… ANATU BALLEESSE …!
.
Naannoo bara 1740-1786 Dh. K . B biyya peerushiyaa kan bulchaa ture mootii humnaan bulchuuf garuu amala addaa qabu Fireedirik jedhamutu ture. Namichi kun humnaan haa bulchu iyyuu malee amala abbaa irrummaasaa kana faayidaa uummataaf oolcha.
Guyyaa tokko mana adabaa biyyasaa jiru tokko eegdotaan marfamee utuu daawwatuu waan ajaa’ibsiisaa tokko arge. Akkuma inni mana adabaa daawwachuuf dhufa jedhamee odeeffameen hidhamtoonni dhaga’aanii qophaa’anii eeggachuu eegalan. Namni kun amala humnaan bulchuu waan qabuuf ofumasaa waan barbaade akka murteessu nii beeku. Tarii garasaa ilaalanii yookaan iyya isaanii dhaga’ee gaddeefii battaluma sanatti hiikuuf akka inni aboo qabu nii beeku. Fireedirik akkuma mana adabaa sana seeneen hidhamtoonni hundinuu iyyuu eegalan. Inni tokko asiin “ Yaa mootii utuun waan tokko hin balleessinan hidhame . maaloo nahiiki. “ jedha. Inni kaan immoo asiin “ Yaa mootii ani nama qulqulluudha, ani nama tasuma yakka hin qabneedha” jedha. Hundumtuu dabaanin hidhame jedhee iyya.
Mootichis namni hammi kun akkamitti haqa dhabuudhaan hidhame jedhee utuu yaaduu kallattii tokkoon gara suuqaa yemmuu ilaalu nama matasaa gadi cabsee suuqa taa’u arge. Mootichis gara namichaatti dhiyaatee “ Hidhamaan kun hundumtuu qulqulluu akka ta’e iyyee dubbata; ati maaf calliste ? haallikee akkami? “ jedhee gaafate.
Hidhamaan sunis oljedhee “ Waanan hojjedhe natu beeka, ani badiin qaba, anatu balleesse, hidhamuunkoos waanuma naaf malun argadhe “ jedhee deebi’ee boquu cabsee taa’uu itti fufe. Fireedirik erga kana dhaga’ee gara eegdota mana hidhaatti garagalee qajeelfama tokko dabarse. “ Hidhamtoonni kun hundinuu nuti qulqulluudha jedhaniiru, namni kun garuu yakkamaa akka ta’e amaneera. Namichi yakkamaan kun qulqulloota gidduu taa’ee amala isaanii akka hin balleessineef amma haa hiikamu! “ jedhe. Daqiiqaa muuraasa boodas namichi bilisaan gad dhiifame.
Dogoggoruun badii tokko yoo ta’u, akka hin dogoggoretti yaaduun immoo badii lammataati. Yeroo hundumaa dogoggora amanuu mannaa haaluu filatta yoo ta’e miidhama hedduuf of saaxilta. Dogoggora amanuu diduu mannaa daandii gaariin itti gaafatamummaa fudhachuudhaan dhiifama gaafatanii gara fuulduraatti adeemuudha!!
Page kanatti yoo hiriyyaakee dabalte natti tola!
Hiriyyaakeef share…share…yoo goote akkumakee irraa barata!
@mikaainajirenyaa