Oromian Students


Channel's geo and language: World, English
Category: Bookmaking


■Channel kanarraa:-
✓Reference book
✓Text book
✓Teacher guide
✓ Work sheet
✓Entrance Exam
✓Odeeffannoo waa'ee barnootaa ni argattu!
Buy ads: https://telega.io/c/Oromian_Students

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
World, English
Category
Bookmaking
Statistics
Posts filter


#Remedial #Amboo
#Yuunivarsiitii Amboo

Galmeen barattoota bara 2016tti kutaa 12ffaa xumuranii Yuunivarsiitii Ambootti Sagantaa Fooyya'iinsaatiin (Remedia ramadamaniif Amajjii 29 fi 30/2017 akka gaggeeffamu yuunivarsiitichi beeksiseera.

Bakka Galmee:
➫ Barattoota saayinsii hawaasaa mooraa guddicha keessatti
➫ Barattoota Saayinsii Uumamaa Mooraa Haacaaluu Hundeessaa

Yeroo galmeef dhuftan
👉Dokimentii kutaa 8-12 orijinaali
fi fotokoppii
👉Uffata qorraa, Ansoolaa fi Uffata
boraatii
👉Suura (3 x 4) baayinni isaa lama
(4) qaabattanii akka dhuftan isin
beeksifna.
👉Waraqaa eenyummaa

@Oromian_Students


Baga ayyaana Qillee bara 2017 geessan. Ayyaanni kun kan fayyaa, kan nagaa fi kan gammachuu isiniif haa ta'u.

        
@Oromian_Students


#Remedial
#Yuunivarsiitii Samara

Barattoonni bara 2017tti Yuunivarsiitii Samaraatti Sagantaa fooyya'iinsaatiin ramadamaniif guyyaan waamicha Amajji 14/2017 ta’uu yuunivarsiitichi beeksiseera.

Galmeen Amajji 15 fi 16/2017 ni raawwatama; Barnoonni Amajji 19/2017 akka eegalu ibsameera.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 8ffaa fi 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii  kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4: (baay'inni 8)
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.

@Oromian_Students


#MoE
#Ministeera_Barnootaa

Qormaatni Bahinsaa Gurraandhala 10 hanga 12/ 2017tti akka kennamu ibsameera.

Barsiisota ganna keessa ogummaa barsiisummaatiin dippiloomaa irraa gara digirii tokkoffaatti foyyeeffannaaf barataa turan, madaallii ba'insaa ( Exit Exam ) eeggachaa jiraniif guyyaan madaallii kennamu ifoomeera.

Kanaaf madaalliin ba'insa Gurraandhala 10 hanga 12/2017tti kan kennamu yoo ta’u, barsiisonni qophii barbaachisu akka godhan Ministeerri Barnootaa dhaame.

Ministirrichi  madaalliin kun yunivarsiitiiwwan dhiyoo jiraniin kan kennamu ta'uu ibsuun, "karaa waajjiraalee manneen barnootaa bulchiinsa naannoo/magaalaa kan isin beeksisnu taha" jedhan.


@Oromian_Students


#Remedial
#Yuunivarsiitii Arsii

Barattoota bara 2016tti qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii Yunivarsiitii Arsiitti Sagantaa Fooyya'iinsaatiin ramadamaniif guyyaan galmee Amajji 19 fi 20/2017 ta’uu yuunivarsiitichi ibseera.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

👉Ragaa Xumura Kutaa 8ffaa fi 12ffaa kooppii fi orijinaala
👉Tiraanskriiptii  kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
👉Suuraa roga 3×4: (baay'inni 6)
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.


@Oromian_Students


#Odeeffannoo barattoota Kutaa 12ffaa

Galmeen qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ammajjii 6/2017 sa'aatii 10:00 irratti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata beeksise.

Kanaaf barattoonni galmee hin xumurre yeron darbuun dura akka xumurtan tajaajilichi dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee qormaata bara 2017 ilaalchisee ergaa tajaajilichi erge keessatti; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka waliigalaatti kutaa 9-12 kan hammatu yoo ta’u, qormaanni naannoo kutaa 8ffaa ammoo kutaa 7-8 kan hammatu ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni kitaaba barattootaa sadarkaa kutaa kutaa irratti hundaa’uun qophaa’uu akka qaban tajaajilichi akeekeera.

@Oromian_Students


Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irra deebi’anii qoraman toora interneetii irratti galmaa’uu akka danda’an Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksise.

