Booka Beekumsaa


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Chaanaalii kana keessaan:-
👉kitaabileefi barruuwwan barsiisoo ta'an garagaraatu argama.
👉 Waan beeknu waliif hirra, kan hin beekne immoo walirraa barra!

Yaada keessaniif:- @AbdiisaaE

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




#RAKKINNI_HAA_RAKKATU!
"Rakkinni haa rakkatu, duunis haa du'u; rakkinnis haa du'u, duuni haa rakkatu!"
~~~~
Kabajamoo jaalattoota hogbarruu Oromoo! Kitaaba gadii kana torbee lamaan darbe bilisaan siniin gahuun koo ni yaadatama. Kanas hedduun keessan buuffattanii of harkaan gaahattanii dubbisaafi walii dabarsaa turtanittu. Karaa garagaraa yaada keessan naan gahaa jirtu; fuuldurattis naan gahuu itti fufaa! Akkanuma, chaanala garagaraa irratti gadhiisuun dubbistoota biraan kan geessan galanni koo guddaadha.

#Ammallee walii dabarsuun dubbistootaan gahaa.

👉 t.me/Galaakoo
👉 t.me/Orobook

Yaada keessaniif: @AbdiisaaE

Oolmaa gaarii!
Abdiisaa Ejjetaa, barreessicha!


#Naqamtee!

#Simboo_Jireenyaa
#Galaa_Sammuu

Warri dubbisuuf barbaaddan Yooseef ( +251 93 295 3601) quunnamaa!

Dubbisa gaarii!


Galaa Sammuu dan repost
Kitaaba Xiinsammuu haaraa #Galaa_Sammuu!

#Leemman

Namoonni dubbisuu barbaaddan:-
Daandanaa Tasfaa (
+251 92 060 9737)

Dubbisa gaarii!


Galaa Sammuu dan repost
Galaa Sammuu

Garba Gurraacha

Namoonni dubbisuu barbaaddan:-
Abebe Tola (092 286 8876)
biraa ni argattu!

Dubbisa gaarii!






Osoo Nyaattanii Hin Dhugiinaa
(DHUGAA HIN NYAATINAA!)

Wal gahii! Kutaan wal gahichaaf qophaa'ee ture angaa'ota mootummaan qabamee jira. Manichi haala ajaa'ibaan kan faayame, taa'uumsi irra taa'amu ergamootaaf akka waan qophaa'eeti. Qoddattoonni wal gahichaa uffata addeeffatanii, kuffiyaa wal fakkataan mataa dhokfachaa, gaggeessaa wal gahichaaf gurra ergisuutti jiru. Gaggeessichis ija isaan hunda isaanii edda waraabbatee booda, miira isaa sodaan dhuunfatame dhoksuuf kolfa hin jirre qocee walitti qabaa ilkaan isaa hamma ta'e agarsiisaa, sagalee qaratee ergaa baga nagaan dhuftaniin sagantaa eegalchiise.

Sagantaan itti aanu dabaree qajeelfamni itti kennamudha. Sagantaa gorsaa! Gorsa ogeessa fayyaa! Affeerraa nyaataa jidduutti ta'uuf jiru wal qabatee hubannaa kennuufi. Ogeessichi, "Bishaaniyyuu haa ta'uutii, osoo nyaattanii dhuguun akka seera fayyaatti eeyyamamaa miti. Kanaafuu, dhugaa hin nyaatiina! Wayita nyaataa dhugdan yookan dhugaa nyaattan, 'inzaayimoonni' afaan keessaa nyaata bulleessuuf jiran, bishaaniin bulbulamanii gadi darbu. 'Inzaayimoonni' kunneen, afaan keessatti malee garaachaafi mar'immaan keessatti nyaata bulleessuu hin dandaa'ani. Akkanaan, bullaa'insi nyaataa jeeqamuun rakkoo fayyaaf nama saaxila.

Yeroo nyaattanis, hamma hin dabarsiinaa. Hamman ol nyaachuun garaa ofii ol kaafachuun ni dandaa'ama, garuu wayita garaan akka malee dhisamu ujummoolleen dhiigaa qimmiidamuun dhiigni amma ta'uu qabuun hin deemu.
Kan 'oksijinii' rabsu dhiiga waan ta'eef, 'oksijiniiin' akka eegamuun qaama hundatti hin rabsamu. Qaamota kanaan miidhaman keessaa tokko sammudha. Sammuun miidhamnaan immoo, maaltu akka ta'u tilmaamuun nama hin rakkisu.

Kanaafuu, osoo nyaattanii hin dhugiinaa (DHUGAA HIN NYAATINAA!), garaa ol kaafachuuf jechaa sammuu keessan hin miidhiinaa! Kan sammuun miidhame namaaf rabbi irraa fagaataadha!" jedhee dabaree isaa xumuree taa'e. ATIS HIN NYAATIIN!
~~~~~~~~~~~~~~

