Tsegaye Ararssa


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified



Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter






gganuu qaba.

Hoggansi kun lola ofirra ittisuu kana sodaa fi shakkii tokko malee fudhatanii qindeessutti ka'uu qaba. Fincila xummuraa gaggeessuuf akka danda'amu sadarkaa amma jirru irratti abbummaa fudhachuu qabu. Tarkaanfii #AbiyAhmad Oromoota irratti fudhachaa jiruuf deebii madaalu keennuf hatattamaan sochoo'uf, qophaa'uu qabu. Hatattamaan tarkaanfiiwwaan ciccimoo ta'an fudhachuus qabu.

4. Motummaan Abiy (Motummaan Bilxiginnaa) diina Oromooti. Diina sabaaf sablammoota hundaati. Diina ummattotta itiyoophiyaati. Motummaan Abiy/Bilxiginnaa motummaa nafxanyootaati. Motummaan kun motummaa ummata ajjeesaa, hiraarsaa, dararaa jiruu dha. Motummaa kana mormuu qofa utuu hin taane, ofirraa ittisuun, ofirraa haleelun, mirga namummaati. Hoggantoota fi caasaa motummaa diina ta'ee kana irratti tarkaanfii fudhachuun akka barbaachisu namni hunduu, humnoonni hundi, hubachuu qabu. Motummaa kana ofirraa ittisuun mirga uumamaati. Godhamus qaba.

Warri qabsoo hidhannoo geggeessu tarkaanfii cicimaa fudhachuudhaan aggaammii nurratti xiyyeeffate kana uummatarraa ittisuu qabu. Kun dirqama isaaniitisi. Kanas sagalee isaani ol kaafatanii himachuu, deeggarsa uumataaa waammachuu, fi saba isaani of duuba hiriirsuu qabu. Kun dirqama seenaan isaan baachise waan ta'eef, ol ka'ani, sodaa tokko malee, dubbachuu qabu.

5. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bakka jiranitti qabsoo isaanii haala qindaayeen, naamusa cimaa dhaan, tokkummaa dhan, waldhageettii addaatin itti fufuu qabu. Qabsoon isaanii yeroo kamiyyuu caalaa qabsoo warri dirree waraanaa jiru gaggeessu kanas deeggaruu fi utubuu qabu. Qabsoon garuu, qabsoo motummaa #AbiyAhmad wajjin godhamu ta'uusaa beekani, nama nagaa, namoota saba biroo isaan keessa jiraatan, akka hin tuqne of eggannoo fi obsa guddaa dhan sochoo'uu qabu.

6. Rogeeyyiin biyya keessa jiran hundi qabsoo Qeerroo fi Qarree Oromootif tumsuu, karoora isaani qindeessuu qabu.

7. Uummanni Oromoo biyya alaa jiru gargaarsa isaa gama adda addaatin itti fufuu qaba. Maallaqaan, lobby fi advocacy dhan, hiriira nagaa qopheessuu dhan, xalayoota motummoota biyya isaaniititti erguu dhan, konfaransii adda addaa geggeessuu dhaan hojii public relations (PR) barbaachisu hunda kallattii adda addaatin qabsoo dhumaatitti bobba'uu qaba. Haa ta'u malee, qabsoo uummataa kan biyya keessaa irratti hoggantoota ta:uuf yaaluu, ykn abbummaa fudhachuuf socho'uu, fi gocha kana fakkaatan irraa of qusachuu qabu. Abbaan qabsoo uummata bal'aa Oromoo dha. Hoggansi siyaasaa biyya jira. Hoggantonni sochii hawaasaa Qeerroon Oromoo gaggeessus abbaa qabaa, hoggansa ofiisat qaba. Kanaaf Oromoonni biyya alaa sochii biyya keessaa deeggaruu qaba malee qabsicha irratti hogganaa of godhuf tattaafachuu dhaabu qabu.

#Abiy_Ahmed_is_a_murderer #abiy_must_be_removed
#AbiyMustGo #Abiy_is_the_past!


