MADDA BEEKUMSAA


Channel's geo and language: World, Somali
Category: Edutainment


Channela keenya kana irraa waantota isin argattan kan akka:-
👉Madda Beekumsaa
👉Dhugaa Addunyaa
👉Jechoota Ajaa'ibaa
👉Asoosama garaa garaa
👉Jechoota jaalalaa fi kkf
Yaadaaf admin: @aman_royal29

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
World, Somali
Category
Edutainment
Statistics
Posts filter




❤️ "Jaalallee keessanif ergaa (message) bareedaa erguuf rakkachaa jirtuu? Asitti bu'uun argadhaa
👇👇

See More
See More


❤️ Ergaalee Jaalalaa 100,... See More


Namoota dursani deebisan 5f badhaasa kaardi 50tu jira


5+5×5-5=__


Add channel @mr_wave1


Free internet aja'ibaa speed isaa hanga 300kb-600kb hojjettu application isaa isiin gadhisnee jiraa seenatti join godhaa San booda application San bufadha tti file achiraa jiruu import gochuun fayyadamaa


🌹 Amaloota dubara ogeettii waliin ilaalla... See More

👉 See More
       See More


💍 Amaloota gurguddoo 7,... See more


Namoonni old group kan bara 2019,2020,2021 qabdan gatii bareedan isin irraa waan binnuuf karaa keessaa nu barreessun nutti gurguradhaa,kan bitaa jirrus yeroo gabaaba qofaafi dafaa gurguradhaa @Daani28


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Free internet aja'ibaa speed isaa hanga 300kb-600kb hojjettu application isaa isiin gadhisnee jiraa seenatti join godhaa San booda application San bufadha tti file achiraa jiruu import gochuun fayyadamaa


Badhaasa kaardii gaaffi sadarkaa qabun qophesssine jirra kanneen gadii keessaa tokko filachun irratti hirmaadhu.


the transfer window is open which club they support

oddaan Jijjirran taphatoota banamuuf guyya lama qofaatu hafe, kilaboota kana gadii keessa kan odeeffannoosa dhaga'u barbaaddan tuqun qopha'ati nu eeggadha

MAN UNITED

MAN CITY

ARSENAL

LIVERPOOL

NEWCASTLE

CHELSEA

TOTTENHAM

AL NASSAR

HUNDA ISAANI


Namoota dursani deebisan 5f badhaasa kaardi 50tu jira


5+5×5-5=__


Add channel @mr_wave1


Namoonni dandeettii tapha kubbaa miillaa taamsaasa kallattii sagaleen dabarsu dandeessan @firosol24 asiin na dubbisaa!!


👌kophaa kee ta'uutti hin
dhiphatiin. biiftuurraayyu
kophummaan faaya hin
hir'ifne waan ta'eef


namoota negaatiivii haqii,
seenaa kee darbe dagadhu, .
dogoggora kee fudhadhu, .
jireenya kee deebisi jalqabi.

👉 GALATOOMA 🙏🙏


Obboleettiin Roonaaldoo 'Katia Aveiro' fuula inistaagiraamii ishee irratti haasaa onnee namaa tuqu barreessiteetti.

Gara fuulduraatti ijoolleen koo yeroo dullooman kabaja akkamii argatu? Milkaa'inni maali? Maaltu hojjeta moo hin hojjetu? Kufaatiin maali? Olka’iinsi isaa maali?Cimaanii hojjechuun maali? Jedhanii yeroo na gaafatan waa'ee obboleessa koo.. waa'ee eessuma isaanii itti booneen haasa'a...

Waa'ee isa magaalaa guddoo Poorchugaal Lisbon irraa fagaattee magaala xiqqoo argamtu Maadiyeeraa keessatti mana xiqqo tokko keessatti dhalatee.... mana bishaan roobaa akka nu hin tuqneef baaldii fi pilaastika baay'een mana marsan... isa keessatti guddatee... mana mukaan nyaata itti bilcheessinu; Bishaan ho'aa dhiqachuuf ibiddaan bishaan ho'isnu...

