada.

Iyyattoonni ulaagaa guutuu fi fedhii qaban tiraanskriiptii kutaa 8-12ffaa isaanii orijinaala fi kooppii lama gara Waajjira Galmeessaa Yuunivarsiitii(Registrar) Wolootti fidanii galmaa’uu ni dandeessu.

Yeroon galmee:
Onkolooleessa 21 hanga Muddee 6/2017tti

Barattoota sagantaa sirreeffamaa turanii fi sagantaa barattoota waggaa tokkoffaa darban carraa kana irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an ibsamee jira.

@Oromian_Students


#YuunivarsiitiiKabridahar

Yuunivarsiitiin Kabridahar guyyaan galmee barattoota sagantaa sirreeffama (Remedial) bara 2016 darbanii fi bara 2017 barattoota haaraa ramadaman(freshman) Onkoloolessa 25 fi 26, 2017 akka ta’e beeksiseera.

Barattoonni haaraa ramadaman, tiraanskriiptii kutaa 8ffaa-12ffaa orijinaala fi kooppii isaanii, Uffataqorraa, fi Uffata ispoortii qabachuu qabu.

Barattoonni bara 2016 semisteera tokkoffaa eegaltanii sababa adda addaatiin 'Withdrawal' guuttan unka guutame hafe qabattanii dhufuu qabdu.

@Oromian_Students


Kolleejjiin Barnootaa Barsiisotaa Naqamtee barattoota kutaa 12ffaa xumuran filachuun sartefikeetaafi dippiloomaan leenjisuu barbaada. Haaluma kanaan barattoonni kutaa 12ffaa xumurtaan ulaagaalee filannoo Biiroo Barnootaa Oromiyaan qophaa'e nuuf ergame jiru guuttan gaafa guyyaa 25 -27/02/2017 tti bakka buufata filannoo Magaalaa Naqamtee, Jimmaa, Arjoofi Ambootti raga barnootaa keessan qabachuun qaaman argamtanii akka galmooftan isin beeksisna.

#Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa Naqamtee.

@Oromian_Students


Yuunivarsitii Asoosaa

@Oromian_Students


Kolleejjii barnoota Barsiisota Ciroo
👉BSTD  Certificate(12+1)
👉 Diploma(12+2)
Dorgomuuf fedhii kan qabu
👉 Galmeen:25-27/2/2017
Bakki Galmee:
Godina Harargee Lixaa
👉Magaalaa Ciroo
👉Magaala Hirnaa
👉 Magaalaa Galamsoo
Godina Harargee bahaa
👉 Magaalaa Maayaa
👉Magaalaa Dadar
👉Magaalaa Gurawwaa

@Oromian_Students


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


#Update
#Odeeffannoo dhiyeenyaa

Inistiitiyuutiin Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa yeroo galmee barattoota haaraa digirii jalqabaa hanga Waxabajjii 22/2017tti dheeresseera.

Qormaanni seensaa Onkoloolessa 26/2017 sa’aatii 8:00.

Sanadoota barbaachisoo
▪️ Tiraanskriiptii kutaa 11ffaa fi 12ffaa
▪️ Ragaa barnootaa kutaa 12ffaa
▪️ Ragaa Sagantaa Sirreeffama (Remedial)

Ministeera Barnootaa ✅

@Oromian_Students


Qajeelfama_Fo'annoofi_Filannoo.pdf
9.3Mb
Beeksisa Dorgommii

Koollejjii Barnoota Barsiisotaa keessatti leenjii kaadhimamtoota barsiisotaa bara 2017 gaggeeffamuuf barattoota kutaa 12ffaa xumuran keessa filachuuf qajeelfama qophaa’e.

@Oromian_Students


Barattoonni kutaa 12 xumurtanii Ogummaa #Barsiisumaan Gahoomuu barbaaddan Dorgomaa
Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa 13tiif
Galmeen:19-23/2/2017

@Oromian_Students


"Bara barnootaa 2017 irraa eegalee madaalliin xumuraa barattoota sirreeffamaa %100 Keessaa giddugalaan kennama" - Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnootaa madaallii Sagantaa Sirreeffamaa(Remediyaalii) irratti jijjiirama taasiseera.

Bara 2015 irraa eegalee barattoonni qormaata ba’uumsa kutaa 12ffaa irratti qabxii %50 gadi galmeessan keessaa filatamuun dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii barnoota #sirreeffamaa akka fudhatan godhamaa jira.

Bu’uura kanaan madaalliin barattoota sirreeffamaa giddu galeessatti %70, inistiitiyuutota keessatti ammoo %30 qabama turuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee, Ministirri Barnootaa yunivarsiitiiwwan mootummaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa hundaaf sarkiyuulariin akka ibsanitti sadarkaa dhaabbileetti %30 kennamu irratti walsimannaan akka hin jirre ibsaniiru.

Haaluma kanaan, bara 2017 irraa eegalee madaalliin xumuraa barattoota sirreeffamaa %100 giddu galeessaan akka kennamu ministeerri barnoota beeksiseera.

@Oromian_Students


Ramaddii Yuunivarsitii barattoota qormaata biyyaalessaa darbanii karaa
—> https://placement.ethernet.edu.et

—> https://t.me/moestudentbot

Ilaaluun akka danda’amu ministeerri barnootaa beeksiseera.

@Oromian_Students


#MoE

Bu'aan leenjii ijaarsa dandeettii ganna barsiisota sadarkaa 2ffaa fi hoggantoota manneen barnootaa ifoomeera.

Liinkii 👇 armaan gadii fayyadamuun lakkoofsa galmee ykn Username galchuun bu'aa keessan ilaaluu dandeessu
https://result.ethernet.edu.et irratti kan argamu

Barsiisonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi hoggantoonni manneen barnootaa kuma 49 ol ta’an leenjicha kana Adoolessa 22 hanga Hagayya 16, 2016tti

➡️JOIN AND ➡️SHARE
╔════════════╗
⏩JOIN: @Oromian_students
⏩JOIN: @Oromian_students
╚════════════╝ ⇲



16 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.