MAAL GOONU: AKKAMITTI SOCHOONU? (Yaada dhunfaa kooti)
[Modified version of a post on July 5, 2020]
=============
1. Qabsoon uummata Oromoo sadarkaan inni itti jiru haala ariifachiisaa ta'een jijjiiramaa jira. Erguma #Haacaaluun wareegamee irraa kaaseeyyuu, hoggantoonni jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hidhamaa fi dararamaa jiru. Qeerroon Oromoo haala sukkaneessaa ta'een hiraarfamaa jira. Har'as, hawaasni keenya ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, gad-xiqqeeffamaa, karaa adda addaatin itti roorrifamaa jira. Keessattu, ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwatame booda, #JawarMohammed, #BekeleGerba qabamanii hidhaatti darbamaniiru. Hoggantoonni olaanaa ABO hidhamaniiru. Ijoolleen fi maatiin #BekeleGerba, #HamzaBooranaa, #DajaneeXaafaa, #DrShigguxGalataa, #MichaelBorana, fi hoggantonni biroo ABO hidhamaniiru. OMN cufameera. Yakkamaas jira. Miidiyaalen Oromoo adda addaa akka satalayitii irraa buufaman murtaayee jira. Oromiyaan guutuma guututti dirree waraanaa taatee jirti.

2. MM Abiyy Ahmad, tarkaanfiilee ciccimoo kana caalaa nama hiraarsan fudhachuuf dhaaddachaat jira. Motummaan isaas uummata qawwee dhaan cabsuuf murteessuu isaa ibsateera. Fudhatees jira. Ammas itti fufeet jira.

3. Kanaan walqabatees, raayyaan ittisa biyyaa magaaloota Oromiyaa hunda keessatti dhangala'ee uummata haaleelaa jira. Anaa tokkoof Poolisii addaa lakkofsaan 250 ta'an ramadee socho'aa ture. Mormiin uummataa cimmee caasaa loltoota kanaa haa caccabsu malee halleellaan sukkaneessaa ta'e gama RIBtin itti fufeet jira.

4. Magaalaan Finfinnee keessatti Oromoonni gar lamaan hiraarfamaat jiru: gara motummaa irraa fi gara haawaasa magaalittii irraayis miidhaa fi dhiibbaan adda addaa irratti gaggeeffamaat jira. Gama biraatin daandiiwwan cufamanii waan turanif fi mormiin gabaa lagannaa guyyaa shanif gaggeeffamaa ture irraa kan ka'e gatiin shaqaxaa fi nyaataa ol ka'eet jira.

Interneettin torban sadii ol cufameetti ture.

Magaaloota Oromiyaa keessatti waraanni uumata mormuuf bahu manatti dachaasee akka gadi hin baane godhaat jira. Walumaa galatti Oromiyaa irratti waraanni labsamee jira.

5. Sirnichi guutuma guututti sirna cunqursaa, sirna abbaa irrummaa nama tokkoo (sirna #AbiyAhmad) ta'ee itti fufuuf kutannoo dhaan ka'eera.

Kanaaf:

1. Oromoon hundi bakka jirutti haala danda'ame hundaan, haala inni filatee hundaan, qabsoosaa ciminaan, kutannoo addaatin, itti fufuu qaba. Yeroo kanaatti, sochiin isaa hundi naamusaan, waldhageettii guddaa dhaan, tokkummaa dhan, sagalee tokkoon, tarsiimoo fi tooftaa adda addaatin gaggeeffamuu qaba.

2. Jarmiyaalen siyaasaa hoggantoota isaanii hidhaman, isaan hiiksiusuuf hatattamaan carraaqqii adda addaa gochuu qabu. Kanaa godhuuf dhiibbaa siyaasaa adda addaa gageessuu qabu. Miseensoonni fi hoggantoonni hanga ammaatitti jalaa hin hidhamne jara kana tikfachuu qabuu. Balaa hidhaa jalaa akka miliqan yaali gochuu qabu. Warra hoggantoota hidhamaniin bakka bu'anii hojii hojjachuu danda'an ramadanii sochoo'uun barbaachisaa dha. Warri hoggantoonni irraa hidhaman, hoggantoota yeroo kanaaf malu filatanii bakka bufachuu qabu.

