Borana News, Knowledge and Fun


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Beekkumsa, Oduu fi koobla Aadda Boorana gara gara Suuralee Abbootii Gadaa Booranaa fi taphaa kolfaa Borana Page kana jalati ni argatu nuti makama
Join and share with friends
.
አንብብ አዕምሮህ ልክ አንደባህር ይሰፋል። ወንዞችም ለአንተ መገበር ይጀምራሉ።
@borananews

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


RAAGII BOORANAA DURII AKKASS JEDHE?

Areeroo boosaroofaati durii akkass jedhanii,
Waan biyyiti amma keessa jirtu kanaa!!!!!!
Warri gaafasi duubaa
warra duddaa faayiisaa
Warra dubbiin haa dhiisaa
warra kophee buurankii
Warra buurana morma hin qabnee
warra idhaana gurda hin qabnee
Warra idhanu loonii hin qabnee
warra dhiibuun golla hin qabnee
Warra gollaa fayyaa hin qabnee
warra gola fuloo hin qabnee
Warra ilmeen fulaa hin qabnee
warra liqawambarii edduu
Warra liqee malee inn bullee jedhani jedhani
Warra gololi xaasaa
warra dubbiin xaaxaa
Warra ufii waariin buluu kaa wo arfatee hin elmannee
Warra bulchaan gumii kaa gumaan keessa injirree jedhani jedhan
Ammoo gaafas duuba egeri dirreen teesssisuu diddee
Baddaan korsiisuu diddee
Golboon buusisuu diddee
Udduu gubatee gadtaa’uu dadhabee
Aadda gubatee ciccichuu dadhabee
Bulti inqabuu bultii indhabuu egeri gaafas akka mana simphira rarra’aa jedhani
Gaafas duuba namii oma cufaan maraataa
Kora diraan maraataa
sagalee lafaan maraataa
Hori gaalaan maraataa
bineessa lukkuun maraataa
Dhalaa dubraan maraataa
Eela boollaan maraataa
Mana dhooqaan maraataa mana jedhee boollatti galee
Boolla tokkotti udaan tuulaa gaafas nyaaphii tuula murataa jedhani
Ammo duuba gaafas dhiphuun takka inargini addeenna keesssa itti dhuftii
Gaafas oolaan itti buutee aduun baatee lakkisuu diddee
Faranjiin itti addeessitee loon adiin guddoon dhedheeffi ormaataa ta’ani
Adoo oolaan sun ingeennee lafatti bu’anii
Loon adiin guddoon lafatti bu’anii
kaa haadha mataan adii
Kaa abbaa sarbaan adii
kaa goblola lafeen adii
Kaa haadha mataan gindaa
kaa abbaa sarbaan iddaa
Waani akkasiitti egeri dura dhufaa jedhanii
Egeri warri sunin warra kophee caammaa
Warra dhiphuun caama keessaa
warra kophee salalaa
Warra kophuun amalaa
warra gabayaan arbii
Warra kiyyibi qaldii
warra tolii isaa qabdii jedhani jedhani
Duuba warri gaafasii
Nadheeniin dhiira jedhee
Dubraan nadheen jedhee
Seeda dhabee ceera dhabee
Nadheen lakkisee dubaratti dacha’ee fulaa deemuu cufaa
Dubartii ittidhaltee akkaa dubraa massee akkoo dubraa guddisaa
Eegii inni akkaa dubraa massee akkoo dubraa guddisee
Wanni akka itti-inamnee mirgisaa akkaa dhabee mirgoo akkaa dhabee
Alaqaa akkaa dhabee Qaroo akkaa dhabee kurkuraa goobaa dhabee
Qeerroo kurkursaa dhabee akka inqabuu bulee ka’u malee
Akkii isaatuu ya anqatee gaafas akkuma arraballee dabanii
Caphallee dabanii tun isiinuu araamuu kophuu kophaa godaana jedhanii
Ammo gaafas namii adoo gargar turee
Nama yooyya jedhe waldhungatuu inarganii
Namii deemu cuftii harka walqabata
harka nama inqabatinaa injennee harka walinqabannee
Gaafas wanni inni ta’uu nafa inqabannee
andhuraa buusaa inseenee buusaa andhura inseenee
Loon addeenna injibbinee
sagalee addeessii imbarbaannee
Warra godaanee faana inqabnee inni gaafas goromsa dhalee mucaa inqabnee
Fulaa lafa jiru cufaa haroo idhaanatti
qotee idhanuu ufiitu dhabee
loon nama gula ba’uu dhabee jedhan jedhani
Gaafas Kaa nyaatan badii didee kanyaatee quufuu didaa
Kaa nama nyaatu inta’inaa
kaa nyaatani ta’aa jedhanii
Tokko cali tokko caphii
warra caphi jedhee indhabanii
Warra calaa jedhee tawaa jedhani jedhanii
Gaafas duuba boorani nyaaphee nyaaphi booranaa
Booranii nyaaphaan gama suni misaa muree mudaamuddii hin lakkisuu
Yom inni kennaa jedhe oodhaa jedhanii qabdaa jedhani qab-narraa jedhani jedhani
Gaafas oolaan marshanii untaan marshanii
ilmeen haati takkaan dhaltee gosa shanii
Gaafa oolaan marshani taatee untaan marshani taatee
ilmeen haati takkaan dhaltee gosa shan taatee
Kaan gafasuu daallittii kaan Islaanaa kaan Kirstaanaa tan lamaanitti walbira dhufaa
Tokkoon torba bultanii
tokkoon torbaatama bultanii Boorantittiin akkuma ufiitii
Ammo gaafas yoo afasuu daallittii taatan malee islaana tawaa
malee kirstaana inta’inaa jedhani jedhanii
Gaafas duuba haadha ufii dedhanii niitii ufii se’anii
Abbaa ufii dedhanii jaala ufii se’anii
waaqa ufii dedhanii aga nama se’anii jedhan jedhani
Guyyaa sun egeri gar beekhu hin yaa’uu waan bekhu hin dubbatuu
Yaawuma yaa’ee nami deemu cuftii malkaa imbeeneen bu’ee
👇
@borananews


