Forward from: Dhiiroo Garbii
Qabsaawota kufan
Yoomuu hin irraafannu
Bilisummaa Oromiyaan
Gumaasaanii haabaafnu
-
Roorroo alagaa baachuu
Garaan isaan diddee
Baddaaf Gammoojjiitti
Warra diina hiddee
-
Qaamaaf lubbuusaaniin
Qabsoo haqaa fufee
Saba Oromoof jecha
Warra falmarratti kufe
-
Dagaleewwan Oromoo
Boonsitoota qomoo
Taadee Birruuf Baaroo-
Gudinaaf Baharoo
-
Hayle/Maaram Gammadaa
Muhee Abdoof Maammoo
Warra akka Kariim Saaddoo
Abdullaahii Ganamoo
-
Yoomuu ni yaadanna
Tasallee hin irraanfannu
Kaayyoo saan kufaniif
Qabsoon fiixa habaafnuu
-
Qabsoo Dirree Bahaa
Dhiigaan tattaraaranii
Hayyoottan Oromoo
Diinaan kan dhumanii
-
Gadaa Gammadaatiif
Abboomaa'f Magarsaa
Dhaddachoof Boruufaa
Marii fi J/Caccabsaa
Fafamii fi Gazuu
Warra Seenaa boonsaa
-
Irranaa Qacaleef,
Dhaddachoof Mullataa
Faajjii saanii olkaasuuf
Nurratti amanataa
-
Bobbaa Qabsoorratti Hoggaa marfamanii
Amantiin of oolchuu Nyaaphaan qoramanii
Nuti dhiigaan tokko tasa adda hin baanuu
Amantii fi Kutaan gonkumaa qoodamnuu
Lubbuu oolchuuf jecha kaayyoo hin dagannu
-
Jedhanii didanii
Kaayyootti cichanii
Tokummaa Oromoo
Lubbuun kabajanii
Waliin dhaabbatanii
Cofoo du'aatti kutanii
Dhiha Oromiyaattis
Kan dirree saaqanii
Jaleef gabroonfattuu
Adoo adamsanii
Giraayii Sonkaatti
Kan summiin dhumani
-
Abbaa Tolasaatii'fi
Yohaannisiif, Galmeesaa
Warrakka Suleeymaaniifii
Ka akka Taaddasaa
Gantuu tuudhaa ganamnee
Nu summiidhaan dhumnee
Kaayyoon nuti kufneef
Akka achiin hin hafnee
Jaallanni jajjabaadhaa
Faajjii keenya kaasaa
Bilisummaa Oromiyaa
Gumaa keenyaan baasaa
-
Jedhanii dhaammatuu nutti amanatanii
Galfata Oromummaa nutti kennatanii
Mammaramanii ciisan wal boraafatanii
-
Baddaa Baabaa Guutuu
Warra akka Qindeessaa
Osoo lolatanii,
Kanneen ta'an aarsaa
-
Gammoojjii 'Billiqaa'tti
Hundaaf taate fakkii
Diina gogombiftee
Goota goote dukkii
Intalli Baarentoo, Jukkii
-
Shamarran Oromoo
Warreen akka Saartuu
Ashaa sabboontittii
Kan loltee lolchiiftu
Qabsaawota Oromoo
Seenaan hin dagatu
Kaayyoon saan kufaniif
Lalisee haa guddatuu
-
Warra akka Nuuraddiiniifi
Kanneen akka Qorkee
Jaallan kaayyoof kufan
Diina muran kokkee
-
Lubbuu itti wareeguun
Kanneen fufan qabsoo
Abdurahiimiif Bichee
Daslamiif Xaasoo
-
Mahamad Jiloof Xahaa
Geetaachoo fi Guddataa
Murannoosaan qaban
Seenaa'tu dubbataa
-
Guutamaa Hawaasiif
Mull'is Abbaa Gadaa
Aarsaa lubbuu baasuun
Kanneen eegan Waadaa
-
Baddaaf Gammoojjii'tti
Qabsaawaa qabseeysaa
Warra akka Nagaasaaf
Murteessaaf Araarsaa
-
Micuquuf, Waaq-gaarii Boruuf Guutuu Caalii
Dagaaf Baay'isaaf, Warra akka Mahamd Alii
Qabsaahoo gameeyyii warra akka addeessaa
Jaallan isaan waliin lammiif ta'an aarsaa
Goota akkasii dhabuun gubee nama aarsaa
Silaa du'a taatee raasnee saan hin kaafnuu
Faajjii saanii olkaafnee dachaan haqabsoofnuu
Bilisummaa Oromiyaan...
