MAAL GOONU: AKKAMITTI SOCHOONU? (Yaada dhunfaa kooti)
[Modified version of a post on July 5, 2020]
=============
1. Qabsoon uummata Oromoo sadarkaan inni itti jiru haala ariifachiisaa ta'een jijjiiramaa jira. Erguma #Haacaaluun wareegamee irraa kaaseeyyuu, hoggantoonni jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hidhamaa fi dararamaa jiru. Qeerroon Oromoo haala sukkaneessaa ta'een hiraarfamaa jira. Har'as, hawaasni keenya ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, gad-xiqqeeffamaa, karaa adda addaatin itti roorrifamaa jira. Keessattu, ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwatame booda, #JawarMohammed, #BekeleGerba qabamanii hidhaatti darbamaniiru. Hoggantoonni olaanaa ABO hidhamaniiru. Ijoolleen fi maatiin #BekeleGerba, #HamzaBooranaa, #DajaneeXaafaa, #DrShigguxGalataa, #MichaelBorana, fi hoggantonni biroo ABO hidhamaniiru. OMN cufameera. Yakkamaas jira. Miidiyaalen Oromoo adda addaa akka satalayitii irraa buufaman murtaayee jira. Oromiyaan guutuma guututti dirree waraanaa taatee jirti.
2. MM Abiyy Ahmad, tarkaanfiilee ciccimoo kana caalaa nama hiraarsan fudhachuuf dhaaddachaat jira. Motummaan isaas uummata qawwee dhaan cabsuuf murteessuu isaa ibsateera. Fudhatees jira. Ammas itti fufeet jira.
3. Kanaan walqabatees, raayyaan ittisa biyyaa magaaloota Oromiyaa hunda keessatti dhangala'ee uummata haaleelaa jira. Anaa tokkoof Poolisii addaa lakkofsaan 250 ta'an ramadee socho'aa ture. Mormiin uummataa cimmee caasaa loltoota kanaa haa caccabsu malee halleellaan sukkaneessaa ta'e gama RIBtin itti fufeet jira.
4. Magaalaan Finfinnee keessatti Oromoonni gar lamaan hiraarfamaat jiru: gara motummaa irraa fi gara haawaasa magaalittii irraayis miidhaa fi dhiibbaan adda addaa irratti gaggeeffamaat jira. Gama biraatin daandiiwwan cufamanii waan turanif fi mormiin gabaa lagannaa guyyaa shanif gaggeeffamaa ture irraa kan ka'e gatiin shaqaxaa fi nyaataa ol ka'eet jira.
Interneettin torban sadii ol cufameetti ture.
Magaaloota Oromiyaa keessatti waraanni uumata mormuuf bahu manatti dachaasee akka gadi hin baane godhaat jira. Walumaa galatti Oromiyaa irratti waraanni labsamee jira.
5. Sirnichi guutuma guututti sirna cunqursaa, sirna abbaa irrummaa nama tokkoo (sirna #AbiyAhmad) ta'ee itti fufuuf kutannoo dhaan ka'eera.
Kanaaf:
1. Oromoon hundi bakka jirutti haala danda'ame hundaan, haala inni filatee hundaan, qabsoosaa ciminaan, kutannoo addaatin, itti fufuu qaba. Yeroo kanaatti, sochiin isaa hundi naamusaan, waldhageettii guddaa dhaan, tokkummaa dhan, sagalee tokkoon, tarsiimoo fi tooftaa adda addaatin gaggeeffamuu qaba.
2. Jarmiyaalen siyaasaa hoggantoota isaanii hidhaman, isaan hiiksiusuuf hatattamaan carraaqqii adda addaa gochuu qabu. Kanaa godhuuf dhiibbaa siyaasaa adda addaa gageessuu qabu. Miseensoonni fi hoggantoonni hanga ammaatitti jalaa hin hidhamne jara kana tikfachuu qabuu. Balaa hidhaa jalaa akka miliqan yaali gochuu qabu. Warra hoggantoota hidhamaniin bakka bu'anii hojii hojjachuu danda'an ramadanii sochoo'uun barbaachisaa dha. Warri hoggantoonni irraa hidhaman, hoggantoota yeroo kanaaf malu filatanii bakka bufachuu qabu.
Hojiin siyaasa karaa nagaa dhaan geggeeffamu karaansaa dhiphachaa waan dhufeef, hawaasni mormii cimaa akka gaggeessuu danda'uu, waamicha fi gorsa hawaasa sochoosu dhaammachuun, kallattii qabsoo baasanii keennuun, barbaachisaa dha.
3. Warri qabsoo hidhanoo gaggeessaa jiru haalan deeggaramuu qabu. Yeroo kamiyyuu caalaa tooftaan qabsoo isaanii, yeroo akka sabaatitti lolli nurratti labsamee jiru kana irratti, barbaachisaa akka ta'e ifa ta'eera. Kana baratanii, hidhannoo isaanii jabeeffachuu qabu.
Qabsoon karaa nagaa guyyaan itti galgalaa'aa waan jiruf lola nurratti labsame ofirraa ittisuf akka danda'amu qabsoon sibiilaa tooftaa haalan barbaachisaa akka ta'ee hubachuun barbaachisaa dha. Kun waan ta'eefis, haalan deeggaruun barbaachisaa dha. Hoggansi WBO dirree jirus kana beekkatee, sadarkaa amma jirru irratti, ummata Oromoo lolli waraanaa itti labsame kana balaa irraa oolchuuf sochoo'uusaa ciminaan itti fufuu qaba.
Lola Motummaan abbaa irree #AbiyAhmad Oromoo irratti labse kana ofirraa ittisuuf adeemsifamu kana haalaan ho