Walaloon Jaalala dan repost
Oduu Gammachiisaa

Fiilmiin Afaan Oromoo Mata duree isaa "Siif Jedhee" jedhu Biyya keessatti eebbifamuufi. Fiilmii Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf sadarkaa idil- addunyaatin hojjatame kun turtii yeroo dheeraa booda xumuramuun isin bira gahuuf jedha.

Maarree isin link gad-jallaa jiru cuqaasuun video gabaabdu kana daawwadhaa. Subscribe gochuun ammoo guddina Fiilmii Oromoof shoora keessan bahaa

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa "Siif Jedhee" treaso
https://www.youtube.com/watch?v=QpSMfkVXc3I


XAALAYAA TOKKEESSOO‼️

#_ABBOOTII_GADAA_BOORANAA_FI_GABRAATIIF
---------------------------------------------------
Dhimmii = Finna uummataatiif!

Akkuma gararroo tanaatti irra baheetti sirnii Gadaa finna uummatii Oromoo durii, ammaa fi egeriillee ittiin buluudha. Kha madda dimookraasii addunyaa ta'e kha'umsii isaadha. Kha buusaa-gonofaa jedhee dadhabaa fi danda'aallee walti hidhee ila tokkoon cufaa laaluudha. Kha kheessummaa ufiillee ulfeessee mooraa-meedhichaan bulchuudha. Kha daallee-daafanaa hanga qaroo fi dureessilleen isa dhagayee ittiin buluudha.

Amma immoo finnii lammeessoo kha mootummaalleen la dhaattuutti darame. Finnii Gadaa khana hammatee angafummaa ufiitiin ammoo egeriillee ittuma fufa. Finnii siyaasaa ammoo waan dhaabbuu hin qabneef sirna gadaa xureessuu danda'a. Tanaaf hariiroon waliin qaban ta aadaa Gooroo qancarsitu ta'uu hin malle. Dhiyeenna khana khorii Gadaan yaamte finna Booranaatii dansaa turee horaa bulaa. Ammoo siyaasa mootummaatiin maqaan Booranaalleen laayyuu xuraa'e. Paartilee siyaasaa tamuu waliin gaaddisa qabaachuu malte Gadaan waan angafaa fi dhageettii qabduuf. Ammoo dureessa yaamtee hiyyeessa hin dhiiftu Gadaan, janna yaamtee daafanaa hin dhiiftu Gadaan dubbiif jennee.

