Dubbisuun sammuu qara


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


® group kana jalatti
✓walaloo jaalala
✓Asoosama
✓ Bacoowwani fi
✓ comedy
✓xinsammuutu maxxaaffama join goodha ittin booharaa

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Kachoo galma hin qabne
Hin figinaa fira
Silaa dhugaan daboometi
Sobni gootomeraa

Yeroof of mul'isuun
Ni jira dalgaanii
Garuu dhumnisaa badadha
Kan deemuu sobanii

Yoo fakkeessa malee
Aduurren hin tatu bar Leenca
Namni galma hin qabne
Tasuuma karaarratti waaca




#update
Tajaajjilli #Facebook, #Instagram #WhatsApp fi #Instagram addaan cituu isaan dhaabbanni #facebook fayyadamtoota isaa dhiifama gaafatee jira.
Hanga tajaajila kennuu eegalutti fayyadamtoonni midiyaalee kanaa obsaan akka eegan #ethiotelecom beeksisee jira.
Join
°♨️
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°
°♨️
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°
°♨️
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°


Galaa Sammuu dan repost
FALMII DHUGAA.pdf
272.3Kb
Kitaaba FALMII DHUGAA jedhu kana dubbisaa. Amaanu'eel Oljirraatu isiniif Gumaache.


Faaruu Irreechaa/Dhibaayyuu

Ayyaana Irreechaa irratti faaruu faarfataman adda addaatu jira.
Isaan keessaa muraasni Mareehoo, Gabbisayyoo, Rooban Singaleefi
kanneen kana fakkaataniidha.

Mareehoo
Faaruun Mareehoo jedhamu namoota ayyaana Irreechaa irratti
hirmaataniin faarfatama. Namni tokko dura bu'ee faaruu
mareehoo jechaa adeema. Kanneen biroo immoo, irra deddeebiin
jalaa qabuun Mareehoo Mareehoo Mareeho....jechaa gara
horaatti adeemu. Innis, haala itti aanuun faarfatama.

Hoo yaa mareehoo
Irreechan harkaa qaba yaa maree hoo
Mareehoo x 2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaq nutti araarami yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Irreecha duraa oba haa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Sumaafan badii oole yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa tulluu uumtee yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa birraa uumtee yaa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Maree fardi hindalagu yaa maree hoo
Hoo yaa maree hoo!
Hoo yaa mareehoo jechuun Irreechi ayyaanefatama

Roobaan Siigale
Faaruun Rooban Singalee Booranaafi Gujiitti baay'ee beekamaadha.
Faaruun kun yeroo Dhibaayyuu akka armaan gadiitti faarfatama.
Aa hoo rooban siigalee...X2
Jiloo Waaree Waaqoo, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Waareen ganna misaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Ta bonaa furmaataa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Furmaatii roobinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Roobee lolaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Lolaa obaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Madda gabbisinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Biiftuun rooban baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Urgoon ardaan baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Areero gooroo yooyyaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Rimeeyyiin dallootaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Canaa baallii kuulaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Dhaltii gurruu tuutaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee.....

Gabbisayyoo
Faaruun Irreechaa Gabbisayyoo jedhu faaruu manguddoon
faarsaniidha. Faaruu kana namni tokko yoo eegalu kanneen biroo
ammoo irra deddeebiin jalaa qabu. Innis, akka itti aanuttii
faarfatama.

Gabbisayyoo hoo...hoo
Hayyee roobee leeshaan sobbooqa daraare
Roobee lafa nuu gahehoo
Ya Waaq situ nuu naheehoo.
Hayyee roobee roobee gabbise
Odaan nabee dalga lohe hoo
Karraaf ilmoon sitti boohee hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu kanaa
Odaa qaccee dalga ciise hoo
Karraaf ilmoo sittan dhiise hoo
Hayyee roobee leeshan sobboqa daraaree
Gadaankoo godaansi odaa hoo
Oromoo arrabni hoodahoo
Hayyee roobee roobe ayeetuu kana
Gabbisayyoo hoo...hoo...
Hayyee roobee roobee haroo garba gate
Roobee magarsee qaxxisaan latehoo
Roobee gabbisee falfalaan badehoo
Aadaan hoodaa kallachi hoodaa Waaqlafaa
Irranaa Cuqqeen ni mul'atahoo
Oromoon Waaqaan dubbata hoo
Odaan hoodaa kallachi hooda booranaa
Dambalii birbirsi latehoo
Roobee falfalaan badehoo
Odaan hoodaa birbirsi hooda Booranaa
Odaa nabee yaa kurfaakoo hoo
Gadaa Aabboo yaa ulfaakoo hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu
jechuun guyyaa ayyannefannaa Irreechaa farfaatama.

