Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irra jirurratti Qabsiisa Gabaabduu
Ibsa ABO – Hagayya 25, 2021
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) akka hangafa hoogganaa jaarmayaa siyaasaa Oromootti qabsoo hiree murteffannaa Oromoo dadhabbii tokko malee utuu walirraa hin citiin wagga 50 oliif qindeessee hoogganaa tureera. ABOn bu’uureffama isaarraa kaasee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) bifa adda addaatiin, jechuun karaa hidhannoo, siyaaasaa fi diploomasii hoogganaa ture.
Waan haalamuu hin dandeenye garuu ABOn diinota keessaa fi alaa heduutu isa mudatee karaa qabsoo bilisummaa Oromoo bu’aa bahiitiin guutame keessaatti injifannoolee fi hudhaalee adda addaa keessa darbe. Rakkinni keessoo jaarmayaatti dhalatanii fi kan alaa isaan gargaaran akka qabsoon bilisummaa Oromoo daandii rakkisaa keessa deemu taasisaniiru. Muuxannoo waggaa 50 keessaa waan ABOn barate mormiin dhaaba keessatti dalatan hundi yeroo QBO galma gahuuf dhihaatu foxoqinsa dhaaba keessatti uummuu akka ta’ee dha. Akksumas waan hubanne ABO keessatti gartuu fottoqinsaa uummuun tooftaa fi shira dhaabbataa sirni impaayera Itophiyaa dhimma itti bahu fi deeggartoota isaanii biyya alaa kan sirna impaayera Itophiyaa (status quo) tikisuu barbaadaniif fi gargaarsa qabeenyaa fi basaasummaa (intelligence network) warra bara hedduuf kennanaa turanii dha.
Wagga darban sadeen keessattii fi hanga har’aattillee haala wal-fakkaataan shirri geggeeffamaa akka jiru argaa jirra. Shirri kunis, yoo milkaawuu baatuyyuu, dhaabota siyaasaa Oromoo, keessattu ABO addaan qooduu fi dhadhabsiisuu ture. Garuu irraa deebinee hubachiisuu kan barbaadnnu bilchina siyaasaa Oromoon irra gahee fi sadarkaa injifannoolee QBO amma jiru keessatti eenyuu birmadummaa guutuu argachuu fi biyya demokraatoftuu Oromiyaa ijaaruu irraa kan boodatti deebisu akka hin jirree dha. Haa ta’uutii, adeemsa xumura qabsoo kana keessatti tokkummaa qabsoo bilisummaa jabeeffachuu fi shira amma jiruu fi fulduratti nu eeggatu irra of eeguu qabna. Keessattii gartuu babal’ifannoo lafaa abjootanii fi warra aangoo harkaa baatee deebifachuuf halkanii guyyaa dhama’an irraa of-tiksuu fardii dha. Akka ABOn amanutti ammaan tana yeroo sirni Impaayera Itophiyaa awwaalamuuf boolla qarqara jirtu keessatti qaamni beekees ta’e utuu hin beekiin QBO addaan qooduu yaalu doggoggora ammaan duraa dabaluu qofa utuu hin taane seenaa gurraacha ufitti dibaa akka jira hubachuu qabu. Waan irraanfachuu hin qabne tooftaa bara dheeraa mootummaan dhufee darbaa Habashaa ummata keenya addaan qooduu fi jaarmayaa siyaasaa keenya diigee mataa irra asii gadi nu rukuchuu isaa ti. Qaamni yeroo ammaa tooftaa dulloomaa habashaa kana keessumsiisu QBO keessaatti atalaa (residue) ta’uu isaa hubatuu qabu. Waan humnoota alaa dantaaf deeman hubachiisuu feenu ammaa booda Oromoo akka meeshaatti dhimma bahu waan hin dandahamneef harka keessan dhimma Oromoo irraa kaasaa jenna.
Dhuma irratti waan hubachuu qabnu karaa adeemsa Oromiyaa bilisa taate ijaaruu keessatti humnoota keenyaa karaa adda addaa qindeeffachuu fi dandeettii keenya karaa hundaa gabbifachuu nu barbaachisa. Kunis dandeettii ufiin of bulchuu fi hariiroo obbolummaa horachuu, nageenya tiksuu fi naannoo ufii iggituu akkasumas karaa polotikaa, diploomaasii fi ijaarsa sivilii jabatnee Oromiyaan akka gaanfa Afrikaa keessatti iftee mul’attu taasisuu qabna. Kunis Oromiyaan hujii karaa hundaatiin jabbaachuu mirkaneessuu fi nagaadhan sabaa fi sab lammii olla waliin jiraachuu fi naannoo gaanfa Afrikaa fi sanaa olittillee nagaa buusuu dha.
Kanaaf, waan Oromoo fi lammilee Oromiyaa hubachiisuu feenu bal’isanii ilaaluu fi humnoota QBO karaa adda addaan geggeessaa jiran walitti qindeessuu fi naannoo ufii bulchuu akkasumas daangaa ufii harcaatuun sirna Habashaarraa tikfatuu fi Oromiyaa demokraatofte ijaaruurratti fuulleffatuu dha.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 25, 2021
Finfinnee, Oromiyaa