Dhiiroo Garbii


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Of egannoo Hoogganootas fi Waraana WBO hundaaf !!
° Odeefannoo kana hin tuffatinaatii qoradhaa source isaa
Diplomacy agent
Drone biyya Turkey Irraa kaargoon August 19 Finfinne seene gaafa 21 ammoo gara Harare dirree Airport Bishooftuu deemee jira. Amma Gaxxamamee dirqamaaf qophaa’ee jira
Kaayyoo fi Ergamni Drone kanaa Tigiraayi rukutuu qofa miti WBO illee rukutuuf WBOn Kara Moyyaalee fi Asoosaa cufee waan jiruuf karaa WBOn cufer jiru kana bansiisuuf itti fayyadamuu malu maalif akka bansiisuu yaadanis waan biraa osoon taane dhimmuma duguuggaa sanyii kaleessa itti jiran dabalatee Waraana Qabsoo Bilisummaa Oromoo balleessuufiidha abjuun isaanii inni guddaan . Target ykn xiyeeffannoon isaanii ammoo Komand Post WBO, hoogganoota Waraanaa, bakka waraanni baay'een argamu irratti ta’uu mala jedhu.
Kanaafuu WBO waan of eeggachuu qabu
1. Komand Post Ajaja laatu bakka dhokataa ykn Lafa jala utuu ta’ee
2. Sibiilaa fi GPS waan Drone haala salphaan harkisuu danda'u hunda fayyadamuu irraa of fageessuu (ofqusachuu)
3. Waraana Baay'inaan deemuu (imaluu) yookaan socho'uu irra faca’ee bakka adda addaatti tarkaanfii fudhachuu
4. Tarkaanfiin fudhatamu hundi atattamaan fudhatamee bakka jijjiirrachuu,
5. Humna Xinnaadhaanis ta’ee Finfinnee keessatti akka Diplomacy fi Qaamota Mootummaa rifatanitti bakka bebbeekamoo boombiin rukutanii baduu (miliquu) Finfinnee Tasgabbii dhorkuu
6. Ummata of duukkaa hiiriirsuu


Warri Milkeessaaf Dhiifama gooneerra jechaa jirtan dhugaa Qabdani Gaafa, milkeessaan isin womaa isin hin goone, kanaaf milkeessaaf araaraafi dhiifama gochuudhaaf jarajaraa jirtani Gaafa Tumsa, Deeggarsaaf mallattoo Milkeessaa waahillan isaatiifi, Ajaja Hooggantoota isaatiin Ummatni lixaafi kibba oromiyaa shanee shantamee fi shiftaa jedhamee cafaqamaa bahe, isin irra womtuu hin geenye. Gaafa warri kun lameen kophatti baafamanii lafarraa xuruuramaa bahanis akkuma hardhaa kana hoo'ifattanii, Milkeessaa fa'aaf dibbee reebaa turtani. fira, fiixaa, aanteefi aaliin keessan tokkos womaa hin taane. Obboleessa obboleettii haadha, Abbaa fi eessumni durbii keessan irra wonti hamaan tokkos hin geenye kanaaf xiiqii fi rifuu dhabdani,kanaaf xiiqeffachuu fi morkachuu dadhabdani. hin madoofne madaa hooqattan dhabdani. Hin hidhamne, manaafi malli fira fiixaa fi maatii keessanii isin irraa hin gubamne, Maatiin keessan bahaa gala hin dhabne, isin irraa hin ajjeefamne, Gaafa ummatni lixaafi kibba oromiyaa sababa milkeessaafa dhiiga boo'aa ture isin mana hoo'aa keessa teessanii fiilmicha akka fiilmii hindiitti kolfaa daawwachaa turtani, kanatu waa hunda isin hanqise. Kanatu badii milkeessaafa arguufi dhagahuu isin dhoowwe.isinitti hin murtaa'u Garuu haqni ture kanadha.


Oromoon kaayyoo fi Akeeka ABO jalatti yoo hiriiree qabsaahe waan qabsaa'uuf galma gaha.

[SQ-Hagayya 26/2021]

ABOn akka dhalatu kan godhe roorroo daangaa darbe kan ummata Oromoo irratti raawwatamudha.

Qabsoo ABOn gaggeessuu galma geesisuuf Oromoon kaayyoo fi Akeeka ABO fudhatee heeraa fi seera ABOn taliigamee yoo qabsaa'e wan qabsaa'eef galma ni gahata.

