Gaazexeessaa


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Odeeffannoo haaraa Afaan Oromootiin. Oduu Oolmaa addunyaafi kan biyya keessaa maddoota adda-adda wabeeffannee isin biraan geenya.

Yaada keessaniif
@Gaazexeessaa_bot
Quunnamaa.!

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Forward from: Abdiisaa Promotion
Piromooshinii Abdiisaa

Contact @abdimegersa

Baga nagaan gara Piromooshinii Abdiisaa dhuftan. Piromooshiniin asirratti hojjetamu chaaneloota Afaan Oromoo,afaan keenyaaf aartii akkasuma aadaa wal-deggaruufi waliin guddachuu giddu- galeeffateeti.

👉Chaanela keessan beeksifachuu kan barbaaddan @abdimegersa quunnamaa.

👉Itti aansuun chaaneloota Afaan Oromoo armaan gadi jiran filachuun wal haa deggerru,walirraas haa barannu.




Forward from: Abdiisaa Promotion
Chaaneloota bebbeekamoo Afaan Oromoo kan qophiileef sagantaa akka
-Walaloo
-Asoosama
-Ispoortii
-Baacoo
-Mammaaksa
-Sirboota
-Seenaa kkf...
Warreen Of-keessatti haammatan kanneen armaan gadii keessaa filadhaa.




#COVIDEthiopia

Ityoophiyaatti namni dabalataa 5 Koronaavaayirasiin qabame argamen

Sa'aatii 24 keessatti qorannoo laabraatorii namoota 1,047 taasifameen namoota 5 irratti dhukkubbichi argamuu mirkanaa'e jira.
Walumaa galatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman 145 gaheera.


Dr.Liyaa Taaddasaatin

@journalistnews


Guyyaan yaadannoo Gootoota Itiyoophiyaa weerara xaaliyaanii biyyarraa qolatan waggaa 79ffaan guyyaa har’aa siidaa injifannoo , adda baabaayii Daalattii (Araat Kiiloo)tti argamuu jalatti yaadannoodhaaf abaaboo kaa’uun kabajameera.

Gootoonni fi maatiin gootootaa sirna abaaboo kaa’uu kanarrtti argaman akkuma abbotiin gootoonni Itiyoophiyaa weerara Xaaliyaanii tokkummaan injifatan hunda dhaloonni amma jiruus tokkummaa isaa cimsuun guddina biyyaatiif hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Tokkummaa cimaadhaan weerara dhibee kooroonaa ittisuufiis tokkummaan socho’uu akka qaban dhaamaniiru.

OBN
@journalistnews


Ibsa Ejjannoo Waloo⤴️

Sababa dhibee daddarbaa COVID-19 tiin, jeequmsa heeraa mootummaa filannoo waliigalaa Itoophiyaa bara 2012 mudate ce'uuf kallattii furmaataa gargaaran.

Paartilee Qaama Ibsichaa:
1. Adda Bilisummaa Oromoo
2. Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaden
3. Kongiresii Federaalawa Oromoo
4. Shangoo Biyyoolessaa Agaw
5. Paartii Dimokraasii Mocha
6. Birmadummaa Dimokrasiif Arana Tigraay
7. Paarti Magariisa Kafaa

Bitootessa 26, 2012
Madda:- Jawaar Mohaammed
@journalistnews


#OduuAmmee
Yaadni murtii keeyyatoota sadiirratti akka hiikni kennamuuf dhiyaate ragga'e

Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa yaada murtii filannoo ilaalchisuun koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaafi dimokraasii keeyyatoota sadiirratti hiikni hiiraa akka kennamuuf dhiyeesse walga'iisaa addaa 3fa har'a adeemsiseen yaada murtichaa mormii 25n sagalee caalmaadhan raggaasise.

Keeyyatoonni heerichaa hiikni irratti kennamuuf dhiyaates keeyya 54/1, 58/3fi 93 yoo ta'an, manni marichaa walg'iisaa kana galma Waajjira Ministira Muummeetti geggeeffate.

Madda:- Gazeexaa Bariisaa
@journalistnews






#BREAKING

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Yaada Murtii Filmaataa Dhiyaateef mormii 25 fi Sagalee Caalumaan raggaase.

@journalistnews


#FilannooItoophiyaa

Koreen hojii-raawwachiiftuu Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf murteesse.


Koreen hoji-raaawwachiiftuu walgahii guyyoota sadiif ALI Ebla 23-25, 2012 gaggeessaa ture wayita xumureetti ibsa baaseen, TPLF humnootii siyaasaa mirga ofiin of bulchuu ummata Tigraayiif beekamtii kennan waliin ta'uun filannoo naannoosaa gaggeessuuf qophii taasisuuf murteessuu iftoomse.

Kana malees, 'hojiiwwan mirga ummata keenyaa eegsiisuufi okkara ummamuu maluurraa ittisuu dandeessisan sadarkaa naannootti raawwachuuf qophiin akka taasifamuuf murtee dabasuu himeera.
#share

@journalistnews


Ministeerri hojjetaa biyya Niijer Mohamed Ben Omar dhibee vaayireesii Koronaan walqabateen lubbuun isaanii darbe.

Namni kun ga’eessa ganna 55 yoo ta’u yeroo darbe hojjettoonni biyyattii vaayireesii kana irraa akka of eegan ergaa dabarsanii ture.