Abdiisaa Ejjetaa©2020
~~~~
@Galaakoo
@Orobook


Galaa Sammuu dan repost
#Galaa_Sammuu!

Akkuma isinuu beektan Galaan deemsa gara dubbistootaa eegaltee jirti. Iddoowwan hanga ammaatti kitaabni kun itti raabsaman:-
1. Adaamaa
Moonaa Fiqaaduu 092 334 0288
Amanuu Takkalaa +251917049472
2. Asallaa fi naannoo ishee
Kereddiin Abdallaa 093 710 2951
3. Baatuu
Seid Ibraahim 0986880221
4. Finfinnee:
Hundumaa Amansiisaa 091 260 7619
Abdii Addunyaa 092 548 3857
Yoonaas Addisuu 092 912 0227
5. Buraayyuu
Guutamaa Taayyee +251 92 505 3429
6. Hoolata
Tolasaa Badhaadhaa +251 91 997 9423
Yooseef Ijaaraa 0923622198
7. Giinciifi Olaankomii
Kumaa Margaa +251 93 418 1357
8. Amboo
Abdiisaa Ejjetaa 0942954404
9. Gudar
Ifargan Guddataa 091 977 8608
10. Gooban
Obsaan Dhaqqabaa 091 905 6966
11. Leemmaniifi naannoo ishee
Daandanaa Tasfaa +251 92 060 9737

Iddoowwan akka, Naqamtee, Shaambuu,
Harar, Ciroo yeroo gabaabaa keessatti namoota biraa argattan isin beeksifna.

Deeggarsa namoonni Finfinnee irraa gara Jimmaa fi Fiichee deemtan, kitaaba kana qabattanii deemuun na deeggaruu dandeessan keessaan na haasofsiisaa!

Hub: namoonni kitaaba kana baay'inaan barbaaddan namoota kanneen irraa qooddachuu dandeessu!

Dubbisa gaarii!

Yaada keessaniif
@Galataa1


Galaa Sammuu dan repost
👉 Galaa Sammuu!

Adaamaa warri jirtan:-

Moonaa Fiqaaduu biraa argachuu dandeessu!

Bilbila: 092 334 0288

Warri iddoo biraa karaa
👉 @Galataa1
Na quunnamaa!

Dubbisa gaarii 🙏


QUBA KUTTUU QUBEELLAA!

Quba koo na kuttee
Qubeellaa naan taatu
Urataan qodaa kees
Dhangaa koo naan baatu
"Sii baata!" naan jennaan
Hallayyaan naa nyaatu
Maraatummaan hawwes
Dafee natti haa kaatu!
Harkaaf miilla qabee
Firri naa hidhatu!

@Galaakoo
@Orobook


✍Furmaanni Dammaquudha!

"Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaan waraabessaa gaana kaase, itti dhufe.Rifatee gara fuulduraatti osoo fiiguu, of duratti haroo bal‟aa naachi keessaa mul‟atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee, gara mukaatti fiige. Koruu eegale. Muka yaabbachaa osoo jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge. Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroofi naacha, gara irraan immoo jawweedhaan marfamee jira. Rakkoo hamaa isa muudhate kana keessaa bahuuf maal gochuu qabaa? Namni kun yoo fiiges, utaales, gara samii barrisees, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda'u.

Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis dammaquudha. Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kun rakkoo hin jirredha. Kana jechuun wanti namicha kana rakkise marti akka inni itti ilaalaa jiru irraa madda. Ilaalchi yoo jijjiirame rakkoon ni furama." Galaa Sammuu, fuula 97
Har'a irraa eegaluun godinaaleefi magaalota Oromiyaa garaa garaatti raabsamuu eegalee jira. Barbaadaa dubbisaa!

Guyyaa gaarii!


Kabajamtoota miseensota chaanaalii Galaa Sammuu!

Kitaabnikoo inni jalqabaa 'Galaa Sammuu' torbee dhufu gaafa Kibxataa raabsamuu eegala. Kitaaba kana hanga naaf danda'ametti manneen kitaabaa hedduutti raabsuun yaala. Mee miseensonni chaanaalii kanaa warreen mana kitaabaa qabdaniifi raabsuu irratti na deeggaruu dandeessan, akkasumas namoonni barbaaddan karaa @Galataa1 na quunnamaa!