Ummatni Oromoo kaayyoo fi Akeeka ABOn hogganamee gaggeessitoota dhaabichaa yoo dhaggeeffate obsa, cichoomina, kutannoo fi murannoo gaggeessitoota dhaaba ABO yoo dhaale waan barbaaduuf kuunnoon kunooti tahaaf jechuudha.

Ummatni Oromoo addatti immoo dhalootni qubee namoota miidiyaatti bahanii qabsoo Oromoo laamshessanii fi of dhaadhessan jala hiriiruu osoo hin taane warra obsaa fi tasgabbiin warra of ibsuu irra waan sabaa dubbataniin dhaggeeffatee qabsoo qabsaa'u galma geesifachuu qaba.

Waan ABOn keessa darbee as gahe daandiin isaa caccabaa fi dheeraa tahus ammas wanti nu hafe gufuulee hedduu qabaatus dhaloonni kaayyoo fi akeeka ABOn taliigamee wanti galma hin geenye akka hin jirre beekuu qaba.

ABOn Wiirtuu Nagaa Oromooti!

ABOn haa jiraatu isatu nuuf Gaachana!






Yaa harree danda,aa atiis dhiraa gadii ba,itii lolii biyyaa dhabbatuufi sun biyyaa kamiyyuu haa tatutii.

Magalaa keessa demaanii raqaa funannachaa waa irrattii unachaa suqaa ta,anii bulgafachuun salphadhaa malumafuu akka mudamtetuu bekamadhaa!




Hawwisoon WBO zoonii lixaa wallee haaraa nuuf qabatee dhufaa jira akkamitti simattu?
****************************************
Walaloon kun sirbicha keessaa fudhatame😍👇
Ifti dukkana balleessa
hin badu ifni dukkanaan

Jabaannee hundeen
taaneerra biyyaaf gaachana
uuneetu morma qabneerra
abdii kutachiifnee yartuu
fincilli dho'ee hin finiina
duuba deebi'uun hin jirtu

Jaal/Mo'ii fi J/Surraa💪❤💚❤
#FALMAA_ISA_DHUMAATI




Manni Maree Nageenyaa UN hagayya 26/2021 waa’ee Itoophiyaa (Tigraay) akka mariiyatan beekame.

Marii manni maree nageenyaa UN gaggeesseen Marii cufaan gaggeeffamuu akka malus beekameera.
Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa UN, Maartiin Giriifiitis marii dhimma nageenyaa UN irratti dubbii ni taasisu jedhameera.

Qondaalli Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa UN Maartiin Giriifiitis torban sadii dura MM Abiy akkasumas gara Tigraayiitti imaluun hoggantoota TPLF waliin mari’atanii turuu fi haala hojii deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessaas daawwatanii turuun isaanii ni yaadatama.

Mariin hagayya 26/2021gaggeeffamu waamicha Istooniyaa, Faransaay, Ayirlaand, Noorway, Yunaayitid Kiingidam, akkasumas Ameerikaan taasifameen tahuu gabaasaan bahe ni mul’isa.

UN’tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa marii manni maree nageenyaa UN gaggeesseen irratti ni hirmaata jedhamee eegama.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii erga lolli Tigraayitti eegalee dhimma Itoophiyaa irratti yeroo marii taa’u kuni kan saddettaffaati.
Marii hagayya 26/2021 gaggeeffamuun haalli Tigraay keessaafi dhimmi namoomaa naannolee Affaariifi Amaaraa dhimma irratti mari’atamu akka ta’an UN ibseera.

Dhiyeenya Sudaaniifi Turkiin jaarsummaan lola Kaaba Itoophiyaa jiru furuuf yaada dhiheessaniis gama Itoophiyaan fudhatama akka hin arganne UN ibsa isaan ibseera.

UN ibsa baaseen sababaa Itiyoophiyaan jaarsummaa diddeef qaamni jaarsummaan rakkinicha furuu malu miseensonni Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Antooniyoo Gutereez irraa dhagahuu fedhu jedheera.
Gutereez torban darbe dhukaasni akka dhaabbatuufi mariin akka gaggeeffamu akkasumas waraanni rakkoo Itoophiyaa hin furu jedhanii barreessuun isaanii ni yaadtama.