Hojiin siyaasa karaa nagaa dhaan geggeeffamu karaansaa dhiphachaa waan dhufeef, hawaasni mormii cimaa akka gaggeessuu danda'uu, waamicha fi gorsa hawaasa sochoosu dhaammachuun, kallattii qabsoo baasanii keennuun, barbaachisaa dha.

3. Warri qabsoo hidhanoo gaggeessaa jiru haalan deeggaramuu qabu. Yeroo kamiyyuu caalaa tooftaan qabsoo isaanii, yeroo akka sabaatitti lolli nurratti labsamee jiru kana irratti, barbaachisaa akka ta'e ifa ta'eera. Kana baratanii, hidhannoo isaanii jabeeffachuu qabu.

Qabsoon karaa nagaa guyyaan itti galgalaa'aa waan jiruf lola nurratti labsame ofirraa ittisuf akka danda'amu qabsoon sibiilaa tooftaa haalan barbaachisaa akka ta'ee hubachuun barbaachisaa dha. Kun waan ta'eefis, haalan deeggaruun barbaachisaa dha. Hoggansi WBO dirree jirus kana beekkatee, sadarkaa amma jirru irratti, ummata Oromoo lolli waraanaa itti labsame kana balaa irraa oolchuuf sochoo'uusaa ciminaan itti fufuu qaba.

Lola Motummaan abbaa irree #AbiyAhmad Oromoo irratti labse kana ofirraa ittisuuf adeemsifamu kana haalaan ho


#Alert #Fake_Account

This is not my page. My public page is Tsegaye R Ararssa. All else is fake account.


#Inbox

BEEKSISA
=======
Waamicha Uggura Geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame Ilaalchisee Beeksisa Qeerroo Irraa Kenname
=======================
lagannaan ugguraa geejibaa daandii Asphaltti fi Cirraacha/piistaa/ fi qoqqobbiin dinagdee Guutuu oromiyaa tti Adoolessa 27/11/2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa calqabee Guyyoota Hin murtoofneef hojii irra Ni oola.
Haaluma Kanaan toftaa qabsoo bifa lama of keessaa qabu bocuudhaan Qeerroon mata-duree Waamicha Uggura geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame bifa qinda'een Guutuu oromiyaa tti Ni raawwata.

Akkaataa waamicha kanaatti qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame keessaa muraasni .....

Tooftaan 1ffaan Waamicha Uggura geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Qeerroon Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmadiin loluuf baafate immoo
•••->uggura daandiiwwan gurguddoo (highways) irratti xiyyeeffataa. Kaayyoon uggura daandiiwwan gurguddoo kun daandiiwwan Oromiyaa seenanii fi ba’an cufuudhaan ujummoo diinagdee mootummaa Nafxanyaa Finfinnee keessa maadheffatee cufuu dha.
Qeerroon addaan qoodame hinjiru, gara duraattis hanga bilisummaa dhugaa galmaan geenyutti hinjiraatu.

Toftaan 2ffaa..
••-> uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne,
•• baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne .
Uummatni keenya irraa keenya mootummaa nfaxanyaa Abiy Ahmediif gibira akka hin kafalle;
••Jaarmiyaalee tajaajila geejjibaa kanneen sheerii warra diina uummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu; ••konkolaataan isaanii Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu;
••Miidiyaalee diinaa dadhabsiisuu ilaalchisee miidiyaaleen diinaa fardii uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne,
••Qabeenya abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.
Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa ilaalchisee
Waamichi uggura geejjibaa daandiiwwan gurguddoo Oromiyaa seenanii-ba’anii fi Oromiyaa Wiixata, Adoolessa 27, 2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa calqabee
akka eegaluuf murtaa’ee jira. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 27, 2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa
eegalee daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu irra deebiin waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata Adoolessa 27 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa egalee hojii irraa akka oolu firaafis ta’e diinaaf ifa haata’u jechuun Qeerroon murteessee jira. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata. Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti Guyyoota Hin murtoofneef kan itti fufu ta’a.
Warreen murtii Qeerroo fudhachuu didanii socho'uuf yaaluu fedhan Yoo jiraate tarkaanfiin irratti fudhatamu fuula duratti Qeerroo fi qarreen ifa Ni godha.


