MM Dr.Abiyyi Jabdu uummata Booranaa saade, jabduu
leellisee maadeffate, Booranii aadaa jajjabaa fi beekkumsa
addaa ka akka daawwitii namii cuftii keessatti laalee irraa
barachuu qabu qaba. Booranii haasaa isaa keessaa Nageenni
Badhaadhaa indhabu, kun ammoo akkam nagaa akka jaalatuu
fi madda nagaa akka ta’e mirkaneessa jedhe. Nulleen Nagaa
Booranaa kana bu’uura godhannee labsuun Addunyaa biraa
Badhaasa Nagaa ( Nobel Prize) arganne jedhe. Kana qofaanit
Maqaa Paartii teenna haaraayyuu aadaa nagaa Booranaa ka
“Nageenni Badhaadha” jedhu irraa fudhanne “Paartii
Badhaadhinnaa” jennee moggaafanne jedhe. Addunyaa tana
gubbaa uummata akka Booranaa Bulchaa dhufu ganna 21 dura
filatu takkaa garree indhageenne kun waan maadee ka nama
cufaa barumsa ta’uu qabu jechuun guddoo dinqisiifate. Nu
ganna diddimaa dhiisii ganna tokkoo dursinee bulchaa dhufu
filachuu indandeenne, Booranii garuu abbaa Gadaa ganna 21
duuba Baallii fuudhu ammaa ya filatee kun guddoo nu
mamsiifte jedhe. Muummichii Ministera Biyyaa akkana dhufee
aadaa uummata keennaa saaduun jaalachuun akka malee
nama gammachiisa. Namii kanatti in gammannee waan jiru
inse’u.
Garuu akkuma Booranaa saade kana rakkoo uummata kanaa
furuuf ojjachuu qaba. Saadaan afaanii nama oolchiti malee
nama inbulchitu, gurra namatti horti malee liqimsaa taatee
beelaa dheebuu nama imbiiftu. Kanaaf akkuma Afaaniin
uummata keennaa faarse hojiin rakkoo uummata kana yoo fure
nulleen isa faarsina. Kanaaf Kabajamoo Muumicha Ministeraa,
bulchoota Naannoo fi Goodinaatiif wannii nu dhaamnu akkuma
aadaa fi duudha uummata Booranaa kana jaalattanii faarsaa
saadaa ooltani rakkoolee bu’uura ka hanqinnoota misoomaan
wal qabatanii ka uummata kana miidhaa jiraniif xiyyeefannoo
kennatanii kutannoon akka hojjataniidha. Yoosi uumatilleen
onnee irraa isan saadaa.
Horaa bulaa deebanaa
Join👇
Join👇
Join👇
@borananews
+++++++++++
@SabbooGoona