BBC gabaase




#Hagayyaa26_2021
#INJIIFANNOO_WBOn_Zoonii_Gidduu_galeessaa
Godina shawa kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee magaala ejeree irraa loloota diina gar baadiyaati baatee Uummaata dararuuf osoo fiigduu haxxee itti hidhuun patroolii guutuuman guututt barbadeessun loloota gabroomfataa battalumaatti 26 du'aan yoo adabuu (8 )madeessee jiraa. gama meeshaatin Kilaashi 20 hidhannoo guutuu waliin hiikuun galii qabsoo Bilisummaa oromootiif oolchee jira

#IUOf


Hibboo!
Kallacha qabsoo Uummata Oromootu! 👇

https://vm.tiktok.com/ZMRMy9SqJ/
qalboo1 on TikTok
qalboo1's short video with ♬ original sound


1. "Lammaa Magarsaa malee Bishaan gadi nuu hin bu'u" jennaan Lammaa Afaan Dammaa hin amaninaa isiniin jedhe. Lammaan gufuu qabsoo fi geejibduu diina ta'un isinii hime. Achii "utuu ganda kee ta'ee nii faarsita" jettan. Nan dhiise.

2. Junaddin Saaddoo OPDO afaan tolu, nama qabsoo Oromoo keessatti miidhaa guddaa geessise ta'uun isinii hime. "Gandakee utuu ta'ee akkas hin jettu" naan jettan. Nan dhiise.

3. Milkeessaa Miidhagaa mataatti baannu malee isin jennaanin badii isaa kan waggaa duraa Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa irraan gahe isinii hime. Ammas deebiftanii "utuu gandakee ta'ee nii tumsita, nii faarsita" jettan. Ittin dhiise.

4. Abiyyi Ahemad, Addisuu Araggaa, Damalcees marti isaanii gufuu qabsoo Bilisummaa Oromoo ta'uu isaaniin isinii hime ammas akkuma duraa gandummaa qabda naan jettan.

5. Daani'el Areerii fi Nageessaa Oddoo Duubee isin faarsinu malee jennaan lakkii dhiisaa ilaalaa adeemaan jedhe. Rakkoo isaan geessisaa jiranin akeeke. Hojii isaaniin irratti jibbe. "Gandakee waan hin taaneef qeeqxa" jettan.

6. Miratuu Shaanqoo fi fakkaataan isaa daandii qabsoo bilisummaa Oromoo irra akka hin jirre sii hime. Sanas deebiftee "gandakee ta'uu dide. Kanaaf qeeqxe" naan jettan

Duuba gandi isin naa laattanii gandaan yaada naa kennitan kun isa kamii?




Addi Bilisummaa Oromoo Tokkummaa Sabaa akka qaroo ija isaatti ilaala!

▶Hundeen tokkummaa Saba keenyaa: biyya takkittii, Saba tokkichaa fi hiree tokkicha.ABOn: daba booddetti-harkisaa, hawannoo keessaa fi alaa kanneen farra tokkummaa fi bilisummaa Oromoo tahan hunda dura dhaabbachuudhaan: wal-qixxummaa,tokkummaa fi bilisummaa ummmata Oromoo dhugoomsa, tiksa.

▶ Gandummaa fi gosummaa meeshaa siyaasaa godhatanii dhimma itti bahuun ABO keessatti dhorkaa


Iyyannoo uummataa!
PPn Oromiyaattis beela akka meeshaa waraanatti fayyadamaa jirti. Karaa cuftee uummata nagadachuu dhorkaa jirti.
#inbox

"Beenishaangul Gumuz godina kamaashii aanaa soogee karaa naannoo keenyan ammoo Wallagga bahaa Aanaa Saasiggaa gandoonni aanaa kana jalatti argaman hundi daangaa Beenishaangul Gumuziin bakkoota heeddutti wal daangessu. Ammaan dura nageenyi uumata keenyaa amansiisaa ture. Riphee loltoonni Addi Bilisa baasaa uumata Gumuz godina kamashii bakkoota heedduu to'annoo isaanii jala oolchaa waan jiraniif, mootummaan naannoo Beenishaangul Gumuz bulchinsa Wallagga bahaa waliin waliif galuun karaan naannoo Beenishaangul Gumuz seensisuu hundi akka cufamu taasisanii jiru. Haaluma kanaan gurgurtaan kamuu Erga irraa citee torban lama lakkoofsisee jira. Kanarraa ka'uun Hattoonni Beenishaangul gumuz keessaa wal gurmeessuun daangaa ce'uun loon uumata keenya bakka itti bobba'anii jiranii fuudhanii deemanii turan. Gochaa kana warreen raawwatan addi bilisa baasaa Gumuz to'annoo jala oolchanii tarkaanfii barsiisaa ta'e akka irratti fudhatan, loon uummata keenyaa bakka irraa dhufanitti geessanii akka kennan, nama namoota kana gurmeesse illee tarkaanfii ajjeesuu akka irratti fudhatan dhaga'eera. Garuu amma illee bakkoota tokko tokkotti wal gurmeessuun dhufanii gochaa kana raawwachaa jiru. Sanbata xinnaa dheengaddaa guyyaa saafaa dhufanii turan, waraanni ganama irraa ka'uun amma sa'aa 9tti waraana PP waliin wal waraanaa turan namni 13 keessaa ajjeefamanii booddetti deebi'an. qindoominni uummata keenya utuu laafaa ta'ee magaalaa angar seenuuf akka turan dhaga'e ammallee uumanni keenya ofeeggannoo akka godhanii. sagalee ta'uuf yaali Jaawwii Jiillee"