Goota koo kutaa xiqqootti obbolaa isaa afran wajjin bakka ciisichaa dhiphoo wal dhiibaa jaalalaan ciisaa guddate... abbaa humna waraana galaanaa duraanii fi booda biqiltuu namaa bishaan obaasuun dalagaa turee fi haadha hiyyeettii homaa hin qabne mana namaa qulqulleessuun, ittoo namaaf deemtee hojjechaa nu guddiste harkatti waan guddateef....

Waa’ee impaayera guddaa obboleessikoo ijaare nan dubbadha; Humna isaa nan dubbadha....Guyyoota waadaa seenee waadaa isaa raawwate dhugaa nan ba'a. Waa'ee amala aarii isaa nan dubbadha; Yeroo awwaala isaaf qotan illee abdii hin kutanne nan dubbadha.Eessumni ijoollee koo(Roonaaldoon) gammachuudhaan waa'ee nama fiilmii hojjetu isa dhugaa fiilmii TV irratti argitan caalaa bareedaa ta'e isaanitti nan haasa'a.Rakkoon,dhabuun,argachuun,kufuun,ka'uun,duwwaa ta'uun,milkaa'uun gabaabumatti addunyaan Kiristaanoo Roonaaldoo ta'uushee nan dubbadha.

Galanni uumaaf haa ta'u ani uumama seenaati.... Yeroo akkamii dabarsinee? Obboleessa kootti baay'een boona.

"Kiristiyanoo Roonaaldoo raawwateera!"

Sky Sport

👉 GALATOOMA 🙏🙏🙏🙏




"Intalli koo Hiyyeessatti hin heerumtu"

Dureessi Addunyaa kanaa Bill Gates Intalli Isaa Maaliif nama Hiyyeessatti heerumuu Akka Hin Dandeenye Ibse. Waggoota muraasa dura Ameerikaatti konfiraansii invastimantii fi faayinaansii irratti gaazexeessan tokko gaaffii fi deebii irratti gaaffii nama hunda kolfisiise tokkon isa gaafate.

Gaazexeessaan akkas jedhee gaafate, " Isin sooressa Addunyaa kanaadha, otuu intala keessan dhiirri hiyyeessi ykn qabeenya hin qabne fuudhuuf barbaadee ni eyyaamtuu?" Kan jedhu ture.

Bill Gates akkas jedhe, "Tokkoffaa, qabeenya jechuun herreega baankii hojiin itti baay’atu qabaachuu jechuu akka hin taane hubadhu. Qabeenyi hunda caalaa dandeettii qabeenya uumuudha. Fakkeenyaaf: namni lootarii mo'ate ykn qumaara taphatu, Yoo miliyoona 100 mo'atellee dureessa miti. Hiyyeessa maallaqa guddaa qabuudha, kanaaf miliyeenaroota lootarii waggaa 5 booda %90 deebi'anii hiyyeeyyii ta'u. Dureeyyii maallaqa hin qabnes jiru. Fakkeenyaaf hojii uumtonni (entrepreneurs) dura qarshii dhabanillee, sammuu maallaqaa fi qabeenya sana guddifachaa waan jiraniif gara qabeenyaatti karaa irra jiru.

Gaazexeessaa: "Dureeyyii fi hiyyeessi akkamitti adda adda bahu?"

Bill Gates itti fufee..." Gabaabumatti, Sooressi duroomuuf du'uu danda'a, Hiyyeessi immoo duroomuuf ajjeesuu danda'a. Dargaggeessa leenji'uuf murteesse, waan haaraa baratu, yeroo hunda fooyya'iinsaf yaalu yoo argite, sooressa ta'uu isaa beekuu qabda. Dargaggeessa rakkoon mootummaa keessa jira jedhee yaadee sooressa akka hattuutti yeroo hunda qeequ yoo argite hiyyeessa ta'uu isaa beekuu qabda. Dureeyyiin guddachuuf odeeffannoo fi leenjii qofa akka isaan barbaachisu ni amanu, hiyyeessi namni kaan maallaqa akka isaaniif kennuu qabu yaadu.

Xumura irratti intallikoo nama hiyyeessatti hin heerumtu yeroon jedhu, waa'ee maallaqaa miti. Dandeettii namicha kanaa qabeenya uumuu dubbachaan jira. Dubbiikoof dhiifama, yakkamtoonni baay'een namoota hiyyeeyyiidha. Gaafa qarshii argatan ni maraatu kanaaf hatuu ammas dabalanii hatu. Isaan akkamitti ofuma isaaniitiin maallaqa argachuu akka danda'an waan hin beekneef nama kofalchiisu.