Eeyyen, #AbiyyAhmad nafxanyaa dha. Nafxanyaa nafxanyaa caalu.

Nafxanyummaan dhimma dhiigaatii miti. Nafxanyummaan dhimma saba tokko qofa irratti rarra'u miti.

Nafxanyummann ilaalcha. Nafxanyummaan karoora. Nafxanyummaan goocha. Nafxanyummaan sirna siyaasaati. Nafxanyummaan sirna bulchiinsa motummaati.

Motummaan Abiyy Ahmad motummaa nafxanyootaati. Gareen yakkamtootaa Bilxiginnaa (PP) ofiin jettu kunis garee nafxanyootaati.

Motummaan #Hacaaluu_Hundeessaa nyaatee motummaa nafxanyootaa warra bulguuti. Garuu, gaarummaan isaa, motummaan Abiyy motummaa nafxanyaa isa dhumaati.

#Abiyyin_ni_buqqisna! #Abiy_out_of_Oromiya!
#Abiy_is_the_past!
--------------
አዎን፣ አብይ አህመድ ነፍጠኛ ነው። ከነፍጠኛም የባሰ ነፍጠኛ።

ነፍጠኝነት የመወለድ ወይም የደም ጉዳይ አይደለም። ነፍጠኛነት ከአንድ ብሔር ጋር ብቻ በተለይ የሚያያዝ ጉዳይ አይደለም።

ነፍጠኛነት አመለካከት ነው። ነፍጠኛነት ዓላማ/ግብ/መሻት ነው። ነፍጠኛነት (በድርጊት የሚገለጽ) ተግባር ነው።

ነፍጠኝነት (በጉልበት፣ በነፍጥ የሚከወን) የፖለቲካ ሥርዓት ነው። ነፍጠኛነት የአስተዳደር ሥርዓት ነው።

የአብይ አህመድ መንግሥት፣ የነፍጠኛ መንግሥት ነው። እራሱን ብልጽግና ብሎ የሚጠራው የወንጀለኞች ስብስብም የነፍጠኛኞች ስብስብ ነው።

ሃጫሉ ሁንዴሳን የበላ መንግሥት፣ ነፍጠኛ ብቻ ሳይሆን ከነፍጠኛም ጭራቅ የሆነ ነፍጠኛ ነው። ደግነቱ፣ ይህ የአብይ አህመድ የነፍጠኛ መንግሥት፣ የመጨረሻው የነፍጠኛ መንግሥት ይሆናል።

#ነፍጠኛው_የአብይ_ቡድን_ይነቀላል።
#Abiy_out_of_Oromiyaa.
#Abiy_is_the_past.


"የሚሞት ይሞታል እንጂ..." አለ አብይ?!?
======

በግድያ፣ በግፍ ክምር፣ በውሸት ታሪክ፣ እና በፖለቲካዊ ቅጥፈት፣ ሥልጣንን ማሳደርም፣ ሕዝብን መምራትም፣ አገርን ማዳንም፣ ዴሞክራሲን መመሥረትም አይቻልም።

የሚያዋጣህ ሰይፍህን ወደ ሰገባው መልሰህ፣ ፍትሕን አስፍነህ (ግፈኛን ቀጥተህ፣ ግፉአንን ክሰህ)፣ እውነትን ሳትሸፋፍን ተናግረህ፣ መተማመንን መፍጠር (የሕዝብ አመኔታን መግዛት) ብቻ ነው።

አንድ ስትገድል፣ እልፍ አንተን ለመግደል ይነሳል። በሰይፍ የሚነሱ፣ በሰይፍ ይወድቃሉ። በያዝከው ሰይፍ ትጠፋለህ። ጠፍተሃልም።

#Abiy_Ahmed_is_the_past!
#እያንዳንዱ_የዛቻ_ቃል_በራስ_ላይ_ሞትን_መጥራት_ነው።


Warri opdo baranaa (PPn) kana dhagahan moo...?

