URJII


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Chaanaaliin kun xiyyeeffannaan isaa irra caalaatti:
➢Physics
➣Astronomy
➢Philosophy
➣Mathematics
⭐Kaayyoon chaanaalii kanaa wantoota barsiisoo gosoota barnootaa kanneen armaan olii irratti xiyyeeffatan maxxansuu fi namootaaf hubannaa maralalee cimsuu dha.

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




Holqa Gurraacha / Black Hole

Black Hole / Holqi Gurraachi maali?

Holqi Gurraachi qaama yuniivarsii keessatti argamu keessaa tokko yoo ta'uu, humna harkisaa baay'ee guddaa ta'e kan qabu dha. Harkisa cimaa kana irraa kan ka'e ifti illee gara alaatti kan hin baane dha. Yaadi qaamoleen humna harkisaa cimaa qaban ifa qabani hambisuu danda'u jedhu bara 1783 tti nama Joon Miisheel jedhamuun akkasumas bara 1796 tti nama Piiree-Siimon Laaplees jedhamuun ka'ee ture. Jecha 'black hole' jedhu kan itti fayyadamuu eegale astiroonoomarii biyya Ameerikaa Joon Wiilar jedhamu bara 1967tti dha. Saayintistoonni kana dura turan bakka jecha 'black hole' maqaalee kanneen akka 'dark star' fi 'frozen star' fa'a fayyadamaa turan. Yeroo jalqabaaf yaada ammayyaawaa Holqa gurraachaa kan beeksise fiizistii beekamaa 'Albert Einstein' tiyoorii isaa 'General Relativity' irratti dha.

Amaloota Holqa Gurraachaa

Amala Holqa gurraachaa keessaa ajaa'ibsiisaan haala bakkaa(space) fi yeroo(time) jeequ isaati. Akka seera 'General relativity' Albart Aayinstaayiniitti saffisni sochii qaamolee yeroo irratti dhiibbaa qaba. Yoo wanti(qaamni) tokko saffisa ifaan adeema taanaan, yeroon suuta lakka'aa, haaluma kanaan wantoonni holqa gurraacha keessa saffisa ifaan socha'u. Kanaafuu, hanguma holqa gurraachatti siiqachaa deemnu yeroon suuta lakka'aa deema. 'Black hole' keessa seekondiin muraasni 'black hole' alatti immoo akka waggoota kumaatamaati jechuu dha.
Amalli biraa holqa gurraachaa(black hole) bakka jajalliisu (wrape space) dha. Holqonni gurraachi holqa keessa gadi fagoo ta'ee fi bakka(space) jajallataa uumuun wanta gara keessaa gale hundumaa liqimsanii haambisu.

Gosoota Holqa Gurraachaa

Holqonni gurraachi hammaa fi hanga garaagaraa qabu. Holqa gurraacha hanga irratti hundoofne yoo qoodnu gosa afur(4)tu jira. Isaanis:
1. Holqa gurraacha xiqqaa/shiishifoo(Micro black hole)
2. Holqa gurraacha urjiilee(Stellar black hole)
3. Holqa gurraacha giddu galeessaa(Intermediate black hole)
4. Holqa gurraacha guddaa(Super massive black hole)
HUB:- Saayintistoonni baay'een holqonni gurraachaa giddu galeessa jedhaman hin jiran jedhani mormu.


Philosophy / Falaasama

Falaasamni maali?

‘Philosophy’ n jecha Giriikii lama irraa dhufe. Kunis, ‘Philo’ jaalala yoo ta’u ‘Sophos/ Sophia’ jechuun immoo ogummaa dha. Kanaafuu falaasama jechuun jaalala ogummaa / ‘Love of wisdom’ jechuu dha. Falaasamni damee beekumsaa ta'ee waa'ee amala beekumsaa, dhugaa, uumama, yaada, gatii fi sammuu(mind) fi k.k.f. Kan qo’atu dha. Kana jechuunis falaasamni sababeessu fi loojikii fayyadamuun dhugaa yuniivarsii fi isaa alatti jiru ibsuuf yaalu dha. Falaasamni dameelee garaa garaa qaba. Falaasama dameelee gurguddoo torbatti(7) qooduu ni dandeenya. Isaanis:
1. Meettaafiiziksii(Metaphysics)
2. Epiistamoloojii(Epistemology)
3. Loojikii(Logic)
4. Etiiksii(Ethics)
5. Esttatiikii(Aesthetic)
6. Aksiiyoloojii(Axiology)
7. Falaasama Siyaasaa(Political Philosophy)


#beektuu


#beektuu




#beektuu








🌟Baga Nagaan gara chaaanaalii URJII dhuftan🌟
Chaanaaliin keenya irra caalaatti kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffataa:
➢ Physics
➢ Astronomy
➢ Chemistry
➢ Philosophy
➢ General Knowledge



12 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

41

obunachilar
Kanal statistikasi