Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti nama tokko ajjeessan.
ONM-ABO Hagayya 2,2023 Waraanni faashistii PP Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee haalota adda addaan dararuu irra darbee, lubbuu namootaa marartoo tokko malee ajjeessaa jira.
Jimaata darbe Adoolessa 28,2023 godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Abbaa Caffii keessatti qonnaan bulaa Jamaal Yuuyyaa jedhamu badii tokko malee waraanni faashistii PP ajjeessan.
Jamaal Yuuyyaa hojii qonnaa isaa malee yakka tokko keessattuu hirmaatee kan hin beekne ta'us gareen maafi'aa PP jiraachuu uummata Oromoo hin barbaanne rasaasaan rukutaniiru.
Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti caasaaleen bilxiginnaa waraana waliin ta'uun uummata dararaa kan jiran yoo ta'u, uummanni hojii dhuunfaa isaa bilisaan bobba'ee hojjetachuuf haalli jiru yaaddessaa ta'uu jiraattootni dubbatu.
Godina baha Shaggar ona Boosat keessatti hidhamtoota siyaasaa irra miidhaan ga'aa jiru haalaan yaaddeessaa ta'uu jiraattonni dubbatu.
ONM-ABO Hagayya 2,2023 Murni siyaasni isaa sabboontota ilmaan Oromoo biratti jibbame bilxiginnaan, kufaatii isaa hubachuun humnaan barcuma siyaasa isaa cimsachuuf namoota nagaa dararuu hammeessee kan jiru yoo ta'u, namoota to'annoo seeraa jala jiran osoo hin hafin manneen hidhaa keessatti miidhaa gurguddaa irraan ga'aa jira.
Haaluma kanaan godina baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota jumlaan hidhuun hidhamtoota rooba keessa bulchaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Namoota tuttuqaa siyaasaa tokko malee qabamuun haala hamaa ta'een dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Roobaa Tulluu, Bariiisoo Dagaagaa, Dhaqqaboo Badhaadhaa fi Kabbadaa Nagawoo kanneen jedhaman waraanaa fi geggeesitoota murna bilxiginnaan rakkoon kun irra ga'aa jira kan jedhan jiraattootni, namootni kun hawaasa gidduutti, nagaa fi jaalalaan jiraachuu malee yakka akka irratti hin argine himu.
Aanaa Boosat magaalaa Doonii kana keessatti ajjeechaan jumlaanis raawwachuun sodaa kanaa namootni hedduun magaalicha gadhiisuu illee dabaluun ibsaniiru.