Yaadannoo Bakkuman jiru irraa


𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐘𝐤𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐚𝐚𝐲𝐲𝐮𝐮
Imalli kaayyoo hin daanga'u. Lafuman jiruttin, abjuu koo fiixan baasuuf aarsaa kanfalaa deemsa koo ittiin fufsiisa.

Gadaa keessatti Ayyaanota kabajaman hedduutu jira. Isaan keessaa tokko Irreecha ykn Dhibaayyuudha. Irreechi ayyaanota gurguddoo Oromoon kabaju keessaa isa tokko ta'ee, bakka tokko tokkootti dhibaayyuu jedhame beekama.

Irreechi ykn Dhibaayyuun ayyaana Oromoon ittiin Waaqa galateeffatu dha.
Fakkeenyaaf, Milkaa'ina, Nageenyaa fi Tasgabbii bara sana keessa argateef Waaqa galateefata. Hawwii gara fuul-duraatti akka dhugoomuufis irreeffannaa irratti Waaqa kadhata.

Irreechi bakkaafi akaakuu irratti kabajamu irraan kan ka'e, akaakuu lama qaba. Irreecha Malkaa kan yeroo Birraa kabajamuufi Irreecha Tulluu kan waqtii Arfaasa kabajamuudha. Irreechi Tulluu waqtii bona irraa gara gannatti ce'amu kabajama. Milkaa'ina waqtii bonaa galateeffachaa, roobni yeroon akka deebi'uuf hawwii ganna fuul-dura isaa jiru Uumaa kadhata.

Irreechi Malkaa ammoo, waqtii birraa kan kabajamuu dha. Irreechi Malkaa kun, waqtiin gannaa darbee gara birraatti yeroo ce'amu kabajama. Innis walakkeessa ji'a fulbaanaa booda, haraaf laga irratti irreeffatama. Oromoon "Waaqa dukkana gannaa nu baastee, booqaa birraan nu geessee galata kee jedhe Uumaasaa galataan galata dhiyyeessa.

Itti aansuun marga jiidhaafi daraaraa birraa horatti ykn bishaanitti Cuubuun Irreeffatu. Oromoon ayyaana irreechaa Hora har-sadiifi Hora Finfinnee waggota dheeraaf ayyaaneeffachaa har'a ga'ee jira. Ayyaanni Irreechaa hora har-sadii osoo addaan hin citiin, hanga bara 2012 tti gaggeeffamaa ture. Koronaa siyaasaan laaqameef garuu, godaannisa yaraa seenaa keessatti bara 2013 Irreechi namoota gama Mootummaan hogganeen ala akka hin Irreeffatamne dhorkeera. Irreechi Hora Finfinnee waggoota dheeraaf erga addaan citee, bara 2012/2019 deebi'us, barri 2013 Summii hamtuu dhalteen, osoo Irreechuuf hawwuu mana keessatti kan hidhamanii oolan gaafas danuudha. Akeekkachisa qal'oo karaa mootummaaf koronaa ykn Covid 19 jedhamuun, Abbootii Gadaafi murna muraasaan kabajameera.

Walumaagalatti, Irreechi ykn Dhibaayyuun kan Oromoon Malkaaf Tulluutti ba'ee tokkummaadhaan uumama qabatee, Uumaa ittin galateeffatudha.


Irreecha loading....
#Oromummaa

Kanin keessaa dhufe
Bakka argama koo
Eenyummaan koo si keessaa
Dhiigaafi lafee koo

Kanan ittiin boonuu
Kennaa koo ganamaa
Eenyuu narraa mulquu
Mallattoo oromummaa

Si'iim jabinni koo
Dugugguruun dugdaa
Jaalalliif beekumsis
Mana keetii maddaa

Dhiigni koo si keessaa
Naaf jiraadhu yoomuu
Goomataan diinni kee
Mormishee haa qalamuu


Sansakka Sakaalame
....
Akka seenaati
Kalee odeessa.
Akka Xinsammuu
Waa nama gorsa.
Beekumsaan goobee
Simboo uffateera.
Beekaan gulaalee
Ragaa baheera.

Qaroomni dhugaan
Dubbisuu booda.
Rakkoo buqqiseet
Dinagdee horda.

Aadaa waa baruu
Mee gabbifadhaa
Kitaaba kanas
Harka galfadhaa.

Kitaaba kalaqa addaa uffachuun barreeffame torbanii booda gabaarraa ni argattu.

Dubbisaa!


Imaltuu dan repost
OSHO.pdf
486.5Kb
OSHOO Afaan Oromootti kan hiikame!

