Obboleettiin Roonaaldoo 'Katia Aveiro' fuula inistaagiraamii ishee irratti haasaa onnee namaa tuqu barreessiteetti.
Gara fuulduraatti ijoolleen koo yeroo dullooman kabaja akkamii argatu? Milkaa'inni maali? Maaltu hojjeta moo hin hojjetu? Kufaatiin maali? Olka’iinsi isaa maali?Cimaanii hojjechuun maali? Jedhanii yeroo na gaafatan waa'ee obboleessa koo.. waa'ee eessuma isaanii itti booneen haasa'a...
Waa'ee isa magaalaa guddoo Poorchugaal Lisbon irraa fagaattee magaala xiqqoo argamtu Maadiyeeraa keessatti mana xiqqo tokko keessatti dhalatee.... mana bishaan roobaa akka nu hin tuqneef baaldii fi pilaastika baay'een mana marsan... isa keessatti guddatee... mana mukaan nyaata itti bilcheessinu; Bishaan ho'aa dhiqachuuf ibiddaan bishaan ho'isnu...
Goota koo kutaa xiqqootti obbolaa isaa afran wajjin bakka ciisichaa dhiphoo wal dhiibaa jaalalaan ciisaa guddate... abbaa humna waraana galaanaa duraanii fi booda biqiltuu namaa bishaan obaasuun dalagaa turee fi haadha hiyyeettii homaa hin qabne mana namaa qulqulleessuun, ittoo namaaf deemtee hojjechaa nu guddiste harkatti waan guddateef....
Waa’ee impaayera guddaa obboleessikoo ijaare nan dubbadha; Humna isaa nan dubbadha....Guyyoota waadaa seenee waadaa isaa raawwate dhugaa nan ba'a. Waa'ee amala aarii isaa nan dubbadha; Yeroo awwaala isaaf qotan illee abdii hin kutanne nan dubbadha.Eessumni ijoollee koo(Roonaaldoon) gammachuudhaan waa'ee nama fiilmii hojjetu isa dhugaa fiilmii TV irratti argitan caalaa bareedaa ta'e isaanitti nan haasa'a.Rakkoon,dhabuun,argachuun,kufuun,ka'uun,duwwaa ta'uun,milkaa'uun gabaabumatti addunyaan Kiristaanoo Roonaaldoo ta'uushee nan dubbadha.
Galanni uumaaf haa ta'u ani uumama seenaati.... Yeroo akkamii dabarsinee? Obboleessa kootti baay'een boona.
"Kiristiyanoo Roonaaldoo raawwateera!"
Sky Sport
👉 GALATOOMA 🙏🙏🙏🙏