DHUKKUBA BUSAA (malaria)
📈#Dhukkubni busaa dhukkuba Orgaanizimii pilaazmoodiyaamii
jedhamuun kan dhufu yoo ta’uu , dhukkubni kun nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarbu bookee busaa (Anopheles mosquito ) jedhamtuun. Pilaazmoodiyaamiin seeliiwwan dhiiga diimaa/ tiruu namaa keessatti seenuudhaan wal horu
👤#Biyya keenya kessatii Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtii birraa-ji'a fulbaana hanga muddee fii arfaasaa- ji'a Eblaa hanga Caamsaa
heddumminaam olka'ee mullaata. Kanaafuu yeroo kanatii ofeggannoo gochuun barbaachiisaa dha.
📈#MALLATTOOLEE DHUKKUBICHA
🗣Bakka busaan jiru kan jiraattu ykn jiraachaa kan turte yoo taʼe mallattoowwan busaa armaan gadii akka laayyootti hin ilaalin:
✍1, Dhagna gubaa cimaa
✍2, Dafqa
✍3, Qorraachu/hollachuu
✍4, Mataa bowwuu
✍5, Dhukkubbii maashaalee
✍6, Dadhabbii cimaa
✍7, Garaa hammeessuu
✍8, Hoqqisuu
✍9, Garaa kaasaa
✍10, fedhii nyaata dhabuu
✍11, Gogaan qaama fi adiin ijaa keelloo tahuu.
✍12,-Fincaan xiqqaachuu,ykn dhabamuu
❇️#YAALA
Dhukkubni busaa dhibee yaalan fayyuu dandauu waan taheef! Osoo dhukkubichi hin hammaatiin mana yaalatti qoratamuun qoricha Antimalaria ogeessi fayyaa kennu seeran fayyadamuun fayyuu ni danda`amaa.
✅~Anti malaria
🗣#ITTISA
➊. Agoobara keemikaala farra
booke qabu fayyadamuu
➋. Foddaa fi balbala,qaawwa manaa hunda cufuun akka raammoon hin seenne ittisuu.
➌. Uffata dheeraa qaama keenya guututti haguugu uffachuu.
➍. Bakka Bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu
fkn-Balfa,Bishaan xurawaan gara garaa dhabansiisuu.
➎. Yeroo lafa dhukkubni busaa itti heddummatu dhaqan,dursanii
qorsa fudhachuu
➏. Yoo mallattooleen,dhukkuba busaa nama irratti mul'ate dafanii mana yaala dhaquun,ogeessan fayyaatin mari'achuun,dawaa fudhachuu. fii kkf
♻️#Hubachiisa: Bookee busaa kormaan dhukkuba busaa hin
daddabarsu,sababni isaas bookee kormaan nadhii daraaraa malee, akka bookee dhaltuu dhiiga namaa hin sooratu. Yeroo amma kana dhukkubni kun bsli'inaan mul'ataa wan jiruuf share for the others.!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
┄┄┄┄┄┄┄┄
https://www.youtube.com/@BarumsaaFayyaa