@imaltuukaayyoo


✍️Ga'umsi dhokataan kee gad dhiifame dhaala addunyaati.
✍️Ga'umsa dhokataa daangaa hin qabne of keessatti qabattee gara addunyaa kanaa dhufteetta.
✍️Waan hojjete caalaa waan guddaa hojjechuu ni dandeessa.
✍️Galmi uumamaa gad dhiifamuu ga'umsa dhokataa keetti hidhamee jira.
✍️Dhalachuun kee addunyaan kun ga'umsa dhokataa keessa kee jiru akka barbaaddu waaqayyo beekuu isaaf ragaadha.


Booka Beekumsaa dan repost
#SANSAKKAA_SAKAALAME
(Asoosama Xiin-sammuufi Seenaa)

'Sansakkaa Sakaalame' kitaabakoo 3ffaati. Haaraadha! Bu'aa ba'ii yeroo dheeraan booda qabadhee dhufeen jira. Simadhaa!

#Coming_soon....!

Rabsaan:- Mana Kitaabaa Dachaasaati.
( 0912677529/ 0927198329)

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~
@BookaBeekumsaa


Hubadhu Yaale.
- Jabinake dabaluudhaaf gatii kaffalta.

- Ariitiike dabaluuf gatii kaffalta.

- Utaalchookee dabaluuf gatii kaffalta

- Bakkuma duraan turte/ akkuma duraan turtetti turuudhaaf gatii kaffalta.

Waanti kaffaltii sin gaafanne hin jiru jedha barreessaan kitaabaa 'life's little instruction book' jedhu H. Jaaksan.

👉 JION


Galaa Sammuu dan repost
#Reading [#Dubbisuu!]

Reading is the best way to damage our ignorance! So, let us use it as our everyday instrument and weapon!👌

[Dubbisuun karaa filatamaa ittiin dhibaa'ummaa keenya barbadeessinudha. Kanaafuu, meeshaafi gaachana keenya yeroo maraa haagodhannu!]


