๐—œ๐—ท๐—ผ๐—ผ๐—น๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฅ๐—ฎ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—”/๐— ๐—ฎ๐—ฐ๐—ฐ๐—ฎ๐—ฎ


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


#๐—›๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ
Channel kun kabajaa fi jaalala ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa tif kan banamedhaa.
Namoonnii isaan jaallattan ittii wol Affeeraa.
Yaadaaf Qeeqa Qabdan karaa @Amaar70_bot nuun gahaa nu qunnamuuf @Abu_Amaar1 YKN 0940537010 nuuf bilbila

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Yaa lafee har'a badde islaamummaa keessaa
Quwwaa injifafannoo kan turte kaleessaa.......

Yaa Umar eessumaan sifuudha atuun kaatuu....
Yaa Khaalid eessumaan sifuudha atuun kaatuu... Silaa agartanii Waan addunyaan taatuu.
Akka dhiigni ilmaan keessanii dhangalaatuu....




AAAAAH


Forward from: Ammar Ababiya - แŠ แˆ›แˆญ แŠ แ‰ฃแ‰ขแ‹ซ
Ayiiiihhiiii dhiigattii islaamaa harraa
Dhangalaatuu
Yaa @Umar Essumaan si fuudha
Atoon kaatuu
Yaa @Kaaliid Essumaan sii fuudha
Atoon kaatuu
Tokkoon Akkaa kumaa leenca
Ija guutuu
Isin malee haqqii fi cubbuun Addaan baatuu
Utuu Akkaa fedhiitii Tokkoon keellee
Hin duutuu
Jechattiin kun wollaallummaallee ha
Taatuu
Isinittaan lallabaa silaa dhufuun
Taatuu

Utuu agartanii waan addunyaan
Taatuu
Akkaa dhiigni ilmaan keessanii
Dhangalaatuu
Haadha ilmaan daa'imaa badhattee
Dhamaatuu
Yahuudaan Rasaasaan fixxee utuu
Rooraatuu

Ittii wolii galtee kuffaarrii Addunyaa
Guutuun
Ayii yaa humna dhabuu waansiin nama
Gootuu..........


Ahhhhhhhhh

@Abu_Amaar12
@Abu_Amaar12 Join


Abbaa fi Ilma dirree daุนwaarrattiโค๏ธ
@DrZakirNaikAfaanOromoo


{ุฅู† ุงู„ู„ู‡ ูˆู…ู„ุงุฆูƒุชู‡ ูŠุตู„ูˆู† ุนู„ู‰ ุงู„ู†ุจูŠ ูŠุง ุฃูŠู‡ุง ุงู„ุฐูŠู† ุขู…ู†ูˆุง ุตู„ูˆุง ุนู„ูŠู‡ ูˆุชุณู„ู…ูˆุง ุชุณู„ูŠู…ุง]


- Salawaata ergamaa rabbii ๏ทบ irratti buusuun guyyoota biroo irraa guyyaan juma'aa jaallatamaadha, halkan isaallee irra caalaa halkaniiti. Akkuma ergamaan rabbii ๏ทบ jedhan:

(" ุฅู† ุฃูุถู„ ุฃูŠุง ู…ูƒู… ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉ ูุฃูƒุซุฑูˆุงย  ุนู„ูŠ ู…ู† ุงู„ุตู„ุงุฉ ููŠู‡")

ใ€Š Irra caalaan guyyoota keessanii guyyaa juma'aati. Guyyaa juma'aa keessa salawaata narratti buusuu heddummeessaa jedhan ergamaan rabbii ๏ทบ



โœ… Qaama dhiqachuu
โœ… Qeensa qorachuu
โœ… Shittoo dibachuu (dhiira qofaaf)
โœ… Ilkaan suwaakkachuu
โœ… Irra caalaa uffataa qabdu uffachuu
โœ… Suuraa kahf qara'uu
โœ… Ganamaan masjiida deemuu
โœ… Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessuu ๏ทบ


ใ€Šุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู… ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡ ูˆุณู„ู… ุชุณู„ูŠู…ุง ูƒุซูŠุฑุง ใ€‹.


โคย ย ย  ย  ย  โŽ™ย ย ย ย  ย ย ย  ย โŒฒย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย  ๐Ÿ””ย 
๐’“๐’†๐’‚๐’„๐’•ย ย  ย ๐’”๐’‚๐’—๐’†ย ย  ย  ๐’”๐’‰๐’‚๐’“๐’†ย ย ย ๐’–๐’๐’Ž๐’–๐’•๐’† ๐’„๐’‰๐’‚๐’๐’๐’†๐’

@DAARU_SALAAM1


Daaii beekamaa fi jaalatamaa addunyaa kanaa kheessaa 1 kan ta'e Doktar Zaakir Naayik sagantaa daa'awaatiif biyya Naajeeriyaa jira.

