#HappeningNow
Manni Maree bakka bu’oota Uummataa yaa’ii isaa bara hojii shanaffaa walgahii isaa addaa sadaffaa Masaraa Ministeera Muummee keessatti gaggeessuu eegaleera.
Paarlaamaan ooltii isaa kanaan Filannoo biyyoolessaa Hagayya fuldura keenya gaggeefamuuf qabamee tureefi sababa Koronaavaayirasiin milkeessuun hin dandamne irratti mariyachaa jira.
Boordiin Filannoo, Filannoo Biyyaalessaa sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin danda’mne beeksisuu hordofee qaawwa heeraa mudate furuuf yaadni furmaataa afur dhiyaataniiru.
Isaanis:
1. Mana Maree Bakka Bu’oota Uuummataa diiguu
2. Labsii yeroo muddamaa labsuu
3. Heera biyyattii fooyyeessuufi
4. Hiikaa seeraa gaafachuudha.
Manni Maree Bakk Bu’oota Uummataa yaada furmaataa dhiyaatan kana irratti karaa koreewwan dhaabbiifi kaaniinis mariyatee murtee dabarsa jedhamee eegama.
@journalistnews