Barattoonni Oonlaayinii karaa https://register.eaes.et/Online galmaa’uu ni danda’u.

(Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa)

@Oromian_Students


#Yuunivarsiitii_Haramaayaa
#Remedial

Bara 2017tti Barattootni  Yunivarsiitii Haramayaatti sagantaa sirreeffamaaf (#Remedial)  ramadaman hundaaf. Amajjii  02, 03 fi 04/ 2017 mooraa yuunivarsiitii Haramaayaatti qaamaan argamuun gabaasa  akka gootan yuunivarsiitichi ibseera.

#Hubachiisa.

👉1ffaa.
Barattoonni saayinsii hawaasaa mooraa Veterinary  fi
Barattoonni saayinsii uumamaa mooraa Teeknooloojiitti gabaasa kan dhiyeessitan ta'a.

👉2ffaa.
Barattoonni gara yunivarsiitichaa yeroo dhufan
Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa orjinaalaa fi koppii
Tiraanskriiptii 9ffaa hanga 12ffaa,
suuraa 3*4  afur, fi
Uffata halkanii, Uffata boraati, ansoolaa fi meeshaale Ispoortii qabattanni argamuu akka qabdan yuunivarsiitichi beeksiseera.

Barattoonni ramaddii dormii keessan marsariitii yunivarsiitii (www.haramaya.edu.et) irratti lakkoofsa eenyummaa keessan fayyadamuun ilaaluu ni dandeessu.


#MoE

Filmaatni nyaataa(Menu) barattoota yunivarsiitii hojiirra oolu maal fakkaata?

Baasii nyaataa barattoota yunivarsitii guyyatti Muddee 01/2017 irraa eegalee birrii 100 akka ta’u murtaa’uun isaa ni beekama.

Ministeerri Barnootaa 'menu' nyaataa barattoota yunivarsiitiif qophaa’u walfakkaata akka ta'uuf hojjatamaa akka jiru ibsee ture.

Haaluma kanaan, Ministeerri Barnootaa dhiyeessiin nyaataa barattootaa, yunivarsiitiiwwan hunda keessatti wal fakkaatee akka raawwatamuuf filmaata Nyaata(menu) sadarkaa isaa eeggate qopheessee yunivarsiitiiwwan mootummaa hundaaf ergeera.

Ministeerichi filmaatni nyaataa kun istaandaardii xiqqaa irratti hundaa’uun qophaa’uusaa ibsuun, barataa tokkoof baasii torbanitti Birrii 700 (dhibba torbaa) caalu akka hin qabne dhaabbileef ibseera.

Filmaatni nyaataa yunivarsiitiiwwaniif ergame maal fa'a qaba ?

Ciree: Injera Firfirii / ruuzii + daabboo + shaayii, Qincee, Silsii, makaroonii dabalata.

Laaqana: Qincee/Shiroo Ataraa/Shiroo/Dinnicha/Goommana, kaarotaa/paastaa/ + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.

Irbaata: Misira/shiroo Ataraa/Paastaa/Shiroo + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.

Akka menu nyaataa Ministeerri Barnoota Olaanoo Yunivarsiitiiwwaniif ergeen, barataa tokkoof ciree, laaqanaa fi irbaataaf Birriin 100 ramadameera.




#obu #oda bultum University
Barattoota sagantaa Fooyyeffannaatiin (Remedial program) bara barnootaa 2017tti Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti ramadamtan hundaaf;

Guyyaan galmee Mudde 7-8/2017 ALI yoo ta'u, guyyaan barnootni itti eegalu Mudde 9/2017 ta'uu isin beeksifna.


#Yuunivarsiitii_Haramaayaa

Yuunivarsiitii Haramayaa Kolleejjiin Fayyaa fi Saayinsii Meedikaalaa barattoota sagantaa eebba duraa (digrii tokkoffaa) (private sponsor) damee barnoota faarmaasiitiin ulaagaalee jedhame guutan barsiisuuf qophii isaa xumuree jira!!

Barattoonni ulaagaa guuttan carraa argametti akka fayyadamtan affeeramtaniittu!


Yeroon iyyannoo hanga Sadaasa 26/2017tti

[Ibsa guutuuf suuraa ilaalaa].

