Hanga dhumaa dubbisaa👇🏻
✍️ Jaalatamuu,hammatamuu kunuunfamuu,nama duratti mul'atuufi kabajamuu,beekkamuufi maqaan ufii ol ka'uu hunduu ni barbaada,kanaaf hedduun namaa Oliifi gaditti conqol jedhaa jiraata, fedhiin akkasii immoo,yoo daangaa hin qabaanne joollee daa'imaan wal nama fakkeessa.
Eeeee
Mul'atanii argamuun gaariidha,garuu hujiin tahuu qaba,bahanii beekkamuun sirriidha,garuu amala gaariifi toltuun tahuu qaba,caalanii argamuun dorgommiidha,garuu toltuu yaaduu wajji tahuu qaba,beekamaa tahanii argamuun gaariidha,garuu beekkumsa wajjiin tahuu qaba,akkaafi bakki immoo,laalamuu qaba.
Jaaloo
Kaayoofi imala sirrii qabannaan,mikaa'inni kee gatii ifaajee keetitii beeki,gufuufi gufaatiin sirra gahaa ture,qoreefi danqaraan karaa irratti si sakaaleefi qaamaafi qalbii kee bocolaa gadi si lakkise,muuxannoofi leenjii kee isa darbee sanaa argi.
Obboaa
Hi'oo,lakki,i'iii hin tahu,haay jechuun kee,ijjannoo, murannoofi kutannoo sirrii sammuu keetiitii argi, tuffatamuu,dhiibamuu qimmiidamuu dandeettee, alanshamtee tufamuu diddee dhaabbachuun kee,dhugaa ati ufitti himtetu galaa tahee ol si dhaabee beeki.
Hey
Uf taatee ufirra dhaabbattee ufitti murteessuu jalqabnaan, murtii keetiif itti gaafatamummaa mataa keetii fudhannaan,ol jettee deemuufi ol jettee dubbachuu jalqabnaan,bishaan qallate furdate jedhee kan zaraata rifeensaa oliifi gaitti baqaqsaa oolu bira kuttee jirtaa uf badhaasi.
Yoooo
Joollummaa irraa ol siquuf,kaan safartee,kaan hammaartee gadi hin naqinii dhiisii bakka tokko ijjadhu.
Page U/Sufiyaan Usmaan irraa👇🏻
https://t.me/tafak_or