Wallagga bahaa irraa!


A Brief Note on Current Situation of Oromo Liberation Struggle

OLF Presse Release- August 25, 2021

The Oromo Liberation Front (OLF) as a leading Oromo political organization has relentlessly directed and coordinated the Oromo People’s struggle for self-determination for almost half a century. The OLF from its inception has been providing a comprehensive leadership to various forms of Oromo struggle for freedom and democracy including armed resistance, political engagement, and diplomatic endeavors.

Undeniably, the OLF has endured innumerable adversaries from both inside and outside the organization and gone through bumpy ups and downs filled with many irregular vices and virtues of success stories as well as dreadful setbacks. Attacks from within the organization, mainly driven from external enemies and associated mercenaries from outside the Organization had exposed the OLF struggle to many difficult terrains at different times. Through its 50 years’ journey of struggle, the OLF has learned that most of the internal plots emerged as a splinter group at the time when the Oromo struggle reaches a critical stage of fruition. We also realized that forming internal splinter groups within the OLF is a permanent strategy and sabotage that had been orchestrated by Abyssinian ruling groups and their foreign allies who want to maintain the status quo of Abyssinian empire by supporting the consecutive ruling groups with abundant resources and intelligence infiltration networks for many years.

Similarly, since the last three years and up to now, we are observing related sabotages undergoing, though without success, to divide leading Oromo institutions, particularly the OLF. We would like to reiterate that given the current level of political maturity and achievement of the Oromo liberation struggle, no one should think of hindering the Oromo people from achieving its full freedom and building a nation of democratic order. However, in our final move we must be fine-tuned to strengthen our unity more than ever and be vigilant of the current machinations and future enemies, particularly the expansionists groups and recent-past power mongers who want to regain their lost positions. We believe that at this critical time, when the Ethiopian empire system is near its graveyard, any force that try to divide the unity of the Oromo struggle, knowingly or unknowingly, is not only repeating the same mistake of division within the OLF but also putting themselves in historical blunder. We should not forget that a century long machinery of the Abyssinian ruling class was to divide the Oromo people and its political institutions, and they are trying even today. Any group that entertains such old Abyssinian strategy is a residue in the history of Oromo liberation movement. We would like to caution the external mercenaries that it is not possible anymore to sway the Oromo people and we warn you to refrain from interfering into Oromia internal affairs.

Finally, we would like to note that in a journey of building a democratic order in Oromia as a nation, we must coordinate our efforts and develop our capacities in all spectra of nation building activities including regional cooperation, sustaining peace & security, and defending our peoples’ aspiration for freedom and democracy as well as emancipating our political, diplomatic, and civil society institutions. This requires multifaceted practices that demonstrate Oromia which is peaceful with its neighboring sister nations and nationalities and the Horn of African region and beyond.

Therefore, we remind the Oromo people and other Oromia citizens to see a big picture and focus on consolidating all their liberation efforts towards administering their region and defending their territories from all sorts of Abyssinian ruling elements and carefully move towards final building of a free society and democratic order.

Victory to the Masses!

Oromo Liberation Front

August 25, 2021

Finfinne, Oromia


Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irra jirurratti Qabsiisa Gabaabduu

Ibsa ABO – Hagayya 25, 2021

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) akka hangafa hoogganaa jaarmayaa siyaasaa Oromootti qabsoo hiree murteffannaa Oromoo dadhabbii tokko malee utuu walirraa hin citiin wagga 50 oliif qindeessee hoogganaa tureera. ABOn bu’uureffama isaarraa kaasee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) bifa adda addaatiin, jechuun karaa hidhannoo, siyaaasaa fi diploomasii hoogganaa ture.