Gaaf tokko eegduun baankii tokko boorsaa maallaqaa tokko argate, boorsaa sana fudhatee hogganaa baankii sanaaf dabarsee kennuuf deeme. Namoonni nama gaarii kana gowwaa jedhanii waamu, dhugaa dubbachuuf garuu namni gaariin kun dureessa maallaqa hin qabne qofa ture.

Waggaa tokko booda baankichi hojii gaggeessaa godhee isa muude, waggaa 3 booda itti gaafatamaa maamiltootaa ta'ee, waggaa 10 booda waajjira naannoo baankii bulchuu ta'e, hojjettoota dhibbaan lakkaa'aman bulchuu fi kaffaltiin waggaatti inni argatu hanga inni hatuu danda'u ol ta'e"

Qabeenyi hunda caalaa haala sammuuti yaa fira koo!

👉 GALATOOMA👈

yaadaf 👉 @aman_royal


#JAALALA
▬▬▬▬▬
➥ Mandara tokko keessa Abbaa manaa, haadha manaa fi mucaa isaanii tokkotu jiraata ture.

➥ Galgala tokko balballi maatii kana rurrukutama. Haati manaas balbalicha yeroo bantu jaarsolii mataan isaanii haarrii baay'ee babbareedan 3 balbala irra dhaabbatan argite.
Isheenis "maal isin gargaaru koottaa seenaa" jetten. Jaarsolin kunis deebisanii "lakki hin seennu. Jalqaba Ofii keenya si barsiisna" jedhani ofii isaanii barsiisuu jalqaban.

➥ Inni 1ffaan" ani Milkaa'inan jedhama ani mana kee yoon seene abjuun kee hundi galma
siif ga'a" jedhen.

➥ Inni 2ffaan "Maallaqan jedhama ani mana kee yoon seene rakkinaa fi Hiyyummaa kan jedhamu tokkallee hin argitu" jedheen.

➥ Inni 3ffaan "Ani Jaalalan jedhama jaalalaaf immoo ibsi hin barbaachisu" jedheen.

➥ Sana booda Haati manaas "altakka na eegaa abbaa manaa koon mariisisa" jetteen.

Gara manaattis olgaltee abbaa manaa isheetti waa'ee jaraa yeroo himtu baay'ee dinqisiifatee, "yaa haadha manaa koo kun carraa hin
argamnee dha maallaqa argachuf jedhee kunoo halkaniif guyyaan hojjedha garuu akkan yaade hin taane hiyyummaa keessaa ba'uu hin
dandeenye. Amma immoo Maallaqni ani dafqaafii ture balbala keenya irra dhaabbatee nu kadhachaa jira. Amma ariifadhuutii warra kaan dhiisitii Maallaqicha ol nuuf seensisi" jedhen.

➥ Haati manaas Yaadasaa kanatti walii galtee maallaqa ol galchuuf yeroo deemtu mucaan
ishee "Haadha koo Maallaqa ol seensistee abbaan koo akkuma amala isaa sireebaa
jiraachuu kee irra guyyaa hundumaa lola isaaf
jettee dhiphachaa jiraachuu kee irra JAALALA ol galchitee nagaa dhaan jiraachuu siif hin wayyuu?" Jedheen.

➥ Isheenis takka dhaabattee itti yaaddetu dhuguma jette yaa ilma koo nagaa naaf wayya
boqochuun qaba" jettee yaada mucaa isheetti gammaddee, abbaa manaa isheetin," jaalalli ol galuu qaba" jettee wal mormii baay'ee booddee
jaalalli akka olseenu murteessan.

➥ Gara Jaarsolii kanaas dhufanii" JAALALA kan jedhamtu koottuu seeni" jedhaniin. Jaalallis isaan hordofee gara manaatti olseene.
👉 GALATOOMA


Jaalalle qabaachun koo dirqama jechuu dhiisiiti of jijjiirun koo dirqama jedhii yaadi❤

👉 GALATOOMA👈

yaadaf 👉 @aman_royal


Yeroo tokko tokko guddinni guddaan waan kana booda si hin tajaajille hir'isuu irraa argama!

20 last posts shown.