Lammeessitoon Boorannii kheessummaa iluma tokkoon laala. Tokko waan #_Dirree dhufeef meedhichaan bulee, tokko waan #_Liibanii dhufeef ammoo nyeencaa-waraabessaa hin kennani. Gadaan lafaa, namaa-sa'aa, diqqaa fi guddaallee irraatti aangoo guutuu qabdi ta aga #_Qakhee. Daallee-Daafanaan, Jallaa fi Dhibaalleen Gadaa jala jirti.
Walumaagalaatti jiruu fi jireenna cufaa irra ejjuun khamuu akka hin dabne bulchuutti dansaa jedha!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Nagaa waliin!
Xachee Jiloo
(Mallattoo hin mullanne)
@XachishaBorena
@XachishaBorena








✍GADAAMMOJJII✍

Part One!

Gadaammojjiin sirna aadaan Oromoo ittiin geggeefamtu keesaa isa tokko.
Gadaammojjii: jechuun jaarsa mataa buufateedha.
Marii buufattoo goggeessa( lubaan )kan maruu yoo ta'uu,fakkeennaaf gadaammojjiin bara 2011tti mataa buufatte sun gadaammojjii lubaa #JILOO #HAAGA #ADIIti.
Gadaamojjiin gaafaa marsaan goggeessaa isii ga'uu mataa buufatti.
Namii goggeessii isaa jalaa darbee goggeessaa dhibii keessa buufachuun #GUULTUU jedhama.
#GADAAMMOJJII: Nama mataa buufatuudha.
#QOMICHA: Ilmaan nama mataa buufatuuti.

Adeemsa namii mataa buufatu keessa dabruu qabu:-
1⃣ Marii gogeessa isaa yoo ga'uu qaraa fiixee rifeensa mataa guddifata.
√. Rifeensii akka dibannaaf (gundoo) irratti hodhuufi tolutti.
√. Kallacha fudhataa.
√. Nyaata fi dhugaatii keessummaan offirraa galchuu qopheeffataa.
√. Sangaa baraartii qopheeffataa.
√. Hoolaa fi kkf qopheeffata.

Gaafa mataa dibadhaa jedhanii qoonqoon gadaa dhuftu:-
2⃣. Qumbii fuudhanii.

#Qumbii Digaluu fi Maxxaarrii gogeessa sunii ta buufattoo waliin qophaa'an irraa fudhatani.
Gaafa qumbii fuudhuu deemanii kallacha gadaammojjiichaa mucaa isaa kan waliin deemanitti mataatti hidhata.
Kallachii ganama eegii gadaammojjichii #Guduruu takaalatee kallacha irraa fudhatee #RUUFA kenneefi, tufeefii akkaa kiyyaa ga'ii mataa buufadhuu jedheenii eebbisaafii.

@XachishaBorena
@XachishaBorena


Kolleejjiin Barnoota Barsiisota Yaa'aballoo Amajjii /7/ 2012 tti
hojjattoota kolleejjichaatiif leenjii mata dureen: Sirna Madaallii
Bu'aa Raawwii, Beekkamtii fi Badhaasa Hojjattoota
Mootummaa jedhu irratti I/A/ Diinii kan ta'e obboo Guyyoo
Kanaatiin kennamee jira.
Hojjattoonni yaada kennaniin, hubannoo arganne kana yeroo
kamiiyyuu caalaa cimnee kana ittiin hojjannu tawaa jedhaniiru
🌍
👇
@borananews
@borananews


Kolleejjiin Barnoota Barsiisota Yaa'aballoo Amajjii /7/ 2012 tti
hojjattoota kolleejjichaatiif leenjii mata dureen: Sirna Madaallii
Bu'aa Raawwii, Beekkamtii fi Badhaasa Hojjattoota
Mootummaa jedhu




Haasa'aa Hawwataa Kabajamoo obbo Lammaa Magarsaa
taasisaa turan keessa muuraasa kan ittiin yaadadhu fi Haalan
nama Hawwatu.
።።።።።።።።።።።።።።።።፨፨፨፨።።።።።።።።።።።።።
1.Imaanaa ummataaf gallee fi wareegama qaalii ummataa
dagannee rafneerra.Akkanaan yoo itti fufne ofiifis bannee
ummatas hallayyaatti naqaa jirra.Karaarraa maqneerra.Karaatti
yaa deebinu.
2.Warri bakka lama ejjettan jirtu.Yookin gara Oromoo yookin
gara biraa filattan goraa.Akkanaan itti fufuun hin danda'amu
3.Ummata miiliyoona 50 qabaannee maaliif akka mogoleen nu
laafu, maaliif akka sodaannu,maaliif mataa gadi qabannee
golatti deebinee akka gumgumnu naaf hin galu.
4.Nuti ummata tokko,kaayyoon keenyas tokko.Erga kana ta'ee
maalif wal qoqqoonna?Maalif wal nyaanna? Tokkoon keenya
tokko irratti daba maaliif yaanna?Kun immoo ifadha,rakkoo
ummata keenyaaf osoo hin taanee,faayidaa dhuunfaa keenyaa
waan duursineefi!
5.Waa'ee Oromoo fi Oromummaa dubbachuu keenyaaf ija
biraatiin ilaalamuu hin qabnu!
6.Qabeenyi Oromiyaan ni qabdi jennee
faarsinu,kiisa ummata Oromoo seenee lakkaa'amuu yoo
baatee fi jireenya ummata Oromoo yoo hin taane hiika hin
qabu!
7.Murtii nurraa eegamu yoo hin laannu
ta'e,barcuma irra taa'uun faayidaa hin qabu!
8.Huccuun seeraa, kan ummata keenya ittiin sodaachisnu utuu
hin taane,kan ummata keenyaaf gaachana itti ta'anuu dha.
#
.

✓join👇👇👇
@borananews
@borananews




Warrii imaltu deemtan
Karaa Nageellee Booranaa
Gurraacha baddaa jidduu
Jaarroleetti Eebbisee
Gufattee injidduu
Liibee angafa lafaa
Nageellee Booranaa
Guddinnatti siif malaa
Nageellee lafa diraa
Teessoo Ardaa jilaa
Seenaa fi maqaa isii
Nama imbeennetti jiraa?
Yoo jiraate naa himaa
Nagaa fi yooyyaa jedhaa
Warra achiitti naa imaa
Ijoolleen Nageellee Booranaa jirtu!
👉✍ @borananews




Weerara Awwaannisa Gandoota fi Magaalaa Aanaa Yaabelo
keessatti.
Mudde 29, 2012 (WDHKM Aanaa Yaabelo )
Godina Booranaa Aanaa Yaabelo Gandoota gara garaa
.....
👉 @borananews


eck and balance
system መብታቸውን ያስጠብቃል ። በተጨማሪም የመጨረሻውን ቅጣት
የሚያስቀጣው ሴት ልጅን መድፈር ነው ። በግሪክ ጥቂት ባለሀብቶች
Oligarchy የሚጠቀሙ ወሳኞች ሲሆኑ ፥ በቦረና አባ የሚል ቅድመ ስም
ማዕረግ ያላቸው first among equals ከሁሉም እኩል ናቸው ። የሚመራቸው
የመጨረሻ ስልጣን አካል ሸንጎው ነው ። በአቴንስ አብዛኛው ህዝብ ባሪያ ሲሆን
፥ በቦረና ባርያ የለም ። በግሪክ አቴንስ የውጭ ሰዎች ዜጋ አይሆኑም ፥ በቦረና
ግን በጉዲፈቻ ስርዓት እኩል መብት አላቸው ፣
በቦረና ኦሮሞ በስልጣኑ አላግባብ የተጠቀመ አመራር Buqqiissuu (ከስልጣን
ማውረድ ስርዓት/recall) ይሰናበታል። ወዘተርፈ
በዚህ ዙሪያ የተሰነዱ በርካታ ጦማሮችን ብትፈትሹ አጀብ ማለታችሁ አይቀርም።
ይህ ተሞክሮ ጃጅተው እያንቀላፉና እያንጎላጁም ስልጣን ትዳር ለሚመስላቸው
የአፍሪካ መሪዎች መልካም ተሞክሮ ይሆን ነበር
Join for more
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@borananews
@borananews


የቦረና ኦሮሞ
==============================
Via TAYE BOGALE AREGA
የቦራና ኦሮሞ
በኬንያ ፦ መርሳቢት ፥ ሶሎሎና ኢሲዮሎ ጠቅላይ ግዛቶች ውስጥ በከፍተኛ
ቁጥር የሚገኝ ሲሆን ፤ የዚህን ቁጥር 5 ጊዜ እጥፍ የሚሆነው ደግሞ
በኢትዮጵያ ውስጥ በአሁኑ አከላለል ቦረናና ጉጂ ዞኖች ውስጥ ይገኛል ።
ይህ ማህበረሰብ የሚገርም ዴሞክራሲያዊ ስርዓት ፥ የዘመን አቆጣጠር ፥
አስደናቂ ባህላዊ እሴቶች ፥ ፍልስፍና ፥ ከጎረቤት ህዝቦች ጋርም ሆነ በውስጡ
የሚፈጠሩ ተቃርኖዎችን የሚፈታበት መንገድ አለው ። ከጦርነት ሰላምን
ይመርጣል ። ለዚህም ነው nuu wara nagee እኛ የሰላም አምባሳደሮች /
የፍቅር ሰዎች ነን የሚለው ። እነሆም ከዛሬ ጀምሬ ከዚህ ማህበረሰብ ትውፊታዊ
በረከቶችና በኢትዮጵያ ታሪክ አካልነቱ ለማወቅ ጉጉቱ ላላቸው እዚሁ ስር edit
እያልኩ ያለመታከት አቀርባለሁ ።
ጎን ለጎን ግን ጽሁፎቼን መለጠፌን አላቋርጥም ።
በቅድሚያ ከ1467 - 2016 ዓም በየስምንት ዓመቱ ማህበረሰቡን የመሩትንና
እየመራ ያለውን ጨምሬ አፈ ጉባኤዎች / አባ ገዳዎች ላስተዋውቃችሁ ፦
1. ገደዮ ገልገሎ ያያ ከ1467 - 1475
2. ያያ ፉሌ ያያ 1475 - 1483
3 ጃርሶ ባቦ ጋኖ 1483 - 1491
4 ደዌ ቦርቦር ደዌ 1491 -
1499
5 ዲዳ ነምዱሪ አና 1499 - 1507
6 አሬሮ ቦሩ በልከቻ 1507 - 1515
7 ቲቲሌ ዱለቻ ያያ 1515 - 1523
8 ሉኩ ጃርሶ ባቦ 1523 - 1531
9 Borbore Dawwee 1531 - 1539
10 Aga Raage Kalee 1539 - 47
11 Dagale Yaayyaa Diidaa 1547 - 55
12 Ososo Tiitiilee Dullachaa 1555 - 63
13 Borro Lukuu Jaarsoo 1563 - 71
14 Abbaya Horroo Dullachaa 1571 - 79
15 Bido Dhoqee Rassoo 1579 - 87
16 Horro Dullacha Guyyoo 1587 - 95
17 Yaayyaa Holee Bonayaa 1595 - 1603
18 Doyo Borro Lakuu 1603 - 11
19 Baaco Nadho Hachuu 1611 - 19
20 Urgumeessa Igu Beeree 1619 - 27
21 Baabo Horroo Dullachaa 1627 - 35
22 Baabo Sibu Beeree 1635 - 43
23 Hindhale Doyo Boru :1643 -1651
24 Hachu Abbiyu Baachoo :1651-1659
25 Aabu Laku Mormaa :1659-67
26 Abbayi Baabo Horroo :1667-74
27 Alle Kura Yaayyaa 1674-82
28 Wayyu Uru Malelee 1682-90
29 Morowwa Abayye Aasi1690 -98
30 Gobba Alla Nurra 1698-1706
31 Dawwe Gobbo Yaayyaa 1706-14
32 Jaarso Iddo Yaayyaa 1714-22
33 Wale Waccu Rooqaa 1722-30
34 Sora Dhadacha Iluu 1730-37
35 Dhadacha Roble Guyyoo 1737-45
36 Halake Doyo Hareree 1745-53
37 Guyyo Gedo Wallee 1753-61
38 Madha Boruu Dadoyii 1761-68
39 Sora Diida Qarsaa 1768-76
40 Bule Dhadacha Roblee 1776-83
41 Liban Wata Namfurii 1783-91
42 Wayyu Rale Canaa 1791-98
43 Boru Madha Boruu 1798-1806
44 Ungule Halake Saddee 1806-14
45 Saqqo Dhadacha Gaamadu 1814-21
46 Jilo Nyenco Soraa 1821-29
47 Sokore Anna Borboree 1829-37
48 Liban Jilo Hadhawa 1845-52
50 Jaldeesaa Guyyo Dabassaa 1852-60
51 Doyo Jilo Nyencoo 1860-68
52 Haroo Adii Liban 1868-76
53 Dida Bitata Maamoo 1876-83
54 Guyyo Boru Ungulee 1885-91
55 Liban Jaldeessa Guyyoo 1891-99
56 Adi Doyoo Jiloo 1899-1906
57 Boru Galma Doyoo 1906-13
58 Liban Kuse Liban 1913-21
59 Arero Gedo Liban 1921-29
60 Bule Dabassa Bulee 1929-36
61 Aga Adii Doyoo 1936 - 44
62 Guyyo Boru Galmaa 1944 - 52
63 Madha Galma Torree 1952 - 60
64 ጀልዴሳ ሊበን ጉዮ 1960 - 1968
65 ጎባ ቡሌ ደበሳ 1968 - 1976
66 ጂሎ አጋ አዲ 1976 - 1984
67 ቦሩ ጉዮ ቦሩ 1984 - 1992
68 ቦሩ መዳMadha ገልማ 1992 - 2000
69 ሊበን ጀልዴሳ ሊበን 2000 - 2008
70 በአሁኑ ወቅት እየመራ ያለው ጉዮ ጎባ ቡሌ ከ2008 - 2016 ሲሆን ፥
ሃላፊነቱን በሚቀጥለው ዓመት አዲስ ለሚመረጠው አባ ገዳ ያስረክባል ።
(እጅግ አስገራሚው ነገር 70ዉንም አባ ገዳዎች ከነዓመተ ምህረቱ ስማቸውን ፥
ጎሳቸውን ፥ ንዑስ ጎሳቸውን ፥ ከየትኛው የጎጌሳ መስመር እንደሆኑ አንዳች
ሳያዛንፉ የሚነግሯችሁ የማህበረሰቡ ታሪክ አዋቂዎች ከሊበን ኢትዮጵያ እስከ
ኢሲዮሎ ኬንያ መኖራቸው ነው ። )
የበለጠ የሚያስደምመው በየትኛው የገዳ ዘመን ምን እንደተፈጠረም ሳያዛንፉ
የሚነግሯችሁ ብልህ አዛውንቶች ሃዩዎች መኖራቸው ነው ።
በዚህ ጊዜ የምክር ቤቱ አመራሮች በሙሉ ስልጣናቸውን ለአዲሶቹ አመራሮች
አስረክበው ፥ ለቀጣዩ ስምንት ዓመት በአማካሪነት ያገለግላሉ ።
አመራሮች ፦
አባ dheeዳ - የግጦሽ አጠቃቀም አስተናባሪ ፤
አባ ዱላ - የጦሩ መሪ
አባ ኤላ - የውሀ አጠቃቀም ስርዓት አስከባሪና ባለቤት ፤
አባ ፈርዳ - ፈረሰኛ
አባ ጉያ - በውሀ አጠቃቀም ዙሪያ የእንስሳትን አጠጣጥ ቅደም ተከተል ፈር
የሚያስይዝ ፤
አባ ገዳ - የመሪው ሉባ ወይም ጎጌሳ መሪ ፤
አባ ጎሳ - የጎሳ / ነገድ መሪ ፤
አባ ሄሬጋ - የጋማም ሆነ የቀንድ ከብቶች በኩሬም ሆነ በጅረቶች በተገቢው
መንገድ ስለመጠቀማቸው የሚቆጣጠር ፤
አባ ጂላ - የጂላ ስርዓት መሪ head of the ceremony ፤
አባ ኦላ - የመንደር መሪ ፤
አባ ቀ'ዔ - የንዑስ ማህበረሰብ መሪ ፤
አባ ሴራ - የፍትህ ስርዓት መሪ ፤
አባ ወራና - የጦር አበጋዝ በተለያዩ እርከኖች በአባ ዱላው ስር ጦር መሪ
Abbaa hookoo: holder of the forked stick ; a father who
accompanies each group of boys during their Nyaachis
roaming ...
የገዳ ስርዓት
ገዳ የቦረና የትውልድ ቅብብሎሽ አጠቃላይ ስርዓት ሲሆን ይህም ፦
አጠቃላይ ማህበረሰባዊ ጥንቅሩን ፤
የአንድን ገዳ ደረጃ ስርዓት ፤
በገዳ እርከን ደረጃ ያለ ግለሰብን ፤ በየስምንት ዓመቱ ከአንድ ደረጃ ወደ ሌላ
ደረጃ ያለ ሽግግርን የሚያሳይ ፅንሰ ሀሳብ ነው ፣
ስርዓቱ ከጥንቱ የአቴና ዴሞክራሲ የሚልቅባቸው መገለጫዎች በርከት ያሉ
ቢሆኑም ፥ ለማሳያ ያህል ፦
በአቴንስ ሶሎኑ መሪው ተደጋግሞ መመረጥ ሲችል ፥ የቦረና መሪዎች ከስምንት
ዓመት ውልፊት የለም ።
በግሪክ መሪው መሪ ነው ፥ በቦረና ግን መሪው ሸንጎው ሆኖ ይወስናል ፤ በግሪክ
መሪዎች ደጋግመው ይመረጣሉ ፥ በቦረና ከ8 ዓመት ማለፍ አይፈቀድም ፥
በግሪክ ሴቶች ቦታ የላቸውም ፥ በቦረና በሲቄ ተቋም ch


Weerara Awwaannisa Gandoota fi Magaalaa Aanaa Dirree
keessatti.
Mudde 27, 2012 (WDHKM Aanaa Dirree )
Godina Booranaa Aanaa Dirreettii Gandoota gara garaa fi
Magaala keessatti hoomaan Awwaannisaa Mukaa, Marga
Loonii fi Biqiltoota Adda addaa barbadeessa jirachuu isaa
ibsan .
Hoomaan Awwaannisa Ganda akka H/saamaroo keessa
darbee gara Magaala Sooddattii darbuu isaa himan.
Magaala Sooddaa keessattii Ummata Sooddaa fi Deeggarsa
Humna Poolisii Aanaa waliin ta'udhaan bifa duulattiin
birmachuun of biraa akka dabarsaa jiruu dubbataa Hoogganaan
Waajjira Misooma Qonna Fi Qabeenna Uumamaa Obbo
Galgaloo Boruu.
.
For more join
@borananews
@borananews


Weerara Awwaannisa Gandoota fi Magaalaa Aanaa Dirree
keessatti.
Mudde 27, 2012 (WDHKM Aanaa Dirree )
Godina Booranaa Aanaa Dirreettii Gandoota gara garaa
Ittii Fufaa.....
👉 @borananews For more


Walaloon Jaalala dan repost
Baga Geessan Qillee

Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa

Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa

Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee

✍✍✍✍✍✍
@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
@Simbookee

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

1 786

obunachilar
Kanal statistikasi