FAYYAA OROMOO 👨‍⚕️


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Odeeffannoo//Gorsaa // Barnoota Fayyaa.
Yaadaaf gaaffii 📩 👉 @gaaffiikoo_bot irratti naaf barreessaa!
Garee 👉 @drmoii JOIN godhaa!

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Bohaartii Media dan repost
Dhukkubsataan jalqabaa sammuu isaa keessatti chiip Neuralink qabu jireenyi isaa akkamitti akka jijjiirame ibse.
Noland Arbaugh, ganna 29, guyyaa hundumaa chippii kana akka fayyadamu ni dubbata. Marsaa hawaasaa irratti ergaa akka barreessu, iimeelii akka deebisu, tapha viidiyoo akka taphatu, barruulee qoosaa akka dubbisu fi afaan Jaappaan akka baratu isa dandeessiseera.

Chippiin kun karaa Bleutooth kompiitara waliin wal qunnamsiisa. Baatiriin meeshaa kanaa sa'aatii muraasa qofa kan turu yoo ta'u, sana booda chaarjii gochuuf barcuma addaa irra ciisuu qaba. Gara fuulduraattis dandeettiin baatirii ni dabala jedhama jira.

Insider news




KAANSARII AFAAN KEESSAA(ORAL CANCER):

Kaanserii afaan keessatti bakka kamittuu argamudha.kaamseriins Kunis yeroo cinaa arrabaarraa Kan ka'uu Fi caasaa afaan keenya haguugee jiru(mucosal layer) irraa uumama.

# mallattoolee:
- madaa ykn dhiitoo qoricha farra baakteriyaa fudhachuun fayyu hin dandeenye Kan dabalaa deemu.
Case Kun baay'acha waan jiru namoonni Fi ogeessonni fayyaaa madaa Fi dhiitoo afaan keessaa yeroo dheeraaf ture yeroo argitan gara specialist baqaqsanii yaaluu afaanii Fi fuulaa argamutti akka ergitan.
Hubachiisa : Dafanii yoo yaalama. Guutummaan guutuuttii fayyuun ni danda'ama.
Fayyaan waan hunda!
✍️ @drgudeta1
-

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


Karaa online maloota qarshii ittiin argachuun danada'amu kana fayyadamaa!
Isin hin darbiin👉


Odeeffannoo hatattamaa. #forward waliif godhaa.
❌️❌️❌️
Qorichi suura isaa argitan kun RANITIDINE kan jedhamu yoo ta'u; dhukkuba garaachaaf ajajama!
Qorichi kun Yeroo ammaa kana rakkoo fayyaa irratti fiduu danda'u qorannoon argamee waan jiruuf biyyoota gara garaatti akka faayadamuu dhiifamuuf akeekkachiisa baasaa jiru. Kunis qorichi kun qaama keessatti yeroo daakamu keemikaala N- nitrosodimethylamine (NDMA) jedhamu haga barbaadamu ol gadhiisa. Keemikaalli kunimmoo dhala namaa rakkoo kaanseriif akka saaxilu qorannoowwaniin waan mirkanaa’eef, boyyi keenyattis qorichi kun kana booda akka faayida irra hin oolle Abbaan Taayitaa Nyaataaf qorichaa Itoophiyaa akeekkachiiseera.
#Ranitidine #BANNED ❌❌❌

#share waliif godhaa

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


Barri bara Technolojiiti!
Odeeffannoo teknolojiin walqabataniif barnoota irraa argachuu dandeessan yeroo yerootti karaa marsaalee gadiii hordofaa...
Telegram: @itechecho
Marsariitii: itechecho.blogspot.com
Facebook: www.facebook.com/itech.echo.1

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


Hubannoof!
Fayyadamtoonni Telegram kanneen dhabuu hin qabne:

1. DORGOMMII ADDA ADDAAF

2. FAYYAA OROMOO

3. FAYYAAN FAAYA

4. GAAFFII FAYYAA gaaffii keessan dhiheessuuf.

5. BOHAARTII MEDIA madda odeeffannoo fi bashannanaa.


Ammuma join gochuun irraa fayyadamaa!
🏃🏃🏃🏃🏃


Eeggannoo Ilkaan keenyaaf godhamuu qaban!!
*****
1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Associations).
Dr Gurmessa Enkossa

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


"Dhodhoksaan fanxoo hin fayyisu."

Hiikni makmaaksa kanaa maalii?

FB: www.facebook.com/moiidr

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


Dhiibbaa dhiigaa safarattee beekaa?
Guyyaa Dhibee dhiibbaa dhiigaa har'a kabajamaa jiru sababeeffachuun waa'ee dhibee kanaa siniif qoodeera.... dubbisaa! Waliifis qoodaa!

safarattee beekta yoo ta'e dhiibbaa dhiigaa kee kanneen gadii keessaa kam?

