Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'anaa Suraa Al-qiyaamaa.
بسم الله الرحمن الرحيم
لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ
1, Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha.
وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ
2, Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu)
أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ
3, Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa?
بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ
4, Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti danda'oodha .
بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ
5, Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha.
يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ
6, "Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata.
فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ
7, (Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu.
وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ
8, (Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)
وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ
9, Aduufi jiinis walitti qabamu.
يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ
10, Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha .
كَلَّا لَا وَزَرَ
11, Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru.
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ
12, Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti.
يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ
13, Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama
بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ
14, Dhugumatti, namni of irratti ragaadha .
وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ
15, Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu .
لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ
16, Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin
إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ
17, Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.
قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ
18, Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi .
ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ
19, Ergasii isa ibsuun Nurra jira.
كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ
20, Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu.
وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ
21, Aakhiraa ni dhiiftu
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ
22, Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha.
إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ
23, Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha
وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٞ
24, Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha.
تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ
25, Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi.
كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ
26, Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee bira geesse,
وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ
27, (Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame,
وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ
28, (Namni du'aa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate;
وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ
29, (Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte.
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ
30, Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti.
فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ
.
31, Hin amanne; hin salaanne.
وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
32, kijibsiisee irraa gara gale.
ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ
33, Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme .
أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ
34, Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!
ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ
35, Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!
أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى
36, Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa?
أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ
37, Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree?
ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ
38, Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute.
فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ
39, Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise
أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ
40, Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii?