Note: ONNANNAA
Asoosama Gabaaba
"AARSAA JAALALAA"
Kutaa 1ffaa
Seerrii uumaa hundaafuu walqixa. Abbaan fedhe irraa ammaarratee, abbaan fedhe ammoo kan hin sarbamnee.
Kolfaan yeroo eshee kan namoota bohaarsituu fi ijjoollota hiriyaa eshee ta'an waliin akka gaariin kan jiraattuu, akkasumas barumsa esheen kan morkii hin qabnedha.
Bifa qabeettii magaala ilkaan kaarruu baqaksaa migiraa fakkaatuu rifeensi eshee dugda irraa gadi luucca'ee miidhagina irratti miidhagina ida'eef kan fakkaattu dhiironni hedduun kan gorora/ hancufaa coccobsaniifiidha.
Soolaneen.
Barnoota eshee kutaa 1-8ffaa mana barumsaa baadiyyaa Bajirootti, sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa baratti.
Dhiironni hedduun Soolanee Harkaa fi bobaa isaani jala galfachuuf kan yeroo hedduu itti ciisa dhabanii raafaman hedduudha. Gurbaa diimaa dheeraa rifeensi isaa gurracha'ee dheeratee goofaree/ Goottana fakkeessee Areedaa/bissii isaa waliin wal qabsiisee yeroo boca baafate qajeeluu akkan kan dubroota baayyee qalbii hatuu fi dandeettiin barnootan qabus kan wal nama gaafachiisu miti.
Urjii.
Mucaa baadiyyaatti dhalatee magaalaa Ambootti guddateedha. Barnoota isaas Qophaa'ina kutaa 11ffaa barata.
Dhiirota Soolaneef hancufa cobsan keessaa isa tokko ture. Urjiin.
Yeroo sad. 2ffaa baratu karaa fuulbarruu/facebook kan walbaran yoo ta'u, lameenuu yaadan kan walii galaniidha.
Yaadaa dhugaa fi haqaa kan hordofuufii dhuga jiru baasee lallabuu Urjiin hedduu Jaalateera.
Jaalallii isaa kan dhugaa ta'ee akka mul'atuuf hedduu dhama'a.
Bilbila Soolanee bilbileefi guyyaa boqonnaa isaa mag. Giincii Kutaa Soolanee keessatti Waliin Dabarsu.
Jaalalaa dhugaa. isa fedhii fooni irratti hin hundoofne. isa boruuf karaa galma jaalalaa dhugaa soqu kan barbaaduudha.
Kanaaf yeroo mara "Sool koo" jedhee Soolaane Ittiin waama. Urjiin.
Guyyaan isaa Sanbata duraati. Mag. Giincii bakka Madda Awaash Resourse jedhamu keessa guyyaa tilmaamaan sa'aatii 11:15 yoo ta'u waliin bashannanaa bashaashuu.
Lameenuu taphaf qoosaan baayyee wal kolfisiisuun wal dadhabsaniiru. Yeroo kana sa'aatiin deemeera. Soolaneen machoofteetti.
Jaamboo isaa harka mirgaan Forocaa harka bitaan Soolanee ofitti qabee eshees forocisiisa. Soolaneen waan machoofteef waan haasoftuu fi waan dhiistuu walii hin beektu. Urjiin garuu dhugaatiitti waan beekuuf waanti machii jedhu gara isaatti marii hin naanneffanne. Halkan keessaa saatii 4:30 darbeera. Karaa irratti baasee Baajajiin wal fudhatanii gara kutaa Soolaneetti kutan. Waan dheekkamaniif warri itti kireessan, akka waan dhukkubsatte oboleessi eshee mana yaalatii fiduu fakkaattee karra moona rurukutte. Eenyu jechaa yeroo jala banan/saaqan kunuu Soolaneedha. Dubbachuu hin dandeessu Ati hoo jennaan Obboleessa mana yaalatiin fidaa jira. Ni dhukkubsatte jechaa gara kutaa esheetti kute.
Mana eshee banee olseenanii Siree eshee irratti jorgaa of goote. Yeroo kana qaamni eshee uffata maleedha. "Sool koo ani hin bulu nan deema yeroon mana ga'ee siifan bilbila, yoo natti mijate ammoo bor deebi'ee dhufee sifudhadheen Amboo waliin Oolla" jedhe Urjiin.
Sireerraa ol utaaltee hin galtu har'a ni bulta malee, yoo galte boru nan agartu. Dachee kanatti of makeen maqaa fi Eenyummaa koo dhoksa Jetteen Soolaneen.
Inni waan dubbatu walaalee tole eega atuu jettee nan bula. Ka'i egaa haa rafnu jedhee uffata isaa baafatee qumxaa fi uffata jalaa/body isaan sireerra ba'ee uffata jala galee ciise. Soolaneenis uffata eshee hunda baafatte akka dhalattetti Uffata jalatti Urjii jala seentee.
Sa'aatiin deemeera. Halkan qixxeedha.
Harka esheen qaamoota Urjii mataa hanga harkii eshee hiixatee dhaqqabuutti gara miilatti hooksiti. Ni dhungatti. Ni arraabdii. Gorora isaa forocci. Hidhii afaan isaa harkifti akka harma haadha esheetti. Qaamni eshee of dadhabeera. Waan dubbattuu fi dhiistuu, waan qabduu fi gadhiistu hunda wallaalteetti. Soolaneen hanga guyyaa Kanaatti dhiira waliin haasoftee, jala ciistee hin beektu. Kan har'aa kun garuu adda.
Qaamonni isaa hunduu si'aa dhufan. Qaamni saala isaas ni ijaajje. Harka isaa mirgaa eshee boraafachiisera. Harka isaa bitaan ammoo ofitti qabee cal jedhee ciisa.
Nii galagalti. G