Gumaasaanii habaafnuu!✊
Baakkotti marfamee rasaasaan dhahamee
Siif rasaa finnuu jaleedhaan jadhamee
Ueedhaan reebamee Baacaa ajjeefamee
Nageelee Booranaatti ngaadhaan sobamee
Saboonticha luboo Gammachiis rashaname
-
Gochaa suukanneessaa kan garaan nugubatu
Farrummaa Habashaa kan seenaan dubbatu
Bilisummaa Oromiyaan...
Ekeraansaanii haboqatu!😔
Jaallan fakkii gaarii warra isaan boodaa
Warra akka Buruuysoo warraka baroodaa
Warra Yaasiin faa warrakka Hurreessaa
Gootota akka dirree leenca ak hireeysaa
Irbuu seenan eeguuf lammiif ta'an aarsaa
-
Goonni akka isaanii baay'ee hin danatuu
Kaayyoo isaan kufaniif lalisee haguddatu
Qabsoo itti haa fufnuu galiis haa rukutuu
-
Kaayyoonni ganamaa galiisaa rukunnee
Qabsoon saba Oromoo ammaleen dhaabanne
Lubbuutti wareeguunis nubiraa hin hafnee
-
Shira Gabroomfataa sirriitti hubatanii
Iyyii iyya labsii waliif dabarsanii
Yoomuu hin irraafannu
Bilisummaa Oromiyaan
Gumaasaanii haabaafnu
-
Roorroo alagaa baachuu
Garaan isaan diddee
Baddaaf Gammoojjiitti
Warra diina hiddee
-
Qaamaaf lubbuusaaniin
Qabsoo haqaa fufee
Saba Oromoof jecha
Warra falmarratti kufe
-
Dagaleewwan Oromoo
Boonsitoota qomoo
Taadee Birruuf Baaroo-
Gudinaaf Baharoo
-
Hayle/Maaram Gammadaa
Muhee Abdoof Maammoo
Warra akka Kariim Saaddoo
Abdullaahii Ganamoo
-
Yoomuu ni yaadanna
Tasallee hin irraanfannu
Kaayyoo saan kufaniif
Qabsoon fiixa habaafnuu
-
Qabsoo Dirree Bahaa
Dhiigaan tattaraaranii
Hayyoottan Oromoo
Diinaan kan dhumanii
-
Gadaa Gammadaatiif
Abboomaa'f Magarsaa
Dhaddachoof Boruufaa
Marii fi J/Caccabsaa
Fafamii fi Gazuu
Warra Seenaa boonsaa
-
Irranaa Qacaleef,
Dhaddachoof Mullataa
Faajjii saanii olkaasuuf
Nurratti amanataa
-
Bobbaa Qabsoorratti Hoggaa marfamanii
Amantiin of oolchuu Nyaaphaan qoramanii
Nuti dhiigaan tokko tasa adda hin baanuu
Amantii fi Kutaan gonkumaa qoodamnuu
Lubbuu oolchuuf jecha kaayyoo hin dagannu
-
Jedhanii didanii
Kaayyootti cichanii
Tokummaa Oromoo
Lubbuun kabajanii
Waliin dhaabbatanii
Cofoo du'aatti kutanii
Dhiha Oromiyaattis
Kan dirree saaqanii
Jaleef gabroonfattuu
Adoo adamsanii
Giraayii Sonkaatti
Kan summiin dhumani
-
Abbaa Tolasaatii'fi
Yohaannisiif, Galmeesaa
Warrakka Suleeymaaniifii
Ka akka Taaddasaa
Gantuu tuudhaa ganamnee
Nu summiidhaan dhumnee
