Galaana Gaaromsaa dan repost
NAMICHAA FI LEENCA
Bara duriiti. Namichaa fi Leencatu utuu dhimma isaanii deemanii karaatti walitti dhufani. Galmi isaanii tokko tahuu baatus walumaan deemna jedhanii waliin qajeelani. Utuma haasa'aa deemanii waa'ee ol aantummaa isaanii walitti odeessuu jalqabu. Namichi warra keenyatu isin caala jedhee odeessa. Leencis akkuma kana. Warra kan isaa leellisa. Wal amansiisuufis hedduu rakkatani. Utuma akkanaan walitti falmaa deemanii siidaa tokko karaa biratti argani. Namichis akkuma argeen quba isaa achi qabee, "Ilaalika olaantummaa keenya. Waan siidaa kana irratti barreeffamee jiru argitee?" jedheen. Leencichis, "Eyyeen argaan jira." jedhe. Siidaa sana irratti kan barreeffamee jiru, 'Leenca harka namaatti du'e!' jedha ture. Namichis deebisee, "Egaa kun olaantummaa keenya durumaa kaasnee isin irratti qabnu ibsa, " jedhe. Leencichis keessa isaatti akka seequu tahee, "Olaantummaan keessan hamma nuti siidaa dhaabuu fi irratti barreessuu barru qofatti. Utuu nuti, leencotni, kan siidaa dhaabuu fi irratti barreessuu beeknu tahee isin kumaatamaan miila keenya jala ciciistanii siidaan dhaabama ture," jedhe jedhama.
@jaalalleekoo 🙏