#namni_jaalatee_hin_kolfuu!

https://www.facebook.com/685992056/posts/10157382518347057/?sfnsn=mo&d=n&vh=i


#Abiy_is_the_past






Forward from: Daniel daba
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
ፀዳል ለማ ትባላለች። የAddis Standard መስራችና ዋና ዳይሬክተር ነች።
ኦሮሞ ካፈራቻቺው እውቅ ጋዜጠኞች ግምባር ቀደሙን ትይዛለች። በዚህ ኢንተርቪው ለብሄሮች እና ብሄረሰቦች በጥላቻ የተጠመቀ ንግግር ላደረገው ጉፋያ ጋዜጠኛ ነኝ ባይ የሰጠቺው እጅግ አስደናቂ መልስ ፀዳል እናመሰግናለን!


Forward from: Etana Habte
Ashaagreen dura Tigraayiin rukutu malee jedhee foolataa ba’e, dabballoota ofii miidiyaatti bobbaasee arrabsiisaa, itti roorrisaa ba’e, amma garuu afaan jaraatiin gadi ba’ee ani isin rukutuuf fedha hinqabu maaloo nadhiisaa jedhee kadhataa jira. Kallattii inni qabatee fi amala isaa dura irraa kaasee aagrsiisaa jiru waliin gaafa ilaalamu dubbiin inni amma dubbataa jiru waan lama of keessaa qaba. Inni tokko, amma Oromoo irratti lola labsee waan jiruuf hamman Oromiyaa injifadhutti isin waliin lola hinfedhu jedhaa jira. Jecha biraatiin taraan keessan hingeenyee hamma taraan ga’utti na eegaa jedhaa jira. Jarris ergaa kana waan argachuu dhaban hinfakkaatu, kallattii gara garaatiin hubannaa akkasii akka qaban mallattoo agarsiisaa jiru. Inni lammataa, Ashaagreen saba kutannoo/murannoo jabaa qabu garmalee akka sodaatu himate. Tigraay qawwee qaba, mootummaa ijaarratee qaba, eenyummaa ofii irratti jabaadha. Hamma ammaatti garuu mootummaa Nafxanyaa Araat Kiiloo jiru waliin waraana kaasee hinlolle. Waan tokko garuu godhaniiru, saba ofii tokkoomsanii ijaaruudhaan akka qophaa’ee kutannoodhaan biyya ofii eeggatuuf dammaqina isaa sadarkaa olaanaatti guddisaniiru; adeemsi kun dimokraasii kan bakka dhowwate ta’us. Kutannoo fi qophiin biyya ofiif wareegamuu har’a Tigraayiin keessa jiru seenaa isaanii keessatti dorgommii waan qabu hinfakkaatu. Kun meeshaa guddaadha. Kan Ashaagree watwaachisaa jiru meeshaa kana. Gama biraatiin akka injifatamu utuu beekuu didee Oromoo lolaa jira. Oromoon waan Tigraay qabu kana waan dhabeef miti; dursee mana seenee meeshaalee Oromoon qabu kanneen gidduu waan taa’eef malee. Amma Oromoon yaada gowwoomsaa Ashaagree dammaqee of irraa ari’eera. Kan hafe caasaa inni ijaarratee Oromiyaatti bobbaase bitaan fakkeesse karaa mirgaa, duraan fakkeessee karaa duubaa rukutee gombisuudha. Qeerro, jirtuu? #Abiy_Must_Go








Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Video is unavailable for watching
Show in Telegram

20 last posts shown.

7 328

subscribers
Channel statistics