Halkan gaarii!
@Galaakoo


Kabajamtoota miseensota chaanaalii booka beekumsaa!

Bakka jirtanitti nageeenyikoo isin haa dhaqqabu. Akkuma beekkamu yeroo darbe kitaaba haaraa 'Rakkinni Haa Rakkatu!' Jedhu kan barreessaa Abdiisaa Ejjetaatiin barreeffame isin biraan geenyee turre. Kitaabichi hedduu keessan bira akka gahe abdiin qaba. Maarree kitaabni sun warri isin bira gahe, namoota biraatiif qooduun hamilee hogbarruu Oromoo fi barreessichaaf akka taatan abdiin qaba. Eeyyee! Chaanaalii garaagaraafi gareewwan telegiraamii irratti qooduun guutuu Oromiyaa fi ilmaan Oromoo hunda biraan gahaa!
Barreessaa keenya jajjabeessuuf darbees yaada sirreeffamaa yoo qabaattan karaa @AbdiisaaE qunnamuu dandeessu!

Oolmaa gaarii!
@Galaakoo
@Orobook


'WAA' KEESSA 'WAA' JIRA!
Eeyyeen:-
'Waa’ keessa ‘waa’ jira
‘Waa’ keessaa ‘waa’ baasi
‘Waa’ keessaa ‘waa’ dhabdu
“Waa!” jedhii asaasi!

'Waa' keessatti 'waa' hin dhiisiin!

@Galaakoo
@Orobook




#Sa'aa 24 qofaatu hafe!
(Barii boruu, barruu haaraa tokko waliin!)

Kitaabichi ('RAKKINNI HAA RAKKATTU!') hawwiin eeggachuutti jirtaniifi yoom nu dhaqqaba jechaa karaa adda addaa gaafachaa turtan, boru (wiixata) ganama sa'aa 12:00 -tti gadhiifama. Hiriyyoota keessan hin dhageenye dhageessisuun, dhangaa siniif dhiyaate kana akka waliin qooddattaniif affeeramtaniittu. Barii boruu, barruu haaraa tokko waliin wal bartu!

#Teelegiraama irraan, 'chaanaalota' @Galaakoo fi @Orobook irratti argachuu ni dandeessu. 'Chaanaala' kana 'Search' gochuun kitaabicha argachuuf haala mijeessaa!

👉Oolmaa gaarii!

Abdiisaa Ejjetaa, barreessicha!




RAKKINNI HAA RAKKATU!
(Kitaaba Haaraa)

Haala keessa jirtuun haala hundumaa walitti qabuu irraa of qabi. Har’i kan keeti itti jiraadhu; garuu ittiin hin dhaadatiin. Cimaa ta’i; ciminni yoomuu hin balfamu. Garuu ciminni kee qaawwa warreen dadhaboota bal’isee akka hin argamnetti of eeggadhu. Aangoon ati har’a ittiin lafa dhiistee nama irra deemuu caalchifattu, boru gaafa si harkaa bahe nama biraatu ittiin sirra deema.

Re’een umurii ishee lafarra jiraattu guutuu qullubbii adamsuun dabarsiti. Dhumarra garuu, qullubbiimaan itteeffamtee nyaatamti. Qurxummiinis akkasuma yeroo jireenya ishee bishaan keessaatti, bishaan asiif achi rurrukutaa jiraatti. Kana hundumaa, boodarra bishaan danfu keessa akka buufamtu quba hin qabdu. Lafti har’a nu baata; waan nyaataas nuuf laata. Garuu bor nu nyaata; nutus isa baata. Eeyyeen dacheen har’a nu baatti; boru immoo nu nyaatti!

Aangoon kan nama dhuunfaa osoo hin taane, kan yerooti. Kanaafuu yeroof harka laachaa naannoo kee mil'adhu; safuu illee horadhu. Ciminni kee warreen laafoof jabina, aangoo kee warreen sagalee hin qabneef sagalee haa ta'u. Qabeenyi kee mana haadha hiyyeessaa haa lixu. Harki har'a sirraa nyaate boru sin nyaatu. Akkanaan boruun bareeda; dirqamni namummaas galma gaha. Kana hin dagatiin. Dagachuun dirqama yoo ta'e, dagachuu dagadhu!.....

Kitaabicha keessaa fudhatame!

#Guutummaan isaa, guyyoota muraasaan booda sin dhaqqaba. Bifa PDF-tiin telegiraama irraan, 'Chaanaalota' @Galaakoo fi @Orobook irratti ni gadhiifama. Kanaaf, 'search' gochuun dubbisuuf qophaa'aa.
~~~~