Ergaa dabarsanii turan keessa COVID 19 Dhibee qabatamaan jirudha .Dhibee lubbuu dabarsuufi saffisa aduu caalaa kan tatamsa’udha jedhan.

@journalistnews


#HappeningNow
Manni Maree bakka bu’oota Uummataa yaa’ii isaa bara hojii shanaffaa walgahii isaa addaa sadaffaa Masaraa Ministeera Muummee keessatti gaggeessuu eegaleera.


Paarlaamaan ooltii isaa kanaan Filannoo biyyoolessaa Hagayya fuldura keenya gaggeefamuuf qabamee tureefi sababa Koronaavaayirasiin milkeessuun hin dandamne irratti mariyachaa jira.

Boordiin Filannoo, Filannoo Biyyaalessaa sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin danda’mne beeksisuu hordofee qaawwa heeraa mudate furuuf yaadni furmaataa afur dhiyaataniiru.

Isaanis:

1. Mana Maree Bakka Bu’oota Uuummataa diiguu

2. Labsii yeroo muddamaa labsuu

3. Heera biyyattii fooyyeessuufi

4. Hiikaa seeraa gaafachuudha.

Manni Maree Bakk Bu’oota Uummataa yaada furmaataa dhiyaatan kana irratti karaa koreewwan dhaabbiifi kaaniinis mariyatee murtee dabarsa jedhamee eegama.

@journalistnews




#COVID19

Eebila 26,2012

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 1,758 gaggeeffameen namoota dabalataa 5 irratti vaayirasichi jiraachu mirkanaa'e jira. Kun lakkoofsa waliigalaa 140 taasiseera.

Haala dhukkubsattoota :-

1⃣ Lammii Itoophiyaa (ganna 24) - Puuntilaand irraa kan deebi'e fi tursiisa dirqamaa Jigjigaa keessa kan ture

2⃣ Lammii Itoophiyaa (ganna 23) - Puuntilaand irraa kan deebi'e fi tursiisa dirqamaa Jigjigaa keessa kan ture

3⃣ Lammii Itoophiyaa (ganna 20) - Puuntilaand irraa kan deebi'e fi tursiisa dirqamaa Jigjigaa keessa kan ture

4⃣ Lammii Itoophiyaa (ganna 17) - jiraataa magaala Baahirdaar - nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa kan qabu

5⃣ Lammii Swiidiin (dhalootaan Itoophiyaa) (ganna 19) - Swiidiin irraa kan deebi'e fi Finfinneetti tursiisa dirqamaa keessa kan ture

Dr Liyaa Taaddasaa

@journalistnews


#COVID19

Eebila 25,2012

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 1,560 gaggeeffameen namoota dabalataa 2 irratti vaayirasichi jiraachu mirkanaa'e jira. Kun lakkoofsa waliigalaa 135 taasiseera.

Haala dhukkubsattoota :-

1. Lammii Itoophiyaa (ganna 49) - jiraataa magaala Baatuu - Finfinneetti yaalii argachaa kan jiru - seenaa imala biyya alaa kan hin qabne - nama vaahirasichaan qabame waliin tuttuqaa hin qabne

2. Lammii Itoophiyaa (ganna 45) - jiraattu Naannoo Kibbaa Godina Silxee - seenaa imala biyya alaa kan hin qabne - nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa hin qabne

Akkasumas namoonni dabalataa 6 magaala Dirree Dhawaarra dhibee kana irraa bayyanateera. Kunis lakkoofsa waliigala namoota bayyanatan 75 taasiseera.

Dr Liyaa Taaddasaa

@journalistnews
@journalistnews


Covid-19
Eebila 24,2012

Itoophiyaatti sa'aa 24tti qorannaa laaboraatoorii namoota 2016f taasifameen namni vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa'e hin jiru jedhame.

Itoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa kaleessa dabalataan namoonni sadi(3) dandamataniiru. Namoonni sadanuu jiraattota magaala Finfinneeti. Kunis namoota dandamatan gara 69tti ol guddiseera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, vaayrasichi gara Ityoophiyaa ega seenee jalqabee amma ammaatti namoota 19,857f qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Yeroo ammaa namoonni Vaayrasichaan qabamanii yaala tursa addaa keessa kan jiran 59 yoo ta’an,wallansa hordoffii cimaa keessa namni jiru hin jiru jedhame.

@journalistnews


#COVID19
Eebila 23,2012

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 912 gaggeeffameen namoota dabalataa 2 irratti vaayirasichi jiraachu mirkanaa'e jira.


Kun lakkoofsa waliigalaa 133 taasiseera.

Haala dhukkubsattoota :-

1. Lammii Itoophiyaa (ganna 25) - Keeniyaa irraa kan deebi'e - tursiisa dirqamaa Moyyalee keessa kan ture

2. Lammii Itoophiyaa (ganna 20) - Puuntilaand irraa kan deebi'e - tursiisa dirqamaa Jigjigaa keessa kan ture

Akkasumas namoonni dabalataa 7 magaala Finfinneerra dhibee kana irraa bayyanateera. Kunis lakkoofsa waliigala namoota bayyanatan 66 taasiseera.

Dr Liyaa Taaddasaa

@journalistnews
@journalistnews

20 last posts shown.

1 719

subscribers
Channel statistics