“Godinni Arsii Lixaa guutuun guutuutti humna woraanaa jala jiraatuyyuu lagannaa geejjibaa fi daandii cufuutiif qeerroon qophii isaa xumuree jira.Konkolaataan tokko isaa Finfinnee fi naannoo Kibbaa irraa dhufee gara Baalee akka hin dabarre yookiin magaalaa tokko irraa gara magaalaa birootti akka hin dabarre dhoorkuuf Qeerroon Baatuu, Bulbulaa, Nageellee Arsii, Kuyyara, Shaashamannee, Kofalee, Waabee, Eddoo, Dodola, Hasaasa fi Adaabbaa qophii isaanii xumuranii jiru.Akkasumas, karaa Kibbaa fi kibba bahaatiin qeerroon Kokkossaa fi Nansaboo Konkolaataan tokko isaa Naannoo Sidaamaa irraa dhufee akka waan tokko hin feene yookiin karaa hin dabarre godhuuf qophii xumuranii jiru.”