Kaayyoon nuti kufneef
Akka achiin hin hafnee
Jaallanni jajjabaadhaa
Faajjii keenya kaasaa
Bilisummaa Oromiyaa
Gumaa keenyaan baasaa
-
Jedhanii dhaammatuu nutti amanatanii
Galfata Oromummaa nutti kennatanii
Mammaramanii ciisan wal boraafatanii
-
Baddaa Baabaa Guutuu
Warra akka Qindeessaa
Osoo lolatanii,
Kanneen ta'an aarsaa
-
Gammoojjii 'Billiqaa'tti
Hundaaf taate fakkii
Diina gogombiftee
Goota goote dukkii
Intalli Baarentoo, Jukkii
-
Shamarran Oromoo
Warreen akka Saartuu
Ashaa sabboontittii
Kan loltee lolchiiftu
Qabsaawota Oromoo
Seenaan hin dagatu
Kaayyoon saan kufaniif
Lalisee haa guddatuu
-
Warra akka Nuuraddiiniifi
Kanneen akka Qorkee
Jaallan kaayyoof kufan
Diina muran kokkee
-
Lubbuu itti wareeguun
Kanneen fufan qabsoo
Abdurahiimiif Bichee
Daslamiif Xaasoo
-
Mahamad Jiloof Xahaa
Geetaachoo fi Guddataa
Murannoosaan qaban
Seenaa'tu dubbataa
-
Guutamaa Hawaasiif
Mull'is Abbaa Gadaa
Aarsaa lubbuu baasuun
Kanneen eegan Waadaa
-
Baddaaf Gammoojjii'tti
Qabsaawaa qabseeysaa
Warra akka Nagaasaaf
Murteessaaf Araarsaa
-
Micuquuf, Waaq-gaarii Boruuf Guutuu Caalii
Dagaaf Baay'isaaf, Warra akka Mahamd Alii
Qabsaahoo gameeyyii warra akka addeessaa
Jaallan isaan waliin lammiif ta'an aarsaa
Goota akkasii dhabuun gubee nama aarsaa
Silaa du'a taatee raasnee saan hin kaafnuu
Faajjii saanii olkaafnee dachaan haqabsoofnuu
Bilisummaa Oromiyaan...
Gumaasaanii habaafnuu!✊
Baakkotti marfamee rasaasaan dhahamee
Siif rasaa finnuu jaleedhaan jadhamee
Ueedhaan reebamee Baacaa ajjeefamee
Nageelee Booranaatti ngaadhaan sobamee
Saboonticha luboo Gammachiis rashaname
-
Gochaa suukanneessaa kan garaan nugubatu
Farrummaa Habashaa kan seenaan dubbatu
Bilisummaa Oromiyaan...
Ekeraansaanii haboqatu!😔
Jaallan fakkii gaarii warra isaan boodaa
Warra akka Buruuysoo warraka baroodaa
Warra Yaasiin faa warrakka Hurreessaa
Gootota akka dirree leenca ak hireeysaa
Irbuu seenan eeguuf lammiif ta'an aarsaa
-
Goonni akka isaanii baay'ee hin danatuu
Kaayyoo isaan kufaniif lalisee haguddatu
Qabsoo itti haa fufnuu galiis haa rukutuu
-
Kaayyoonni ganamaa galiisaa rukunnee
Qabsoon saba Oromoo ammaleen dhaabanne
Lubbuutti wareeguunis nubiraa hin hafnee
-
Shira Gabroomfataa sirriitti hubatanii
Iyyii iyya labsii waliif dabarsanii