@Galaakoo
@Orobook


UTUBAA OROMUMMAA
(The pillars of Oromummaa)

Afaan, aadaafi seenaan keenya utubaa Oromummaa keenyaati. Oromummaan kennaa dhaloota boodaa miti. Dhalataan Oromoo, Oromoo ta'uuf dhalate osoo hin taane, ta'eema dhalate. Sabboonummaan of jaalachuufi 'ani sabboonaadha' jechuu qofaa osoo hin taane, of beekuudha. Kunis jecharra darbee gochaan yoo deeggarame miidhagee argama. Guddinaafi dagaagina afaaniifi aadaa saba bal'aa kanaafi seenaa isaaf hamma humnaafi dandeettii keenyaa ifaajuun nurra jiraata. Kun dirqama jaalala Oromummaati.

Saayinsii afaan biraan barannuufi barsiifnu afaan keenyaan hojiirra olchuun, barreeffamoota gara garaa afaan keenyaan barraa'an wal irraa bituufi dubbisuun dirqama sabboonummaa sabboonaa tokkooti. Addumaan dandeettii dubbii afaanii afran dagaagfachuun nurra jiraata. Kan dubbiseefi qorate ni beeka; kan beekemmoo, katabuun dhalotaaf dabarsa.

Jechiifi gochi keenya akka wal simuuf, gumaacha gochaan deeggarameen wal biraa haa dhaabannu. Utumaa keenya jabeeffannee, mana keenya haa eegganu! Manni utubaa hin qabneefi Oromoon Oromummaa of keessaa hin qabne waliin tokkodha. Utubaa kee,...utubaa koo, ...eeyyeen utubaa keenya. Utubicha haa jabeeffannu!
~~~~~

@Galaakoo
@Orobook

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

1 114

obunachilar
Kanal statistikasi