1. DHIIBBAA DHIIGAA SIRRII (NORMAL BLOOD PRESSURE): kun dhiibbaa dhiigaa 90/60 mmHg haga 119/79 mmHg gidduu jirudha.

2. DHIIBBAA DHIIGAA JALQABBII (Pre-Hypertension): kun dhiibbaa dhiigaa 120/80 mmHg haga 139/89 mmHg gidduu jirudha.
Sadarkaa Kanatti Haala jireenyaan keenya(akka gadiitti ibsameen) sirreessuun dhiibbaa dhiigaa kana gadi buusuun ni danda'ama.

3. DHIBEE DHIIBBAA DHIIGAA SADARKAA 1ffaa (Stage I Hypertension): kun dhiibbaa dhiigaa 140/90 mmHg haga 159/99 mmHg gidduu jiruudha.

4. DHIBEE DHIIBBAA DHIIGAA SADARKAA 2ffaa (Stage II Hypertension): kun dhiibbaa dhiigaa 160/100 mmHg fi isaa ol darbe dha.
Ramaddii biroon Dhiibbaa dhiigaa 180/110 ol sadarkaa sadaffa jedhamee waamamuu danda'a
📌sadarkaan kunneen yaala atattamaa kan barbaaduudha!

YAALII DHIIBBAA DHIIGAA?

Yaaliin dhiibbaa dhiigaa gosa lama.
1. Yaalii qorichaan Alaa
2. Yaalii qorichaa ti.

Yaalii Qorichaan Alaa (Non pharmacology treatment)

1. Soogidda / Ashaboo hir'isuu

Nyaata Soogidda / ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa fida. Namni tokko guyyaatti ashaboo fal'aana shaayee 1 ( 5 g of NaCl) fudhachuu qaba. Yeroo bayyee Shiroo / barbareen of keessaa sogidda qabu waan ta'eef ittoon kana of keessaa qabutti ashaboo dabaluun hin barbaachisu.

2. Sosochii qaamaa taasisuu

Torbanitti guyyaa 4f daqiiqaa 30 , 30 f sochii qaamaa taasisuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa. Sochiin taasifamuu; deemsa ariitii, fiigicha, wadaroon utaaluu, hojii humnaa hojjachuu, jiimii galuu fi kkf ta'uu mala.

3. Ulfaatina hir'isuu.
Ulfaatina dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa waan ta'eef , ulfaatina giddu galeessa qabachuu barbaachisa.

4. Nyaata coomni fi waan mi'aawaan (sukkaarri) itti baay'atu nyaachuurraa of qusachuun, soorata muduraa fi kuduraa baay'isuu.

5. Alkoolii dhuguu dhiisuu . Alkoolii baay'isuun dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.

6. Sigaaraa xuuxuu, chaatii qama'uu, buna baay'inaan dhuguu fa'a dhiisuu.

8. Yeroo mara dhiphachuu fi aarii ( stress) hir'isuu fi kkf

2. YAALII QORICHAA

Namni Dhibee dhiibbaa dhiigaan qabame tokko haalota garaa garaa irratti hundaa'uun yerooma jalqabaatti ta'e yaalii qorichaan maleen booda gara yaala qorichaatti darbuu mala. Gosti yaalaa kun sadarkaaf haalota biroo qorannoon argaman irratti hundaa'uun namaa namatti adda addummaan waan jiraatuuf yaalaa kanaaf Gorsa fi hordoffiin ogeessa fayyaa barbaachisaadha.

Yeroo hordoffii mana yaalaatti taasiftan, ogeessi dhiibbaa dhiigaa keessan ilaaluun , yoo too'atame qoricha akka itti fuftan, yoo hin too'atamne immoo sababii isaa xiinxaluun jijjiirama barbaachisoo godhuu mala. Akkasumas qorichi fudhaa jirtan miidhaa hin malle (side effects) geesise yoo jiraate qorichas isiniif jijjiiruu danda'a.
Kanaaf hordoffii dhiibbaa dhiigaa taasisuun barbaachisaa dha.

