Cuunfaa | Soora Sammuu


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan



Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Wanti guddaan milkaa'aa tahuu fi tahuu dadhabuukee har'aa miti. Amaleeffatnaan guyyuu guyyuu ati agarsiistu daandii milkaa'inaatti si qajeelchaa jiraachuu fi dhiisuu isaati malee.


@Cuunfaakoo


Dursanii argamuun tarkaanfii tokkoon waan dhufu osoo hin taane deemsa irra deddeebiitiini. Fiigicha amaleeffatameeni. Namni waanuma irra deddeebi'ee hojjete taha. Dursanii argamuufis tahu boodatti deebi'uuf amaleeffannaan namaa abbaa murtiiti.

Ati maal amaleeffattee jirta?

AMMUMA OF GAAFADHU!

@Cuunfaakoo


AMALOOTA NAMOOTA GUDDAA YAADANII:

A. Walitti fufiinsaan baratu.
Waan beekanitti yeroo kamiyyuu quufoo miti. Bakka haaraa daawwatu, kitaaba haaraa dubbisu, nama haaraan wal baru, dandeettii haaraa gabbifatu. Isaan umurii isaanii guutuu barattoota.

B. Qalbii guutuun dhaggeeffatu. Namootni guddaa yaadan akka waan baay'ee hin beekne of beeku. Kanaaf yaadaa fi hubannaa isaanii cimsuuf namoota hubannaa isaanirra qaban ni gaafatu. Kan hin beekne baruuf sirriitti dhaggeeffatu. Isaan dhaggeeffattoota gaariidha.

C. Waa bal'isanii ilaalu.

"Waantotni baay'een daangaa agartuu keenyaa qofa keessa waan seenaniif nutti hin mul'atani. Nutti mul'achuuf daangaa sammuu(yaada) keenyaa keessa seenuu qabu." David Thoreau

Namni yeroo hedduu jalqabatti kan argu addunyaa ofii isaati. Eenyummaankee maal akka ati argituufi akkaataa ati itti yaaddu murteessa.
Namootni guddaa yaadan, addunyaa ofii isaaniin alatti addunyaa biraan akka jiru beeku. Kanaaf addunyaa ofii isaanii keessaa bahuun addunyaa namoota biraas ija isaaniin ilaaluuf carraaqu. Akkaataa namni tokko ilaalu beekuuf, dursa akkaataa namni sun itti yaadu beekuun barbaachisaadha. Dhaggeeffataa gaarii tahuun asitti nama gargaara.

D. Guutummaatti jiraatu (live completely)

"Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa osoo hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." Michel Montaigne

Dhugaan jiru jireenyakee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'u.

Itti fufa ...

@Cuunfaakoo


Waantota to'achuu hin dandeenyeef bakka laachuu dhiisuu shaakali.

@Cuunfaakoo


HIRIYYE!

Jireenyi dhala namaaf hamtuu dha. Namni guyyuun bu'aa ba'ii hedduu keessa darba. Hiriyaa dhabuu, hoji-dhabdummaa, jireenya harkaa gara afaanii, nama jaalatan dhabuu, fayyaa dhabuu fi kaanis baay'eedha. Kana namni dubbatu hin jiru. Namni rakkoo namaa hin hubatu waan taheef.

Atis of ilaaltee bakki ati amma jirtu bakka ati gahuu barbaadde tahee sitti mul'achuu dhabuu danda'a. Akkuma guyyaan darbaa deemu umuriinkee dabalaa deema. Umurii dabalaa deemuun bakka yaadde yoo hin geenye immoo miira abdii kutannaatti seenta. "Dhuguma jireenyikoo kun sirrataa?" jettees of gaafatta.

Hiriyootakee fi namoota si boodarraan dhufan yeroo isaan karaa salphaan milkaa'anii fi jireenya gammachuu qabu jiraatan argita. Ati garuu waan hunda yaaltee karaan sitti cufamee bakkuma kaleessaa, bakkuma dheengaddaatti of argita. Akka nama abaaramaa, gatii hin qabnee ykn immoo kufaatiif dhalate tokkoottis of lakkaa'uu eegalta.

