BBC Afaan Oromoo Official


Kanal geosi va tili: Somali, Somalicha


Oduu - BBC News Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Somali, Somalicha
Statistika
Postlar filtri




Phaaphaasiin mana Amantaa Ortodoksii Wiixata darbe Awustiraaliyaa magaalaa Siidiniitti osoo kallattiidhaan barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun haleellaan irratti raawwatamee ture Abuuna Maar Maarii Amaanu’el nama miidhaa isaanirraan geessiseef dhiifama gochuu dubbatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/W0OGCTm


Kilqaboonni Ingilaand jajjaboo lamaan Piriimer Liigii keessatti duraafi duubaan sadarkaa tokkooffaafi lamaffaarra jiran Maanchester Siitiin fi Arsenaal Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessaa ari'aman.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qLgn0xE


Yukireen waraana Raashiyaa wajjin itti jirtu kana ni mo'amti taanan "Waraanni Addunyaa 3ffaan" waan hin oolledha jedhan Ministeerri Muummen Yukireen Deeniys Shimaayhal. Kanaaf ammoo kongiresiin Ameerikaa deeggarsa Yukireenif jedhamee hanga ammaa hin raggaane akka raggaasisuuf waamicha godhan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/SRZIioe


Kilqaboonni Ingilaand jajjaboo lamaan Piriimer Liigii keessatti duraafi duubaan sadarkaa tokkooffaafi lamaffaarra jiran Maanchester Siitiin fi Arsenaal Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessaa ari'aman.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qLgn0xE


Erga Iraan guyyaa Sambataa daangaa Israa'el irratti kallattiidhaan haleellaa raawwatteen booda, bu'aa fi kisaaraan damee siyaasaa, diinagdeefi ilaalchaatiin argamaniif mutan jiru jedhu xinxaltoonni.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aSPqGAc


Haati warraafi abbaan warraa ofiifuu hojii humnaatiin of jiraachisaniifi mana kiraa keessatti jiruun itti ulfaate kun, amma si’a tokkoon ijoollee sadii godhachuun dhiphina hamaa keessa waan isaan galcheef namni humna qabu nu gargaaree ijoolleenkoo guddatanii arguun hawwa jedha Tolasaan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qpCKSxR






Ammaan tana dhimmi Gaazaa kan mata duree ta'u keessaa bahe fakkaata. MM Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahis dhiibbaa keessaafi alaa irra gahaatu irraa kan boqatan fakkaatu. Haleellaan Iraan Israa'el irratti raawwatte attamiin Netaaniyaahuuf haala jijjiree?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/sRAWwCi


Dureen amantii beekamaan Abuuna Maar Maarii Amaanu’el osoo bataskaana Siidiiniitti argamurraa kallattiidhaan barsiisaa jiranu meeshaa qara qabuun Wiixata darbe waraanaman. Abuuna Maar Maarii Amaanu’el bataskaana Ortodoksii Asiiriiyaatti duree bataskaana Christ The Good Shepherded jedhamuuti. Osoo barsiisaa jiranu kallattiirratti waraanaman.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aNG1TeW


Tapha nuusa walakkaa lama halkan taphatameen kilaboonni Ispeen lama-Baarseloonaafi Atileetikoo Maadiriid keessaa galaniiru. Baarseloonaa dirree ofiisaarratti kilaba Faransaay guddicha PSGn mo’amee kufeera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0dBlGXF


Dhimmi waggaa sadiin dura ijoo dubbii ta’eefi paarlaamaa Awustiraaliyaa keessatti dubartiin tokko nama siyaasaa waliin hojjataa turteen gudeedamte jedhu dhugaa ta’u manni murtii biyyattii mirkanneesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aAXGvQ3


Magaalaan Allaamaaxaa yeroo ammaa to’annoo raayyaa ittisaafi poolisii federaalaa jala seenuushee kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Abarraa BBC’tti himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kGvyQ30


Gaaffii maatiin miseensota Faannoo Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti walitti dhukaasuu poolisii waliin tureen guyyoota dura ajjeefamanii reeffa ijoolleesaanii fudhachuuf dhiyeessan deebii akka hin argatiin BBC afaan Amaaraatti himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Hz6ZliO




Hanga Waraaqsi Isilaamaa kan sirna isaa Israa’eliin mormuu akka qaama ilaalcha taasifate bara 1979tti aangoo qabatuutti, Israa'eliifi Iraan waliin michuu turan. Ofii biyyoonni lamaan kunneen maaliif diina wal godhatanii?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/MujOdyB


Dargaggoonni Itoophiyaafi Ertiraa karaa Sudaaniin Liibiyaatti qaxxamuruuf turan humnoota Sudaan kanneen waraana waggaa tokko lakkoofsiisee kessatti argamaniin akka boji'amtootaatti qabamu maatiinsaanii himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/w48rGXz


Dureen amantaa Abuuna Maar Maarii Imaanu'el fi miseensonni kaan osoo Awustiraaliyaa Siidiniitti kallattiidhaan barnoota amantaa barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun waraanaman.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kIFZH8R


Gaggeessaa damee siyaasaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaa ijoollensaa dhiiraa sadi haleellaa Israa'elin Gaazaa keessatti jalaa ajjeefamuu beeksise. Miidiyaan Hamaasitti hidhata qabu akka jedhetti ijoollensaa sadan ayyaana Id al-Fixir kabajuuf gara buufata baqattootaa Al-Shiitii osoo deemaa jiranuu konkolaatan isaan ittiin deeman haleelame.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/mzyPc3w

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.