Waan haalamuu hin dandeenye garuu ABOn diinota keessaa fi alaa heduutu isa mudatee karaa qabsoo bilisummaa Oromoo bu’aa bahiitiin guutame keessaatti injifannoolee fi hudhaalee adda addaa keessa darbe. Rakkinni keessoo jaarmayaatti dhalatanii fi kan alaa isaan gargaaran akka qabsoon bilisummaa Oromoo daandii rakkisaa keessa deemu taasisaniiru. Muuxannoo waggaa 50 keessaa waan ABOn barate mormiin dhaaba keessatti dalatan hundi yeroo QBO galma gahuuf dhihaatu foxoqinsa dhaaba keessatti uummuu akka ta’ee dha. Akksumas waan hubanne ABO keessatti gartuu fottoqinsaa uummuun tooftaa fi shira dhaabbataa sirni impaayera Itophiyaa dhimma itti bahu fi deeggartoota isaanii biyya alaa kan sirna impaayera Itophiyaa (status quo) tikisuu barbaadaniif fi gargaarsa qabeenyaa fi basaasummaa (intelligence network) warra bara hedduuf kennanaa turanii dha.

Wagga darban sadeen keessattii fi hanga har’aattillee haala wal-fakkaataan shirri geggeeffamaa akka jiru argaa jirra. Shirri kunis, yoo milkaawuu baatuyyuu, dhaabota siyaasaa Oromoo, keessattu ABO addaan qooduu fi dhadhabsiisuu ture. Garuu irraa deebinee hubachiisuu kan barbaadnnu bilchina siyaasaa Oromoon irra gahee fi sadarkaa injifannoolee QBO amma jiru keessatti eenyuu birmadummaa guutuu argachuu fi biyya demokraatoftuu Oromiyaa ijaaruu irraa kan boodatti deebisu akka hin jirree dha. Haa ta’uutii, adeemsa xumura qabsoo kana keessatti tokkummaa qabsoo bilisummaa jabeeffachuu fi shira amma jiruu fi fulduratti nu eeggatu irra of eeguu qabna. Keessattii gartuu babal’ifannoo lafaa abjootanii fi warra aangoo harkaa baatee deebifachuuf halkanii guyyaa dhama’an irraa of-tiksuu fardii dha. Akka ABOn amanutti ammaan tana yeroo sirni Impaayera Itophiyaa awwaalamuuf boolla qarqara jirtu keessatti qaamni beekees ta’e utuu hin beekiin QBO addaan qooduu yaalu doggoggora ammaan duraa dabaluu qofa utuu hin taane seenaa gurraacha ufitti dibaa akka jira hubachuu qabu. Waan irraanfachuu hin qabne tooftaa bara dheeraa mootummaan dhufee darbaa Habashaa ummata keenya addaan qooduu fi jaarmayaa siyaasaa keenya diigee mataa irra asii gadi nu rukuchuu isaa ti. Qaamni yeroo ammaa tooftaa dulloomaa habashaa kana keessumsiisu QBO keessaatti atalaa (residue) ta’uu isaa hubatuu qabu. Waan humnoota alaa dantaaf deeman hubachiisuu feenu ammaa booda Oromoo akka meeshaatti dhimma bahu waan hin dandahamneef harka keessan dhimma Oromoo irraa kaasaa jenna.

Dhuma irratti waan hubachuu qabnu karaa adeemsa Oromiyaa bilisa taate ijaaruu keessatti humnoota keenyaa karaa adda addaa qindeeffachuu fi dandeettii keenya karaa hundaa gabbifachuu nu barbaachisa. Kunis dandeettii ufiin of bulchuu fi hariiroo obbolummaa horachuu, nageenya tiksuu fi naannoo ufii iggituu akkasumas karaa polotikaa, diploomaasii fi ijaarsa sivilii jabatnee Oromiyaan akka gaanfa Afrikaa keessatti iftee mul’attu taasisuu qabna. Kunis Oromiyaan hujii karaa hundaatiin jabbaachuu mirkaneessuu fi nagaadhan sabaa fi sab lammii olla waliin jiraachuu fi naannoo gaanfa Afrikaa fi sanaa olittillee nagaa buusuu dha.

Kanaaf, waan Oromoo fi lammilee Oromiyaa hubachiisuu feenu bal’isanii ilaaluu fi humnoota QBO karaa adda addaan geggeessaa jiran walitti qindeessuu fi naannoo ufii bulchuu akkasumas daangaa ufii harcaatuun sirna Habashaarraa tikfatuu fi Oromiyaa demokraatofte ijaaruurratti fuulleffatuu dha.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Hagayya 25, 2021

Finfinnee, Oromiyaa



20 last posts shown.

331

subscribers
Channel statistics