Ta'us garuu waan hundi akkas miti. Milkaa'uu dadhabdus abdii hin kutin. Dhaabadhuu of ilaali. Boqonnaa fudhadhu. Humnakee haareffadhu. Namni ati jaallattu sababa ati qarshii dhabdeef si ganuu danda'a. Akka barbaaddetti hiriyootakee fi firootakeef bakka isaan si fedhanitti argamuu dhabuu malta. Harki si qallachuu danda'a. Namoota kaaniinis akka waan gatii hin qabneetti ilaalamuu dandeessa.

Tahus garuu abdii hin kutin. Jireenyakeef falmadhu. Eenyullee waan guyyaan borii fidee dhufu hin beeku. Siifis akkasuma. Gatii of dhabsiisuu, gammachuu dhabuu fi abdii kutachuu irraa fagaadhu. Addunyaan kun cimtuudha. Atimmoo caalaatti cimaa tahi.

@Cuunfaakoo


"Saawwi harree keessa ooltu akka harree dh*dhuufti," jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kun maal jechuudha? Bakkaa fi namni nuti waliin oollu tokko jireenya keenya keessatti dhiibbaa qabaata jechuudha. Waanuma keessa jirru fakkaatna. Kun immoo addunyaa lafa irratti keessa jiraannu osoo hin taane 'social media' fayyadamnu irratti illee waan nuti hordofnu dabalata. Waan nu fayyadu filatnee hordofuu fi waliin jiraachuun gaariidha.

@Cuunfaakoo


Waantota fayyaa sammuukee miidhuu malan:

1. Dukkana keessa yeroo dheeraaf turuu.
2. Yaadota negatiivii tahan irratti xiyyeeffachuu
3. Bilbila irratti yeroo dheeraa dabarsuu
4. Sukkaara baay'inaan fayyadamuu
5. Muuziqaa 'earphone' fayyadamuun yeroo hunda dhaggeeffachuu.

@cuunfaakoo


Gadaa Promotion dan repost
♦️MAAL FEETU?♦️


Gaaffilee 3:

1. Ati eenyu?
2. Ati eenyuun tahuu barbaadda?
3. Kan tahuu barbaaddu tahuuf maal gochaa jirta?

Yeroo hunda of gaafadhu!

@Cuunfaakoo


Hamma qodaa sitti kennan hunda keessaa dhuguu geessutti baay'ee dheebotaa hin tahin. Dheebuukee to'adhu. Kan siif tahu filadhu. Hubannaan isa keessaa habbuuqqadhu.


@Cuunfaakoo


Nama irratti waan gaarii yoo argitu dinqisiifannaakee itti himi. Ati itti himuuf sekoondii muraasa sitti fudhata. Nama sana waliin garuu bara isaa/ishee guutuu jiraata waan taheef.

@cuunfaakoo


Kitaaba Irraa dan repost
"Al takka takka waan gochuu qabdu osoo hin taane, waan gochuu hin qabne beekuutu barbaachisaadha."

@KitaabaIrraa


Namootni maaliif na jibban hin jedhin. Isaan si jibban siin jibbu miti. Ati waan isaan tahuuf hawwan taatee waan argamtuuf hinaaffaadhaan ofii isaanii jibbu malee. Kan nama jibbu ofii isaa isa jibbuudha.

@cuunfaakoo


Guyyaa dabarsitu hunda keessatti imalakee gara waan si gammachiisuutti godhachuu hin dagatin.

@cuunfaakoo


OFIIKEEF GAARII TAHI!

Namni ati jireenyakee guutuu waliin jiraattu ofiikee qofa. Kanaaf ofiikeef gaarii tahuu yaali.

Ofitti amani. Jaalalaa fi kabaja ofiif qabaadhu.

@cuunfaakoo

15 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

246

obunachilar
Kanal statistikasi