Fayya hin dhabiinaa!
Odeeffannoo biroof na hordofaa!
#share waliif godhaa

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1






𝗪𝗮𝗹𝘁𝗮'𝗶𝗶𝗻𝘀𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝗯𝗮𝘁𝗮 𝗢𝗥𝗗𝗔 𝗳𝗶𝗶 𝗬𝘂𝘂𝗻𝗶𝘃𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶 𝗝𝗶𝗺𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 ℕ𝔸𝕄𝕆𝕆ℕℕ𝕀 200 𝕐𝔸𝔸𝕃𝕀𝕀 𝕄𝕆𝕆ℝ𝔸 𝕀𝕁𝔸𝔸 𝔹𝕀𝕃𝕀𝕊𝔸𝔸ℕ 𝔸ℝ𝔾𝔸𝕋𝔸ℕ𝕀!
Duula yaalii moora ijaa Eebila 28 hanga Caamsaa 1, 2016tti guyyoota afuriif Hospitaala Yuunivarsiitii Jimmaa tti waltahinsa dhabbata gargaarsaa ORDA ( Oda research and development associatin) fi Yuniversiitii Jimmaatiin kennameen
Namoota 200 moorri ija jalaa uwwisuun, rakkoo arguu dhabuun rakkachaa kan turaniif ogeeyyii biyyaa teenyaa Hospitaalichatti muuxannoo waggaa dheeraa qabanii fii ogeeyyii biyya Türkiye Dr. Nawaal hoggantuu BOARD qabatanii dhufaniin yaaliin bilisaa kennameen akka arguu danda’an godhameera.

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


BOOKEEN BUSAA 🦟 DHIBEE HIV NAMATTI NI DABARSITII?

Kaleessa gaaffii kana tora fb fi tg koon siniif dhiheesseen ture. Namoonni 54% hin dabarsitu yoo jedhan 46% immoo ni dabarsiti jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Deebii koo:
Qorannoolee haga ammaa jiran kan mirkaneessan Bookeen busaa dhibee HIV namaa gara namaatti dabarsuu akka hin dandeenyedha. Kunis ta'uu kan danda'e sababoota armaan gadiitiini:
👉 Vaayirasiin HIV Bookee busaa fi Geeroo(Tukaanii) dabalatee qaama ilbiisotaa keessa jiraachuu ykn wal horuu hin danda'u. Kunis sababa ilbisonni kun gosa dhiigaa Adii T-cell jedhamu kan Vaayiresiin kun keessatti walhoruu waan hin qabneefi.
👉 Bookeen busaa dhiiga nama HIV qabuu xuuxxeen booda  guyyaa 1-2 garaacha ishee keessa turuu haa danda'u malee Vayireesiin kun walhoruus gara xannacha isheetti faca'uus hin danda'u.
Bookeen busaa immoo yeroo nama idditu dhiiga nama irraa waraabbatte osoo hin tahiin; hancufa ishee kan dhiiga qallistee xuuxuuf ishee gargaaru qofa gara qaama namaatti gadhiifti.
💥 Kanaafuu Bookeen busaa dhibee kana Namaa namatti dabarsuuf hin dandeenye jechuudha!
Nagaa hin dhabiinaa!
@drmoii dha
#forward waliif godhaa!

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


Beekumsa waliigalaaf- Gaaffii kana irratti hirmaadhaa!! Bookeen busaa 🦟 dhibee HIV namaa namatti dabarsuu ni dandeessii??
anonymous poll

Lakki, hin dabarsitu! – 21
👍👍👍👍👍👍👍 60%

Eyyeen; Ni dabarsiti! – 14
👍👍👍👍👍 40%

👥 35 people voted so far.




Namni Lammii Ameerikaa Kaleen Booyyee godhameefii ture lubbuun darbe

Maqaan isaa Riik Suleemaan kan jedhamuu fi nama Lammii Ameerikaa kan ta'e ga'eessi kun waggoota 11 dura kaleen isaa dadhabuun baatiiwwan dura Kaleen Booyyee yaala baqaqsanii yaaluutiin Hospitaala Yuunivarsiitii Maasachuusetisitti bakka buufameefii ture.

Bara 2018 tola ooltota irraa kalee ijjiirraa kan argate lammii Ameerikaa kun, erga kaleen isaa deebi'ee hojii dhaabee boodadha kan Kaleen Booyyee godhameef.

Namichi kalee Booyyee jijjiirrachuun yaala milkaa'aa taasisee ture jedhameefi baatiiwwan lamaaf gara mana isaatti galee nagaan jiraachaa ture kun yeroo ammaa kana lubbuun darbuu isaa maddi oduu CNN gabaasa baaseen addeessee jira.

Suuraaf odeeffannoo TV MO'AA

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1


FAYYAA OROMOO 👨‍⚕️ dan repost
♨️ Dhibee sukkaaraaf waantota nu saaxilan

1. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu
2. Furdina garmalee (BMI >25)
3. Umurii waggaa 45 fi isaa ol
4. Sanyii-Fira dhihoo dhibee sukkaaraa qaban qabaachuu
5. Dhukkuba sukkaaraa yeroo da’umsaa qabaachuu
6. Daa’ima ulfaatina 4 KG ol ta’ee dahuu
7. Dhibee koleestiroolii qabaachuu
8. Dhibee dhiibbaa dhiigaa
9. Tamboo/ sigaaraa xuuxuu
10. Dhibee ovarii qabaachuu...

@fayyaaoromoo
@fayyaaoromoo
@fayyaaoromoo




Waa'ee Dhukkuba Garaachaa nama baayyee rakkisaa jiruj baruu barbaadduu???

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

1 114

obunachilar
Kanal statistikasi