©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021

~~~
@BookaBeekumsaa


Bulloodha fardi koo
bakkedha garmaamsa
Gàafa gojeef ka'e
Bookkisaa akka qeerransa

Lugaaman qabamee
Taa'afi maleessaa
Yoo birraan bari'u
Danda'etoo hin obsu
Eegeesa faacasaa

Soree koo hadhaa soree
Abba farda booraa
Gaafan hidhaa basee
Yaabbadhetan koora

Isheen kan girristee
Utuuma naannooftu
Boorri koo ulluuqetu ba'a
Umtuu isan hin gituu

Yoo masqallii dhufuu
Farda koon yaadadha
Amman isa argutti
Mal goodhen boqqodha

Fardichaaf


Guyyaan har'as haaraadha!!

Ajaja uumaati waan ta'ef waanti hundinu yeroosatti jijjiirama bula. Kanaaf sa'atin saatitti, guyyaan guyyaatti, torban torbanitti, jinii ji'atti waggan waggatti jijjiirama deema. Isaan kun hundi milla qabu hin deemuu. Nuuf hin gallee malee hojii uumaan itti kenne hojjecha waan jiran natti fakkaata. Maliif beektu yeroo tokkof ajaja isanii dagatanii dhabbatani hin beekan ni deemu ni figuu umtu isan hin qaqabu uumaama kanitti fakkeessani akkas waan jedhanin natti fakkkaata ammaf waan feedha kee hojjedhu borus nu qaqqabuu dandeessa jedhani bira taru. Garuu al tokko darbinan bira ga'un ulfaatadha nutis gaa ayyaana Wagga jenne kan kabaanyu kun waan adeeffane nati fakkaata garuu akka yaadaa kootitti GUYYAAN HAR'AS HAARAADHA maliif beektu deebi'e dhufuu hin danda'u kaa. Yoo har'a qabanne itti faayya damuu bannee guyyaa har'a har'a malee deebine argu hin dandeenyu. Inni dhufuu haaraadhuma waan ta'ef kanaaf barri gaafa jijjiiramu kabaajun waantota gara garaa gochuu qofa miti. Gaaffi kana of gaafachuu qabna
1, Bara darbe kana keessa malan hojjedhe ?
2, Karoora koo meeqan milkeesse ?
3, Yeroo Wagga tokkof keennamee keessa hangaamittan faayyaadame? 4, meeqan baleesse ?
5, Guyyoota Wagga kana keessa darban meeqan hojii malee gube?
6, Baran biyya lafaatti qabu keessa bara kana maliinan dabarsee?

Gaaffi kana fi kan kanaa fakkaatan of gaaffadhu. Barri darbun, guyyaan darbun, yeroon darbun, raajii miti isan darban keessatti ani malaan hojjedhe jedhani of gaafachuutu gariidha malee raajiidhas malee.
Biyya lafaa kana kan dhufnef sababa qabna sababa sanas adda baafachuuf itti hojjechuun ga'e keenya.

Galaatoma waantin qabu kanuma ammaf

Dogoggoorri akka jiru hin shakku waan jiru hundaaf dhifaama

Hora bulaa deebana❤️💚❤️

Habtamu Chala
Fulbanaa 2/1/2014


Kitaaboota-books dan repost
Siif Galeeraa!-1.pdf
37.8Mb
Kitaaba G/proofeesaraa Miratuu Shaanqootiin barreeffame.
SIIF GALEERAA!
✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
👇👇👇#join👇👇👇
@kitaabootaGaraagara


Kitaaboota-books dan repost
The_Communist_Manifesto_by_Karl_Marx,_Friedrich_Engels,_Yanis_Varoufakis.pdf
1.8Mb
✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️
👇👇👇#join👇👇👇
@kitaabootaGaraagara


Baga geessan bara hara bara 2014

❤️❤️❤️❤️Bara hara haaraa kanatti yaadni haaraan isiin keessaa haa maddu
💓Bara itti boossan osoo hin taane bara eenyummaa keessaniin itti boontan isiniif haa yaa ta'u
❤️Bara Addunyaan ittiin isin bitu osoo hin taane bara itti isin Addunyaa bittan isiniif haa ta'u
💓Bara itti jirraan jiteenya hin taane hin taatus ta'u isiniif ta'u
💓Bara itti nagaan lafa kanarra bade itti deebi'u isiniifis nuyiif haa ta'u
💓Bara itti boriin keessaniif Rabbi keessan hiriyaa keessan gaarii isiniif,nuyiif ta'u isiniif haa ta'u
💓Bara itti hammeenyi kanaan dura isin dararte faallaa isaa immoo isin itti hammeenya darartan isiniif,nuyiif haa ta'u 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌼🌼🌼🌼🌺🌺🌸🌼🌼🌼🌹🌹🌹🌹🌹
💓Bara itti hojjetaa sodaattan osoo hin taane hojii sodaattan isiniif, nuyiif haa ta'u 🍔🍔🍔🍔
💓Barri bara quufaa gabbinaa ,hojii milkii ,danqaadhaaf qajeelinni ta'u isiniif ,nuyiif ,ARDAA maraaf haa ta'u
Bara jaalalaa isiniif,nuyiif haa ta'u 💘💘💘💘💘💘💘💘
🎂🍾🎂🍾🎂🍾🎂🍾🎂🍾📞🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻📞🌻🌻🌻🌻📞🌻🌻🌻📞🌻📞📞📞


BAGA BARA HAARAA
2🌻14 NAGAAN GEESSAN!!

😷 Kunoo wanta hamaa sodaachisaa ta'e, bu'aa bayii, tabbaa fi gaara, wanta ni darbama hin fakkaanne, wanta hamaa sodaachisaa ta'e hundumaas dabarsinee guyyaa har'aa geenyee jirra. Bara haaraa kanatti wanti haaraan, mul'anni gara hawwii fi fedhii keessanitti isin geessu, milkaa'inni quubsaa ta'es isiniif haa raawwatu. Bara firii keessanitti gammaddan akka ta'u hawwii kooti.

Uumaan uumamaa Kana hundumaa inni nu gargaare BARA BARAAN Galannii fi Ulfinni isaaf haa ta'u!

BARRI HAARAAN KUN:-
🌻 Kan Gammachuu!
🌻 Kan Milkaa'inaa!
🌻 Kan Badhaadhinaa!
🌻 Kan Jaalalaa!
🌻 Kan Tokkummaa!
🌻 Kan Guddinaa!
🌻 Kan Haaromsaa!!
🌺 Isiniif!
🌺 Maatii keessaniif!
🌺 Ollaa keessaniif!
🌺 Hiriyyoota Keessaniif!
🌺 Biyya KEENYAAF!

🎄Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!
🎄Bara itti bakka yaaddan geessan.
🎄Bara itti hojjettanii milkooftan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!

🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌻 Happy New Year!!!!🌻
🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓🎓
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

👏👏👏👏👏   
👏👏👏👏👏👏
👏👏 👏👏  
👏👏   
👏👏   
👏👏   
👏👏   
👏👏   
👏👏👏👏👏👏
👏👏👏👏👏👏

👏👏👏👏
👏👏👏👏👏👏   
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏👏👏👏👏   
👏👏👏👏

👏👏  
👏👏👏   
👏👏 👏👏
👏👏  
👏👏  
👏👏  
👏👏  
👏👏  
👏👏👏👏
👏👏👏👏

👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏
👏👏 👏👏  
👏👏 👏👏
👏👏👏👏👏👏👏
👏👏👏 👏👏 👏👏
👏👏
👏👏     
👏👏   


Ati yoo ofitti amanamummaa qabaachu baatte Yeroo hunda karaa ittin mo`amtu barbaadda

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

218

obunachilar
Kanal statistikasi