Dhibee Rifachuu/ naasuu cimaa (Panic disorder)
====
Gosa dhibee dhipphinaa keessaa tokko tahee Rifachuu/ sodaa cimaa tasa jalqabee daqiiqaa muraasa keessatti sadarkaa olaanaa irra ga’uudha.
Mallattoolee dhibee rifachuu baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kunooti:
1. Tasa, sababa malee rifaatuu ykn naasuu hamaan guutamuu
2. Dha'annaa onnee saffisuu, garmalee dafquu, hollachuu/ rommuufi Hafuura baafachuu dadhabuu
3. Jeequmsa garaa kan akka muraa, ol/ gadi baasaa
4. Mataa dhukkubbii, namatti joonja’uu
5. Miira dadhabuu ykn akka waan of wallaaluuf deemanitti namatti dhaga'amuu
Yeroo kana keessa yaadoota hamaa gara-garaatu namatti dhufa
a. Akka waan of to'annaa dhabuu ykn maraachuu
b. Akka waan du'uuf deemanii yaaduu
c. Dhugaa jiru irraa adda baatee akka jirtu ykn akka waan qaama keetiin ala jirtuutti sitti dhaga'amuu
Namootni haleellaan rifaatuu isaan mudate yaaddoo natti deebi’aa hamaa keessa galu kanaan :
a. Haalota ykn bakka rifachuun itti mudate irraa fagaachuu
b. Dhibee onneetu naqabe jechuun sochii qaamaafi waantota natti kaasa jedhanii yaadan lagachuu
c. Namoota gidduutti na saalfessa jedhanii waan yaadaniif hariiroo hawaasummaa baqachuu
Mallattoowwan kun yeroo baayyee yoo sin mudatan ykn jireenya guyyaa guyyaa keessan kan gufachiisan yoo ta'e, qorannoo fi yaalaaf doktora ykn ogeessa fayyaa sammuu bira deemuun barbaachisaadha
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU!
@sammuukoof@sammuukoofVia_ Dr Dawit