@Oromian_Students




# Waamicha
#Yuuniversiitii _Boongaa

Yuunivarsiitiin Boonga barattoota sagantaa idilee digirii jalqabaa(freshman )haaraa ramadaman akkasumas barattoota bara 2016 sagantaa sirreeffama(Remedial program )irratti hirmaatani fi bu’aa darbiinsa galmeessan guyyaan galmee Sadaasa 20 fi 21/2017 ta’uu beeksise.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Kaardii kutaa 8ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4:- 8
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.


@Oromian_Students


#Remedial
#Yuunivarsiitii Jigjigaa

Yuunivarsiitiin Jigjigaa barattoota sagantaa Fooyya'insaatiin(Remedial) bara 2017 haaraa galaniif yeroo galmee beeksise.

Haaluma kanaan galmeen barattoota fooyya'insaa (Remedial) bara 2017 Mudde 14 fi 15/2017 akka raawwatamu yunivarsiitichi ibseera.

@Oromian_Students




#MoE

✅Ministeera Barnootaa; Gahumsa barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisan madaaluuf qormaata kennuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministeerichatti daayreektarri tajaajila dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa kan ta'an Iyyoob Ayanaw (Dr.) ibsa raadiyoo Shaggar FM 102.1'f kennaniin, "Qormaanni barsiisotaa kanaan dura barsiisota sadarkaa tokkoffaatti barsiisaniif kennamaa turuusaan hin jalqabne jechuun hin danda'amu" Jedhan.

Yeroo ammaa kana Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisota qoruuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan kun akkuma xumurameen qormaanni barsiisota dhaabbilee barnoota olaanoo bara kana ykn bara dhufu 2018 akka eegalu raadiyoo Shaggariif ibsaniiru.


@Oromian_Students


#Beeksisa_Waamichaa
#Yuunivarsiitii_Walqixxee


✳️Yuunivarsiitii Walqixxeetti  bara 2017 barattoonni idilee haaraa (Freshman student) ramadamtan fi
•barattoonni bara 2016 #Remedial ( Sagantaa fooyya'insaa ) irratti hirmaachuun qabxii darbinsaa fiddan, guyyaan Galmee Sadaasa, 26 fi 27/2017 tahuu yuunivarsiitichi beeksise.


    ✦Galmeef yeroo dhuftanitti:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Tiraanskiriptii kutaa 9-12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Suuraa 3×4 afur;
- Uffata qorraa, Ansoolaa,tiraascarqii ( Uffata boraatii ) fi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.

✦Barattoonni bara 2016 seemestera tokkoffaa bu'aa keessan irratti hundaa'uun irra deebiin galmaahuf kan siniif eeyyamame guyyoota eeraman kana keessatti akka iyyattan yuunivarsiitichi ibseera.

@Oromian_Students


#Beeksisa_Waamichaa
#Yuunivarsiitii_Gambeellaa


🔰•Bara barnootaa 2017 tti Yuunivarsiitii Gaambellaatti barattoonni idilee haaraa (Freshman student) ramadamtan fi
•barattoonni bara 2016 sagantaa #Remedial ( Sagantaa fooyya'insaa ) irratti hirmaachuun qabxii darbinsaa fiddan,
• akkasumas barattoonni sagantaa fooyya'insaaf ( Remedial ) bara 2017 tti haaraa ramadamtan guyyaan Galmee Sadaasa, 23 fi 24/2017 tahuu yuunivarsiitichi beeksise.

- Barataan guyyaa jedhame dursees tahe dabarsee dhufe kan hin simatamne tahuu ibsamee.

✦Galmeef yeroo dhuftanitti:-

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Tiraanskiriptii kutaa 9-12ffaa Orjinaalaa fi koppii;
- Suuraa 3×4 afur;
- Uffata qorraa, Ansoolaa,tiraascarqii ( Uffata boraatii ) fi uffata Ispoortii qabattanii argamuu qabdu.

• Iddoon galmee ;- Reejistarara muummeetti qaamaan argamuun.


@Oromian_Students


CamScanner 11-13-2024 16.46.pdf
8.8Mb
#BEEKSISA_RAMADDII_BARSIISOTAA
Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisa baasee qacarrii barsiisotaa ogummaa garaa garaan eebbifaman keessaa calalee akkaataa armaan gadiin ramaddii raawwatee jira.
#Barsiisonni ramadamtan hundi gaafa guyyaa 6/03/2017 irraa kaasee #Waajjira #barnootaa #godinaalee fi #Bul.Magaalotaa Ramadamtanitti akka gabaastan hubachiisa. Via BBO

Baga gammaddan
Barsiisota 490


@Oromian_Students

20 last posts shown.