Al Jazeera Afaan Oromoo


Gurgurtaa Channeel
๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ๐Ÿ’ฐ

Channeel Subscribers = 5.4k ol Qabuu
Gatiin Gurgurtaa Wolii Galteedhaan
๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค๐Ÿค

Namni Bituuf Fedhii qabdan @Abu_amaar1 ๐Ÿ“ฉ qunnamaa


Fakkiin nama Rabbiin zakkaru (faarsuu) fi nama Rabbiin hin zakkarree fakkii jiraataafi du'aati.
Rasuul (SAW)

โค๏ธโ€๐Ÿฉน @Bahar_taju โค๏ธโ€๐Ÿฉน


Dhimma jimaa/caatii irratti Gamtaan Ulamaa'ii Oromiyaa ibsa kenne
Dhimmi halalaaafi haraamaa ulamaa'ota qofa ilaallata, namoota dhimma kana miidiyaa irratti hafarsaa jiran ni akeekkachisna

Spider Media : Onkoloolessa 12/2016
Haala Yeroo irratti Ibsa Ejjennoo Gamtaa Ulamoota Oromiyaa irraa kenname.
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Haala yeroo irratti ibsi ejjennoo Gamtaa Ulamoota Oromiyaa irraa kennameera. Tibbana dhimma Jimaa/Caatiitiin wal qabatee dubbiin qilleensa irra jiru namoota hedduuf gaaffii guddaa ta'ee bubbuleera. Kanaanis wal qabatee kabajni ulamootaa yoo tuqamus muldhateera.

Dhimmi kun kan isa yaachise gamtaan Ulamoota Oromiyaa ibsa ejjennoo jechuun kallattii Walitti qabaa gamtichaa Muftii Oromiyaa Dr.Kamaal Galatoo fi Dr.Jibriil Qamariin laatee jira. Ibsichi qabxiiwwan armaan gadii of keessatti qabateera.

Walitti bu'iinsi namoota Caatiin/Jimaan haraamafi halaala jedhan gidduutti deemaa jiru heddu nu yaachiseera. Kun immoo yaadan wal dhabuun gidduu ulamaatti waanuma dur irraa eegalee muldhataa dhufe ta'us harra namoonni dhimmichi isaan hin ilaalanne harka keessa naquun waan muldhateef ibsa kana kennuu murteessineerra jedhan Muftiin Oromiyaa Dr.Kamaal Galatuu.

Waanni Haraamaa fi Halaalaa kan ilaallatu Ulamoota qofa waan ta'eef namoonni dhimmi kun isin hin ilaallanne hundi akka irraa of qabdan maqaa kootiifi Maqaa Ulamoota Oromiyaatiin isin gaafadhas jedhaniiru. Keessattuu immoo dhimmoota gidduu ulamootaatti wal mormii qabdu irraa akka of tiksitan isin gaafanna jedhan ibsa Kallattii Tv Hamiltaniin kennaniin.

"Rooba dhufu karaa dhufu warra biyyaatu beeka" jedhama. Kanaaf dhimma Jimaa/Caatii kana hanga Ulamoota Oromiyaa waamee murtee tokko irra qaqqabnutti akka irraa of nuuf qabdan maqaa Kootiif maqaa Ulamoota Oromiyaatiin isin gaafadha jechuun dabarsaniiru.

Dhimmi Halaalaafi Haraamaa Ulamoota qofa ilaallata. Kanaaf dhimma kana keessa akka harka hin seensisne,yoo kana hin taane Ulamoota irratti akka daangaa darbitaniittu jedheen amana jechuun yaada isaanii guduunfaniiru.

Dr. Jibriil Qamar gama isaaniitiin dhimmi amma deemaa jiru hawaasa keenya gudduutti wal irraa fageenya uumaa waan jiruuf mooraa Ulamootaa keessa akka hin seenne isiniin jenna jedhaniiru. Dhimma amma deemaa jiru irratti qorannoo gadi fageenya goonee Ulamoota Oromiyaa kutaa hundaa irratti mariisisnee Ulamoota Oromiyaa 13 waan qabnuuf isaan waliin kanatu mala waan jedhu Fatwaa irratti ni dabarsus hedhan Dr. Jibrii Qamar.

Haraamummaafi Halaalummaa Caatii irratti.
----------------------------------------------------------------------
1,Mas'alaa/Dhimma Ulamoonni irratti wal dhaban irratti Fatwaan kennamu wal fakkaataa ykn tokko ta'uu qaba.
2, Mas'alaa/Dhimmoota gidduu Ulamaatti wald habdeen jiru keessaatti aadaabni qabaachuu qabnu, mallattoon keenya kan ta'uu qabu jecha Imaamu Al-Shaafi'ii"Jechii koo sirriidha garuu dogoggora qabaachuu mala,Jechi namootaa biroo dogoggora utuu ta'uu Sirriidha" kan jedhu.
3,Namoota Miidiyaa Hawaasaa irratti dhimma kana keessa seenuun Ulamoota irratti daangaa darban ni akeekachiisna. Gochi isaan Ulamootaafi Du'atotaan jechaa jiran,Akk waan Ulamootaafi Du'aatota guutuu Itiyoophiyaatti daangaa darbaniitti ilaalla.
4, Sheekoliifi Du'atoota akkasumas namoota miiraan dubbataniifdhaamsi keenya akka Mas'alaa ykn dhimma beekumsa gadi fagoo barbaadu keessa hin seenne. Dhimmoonni akkasii wal falmii,wal dhabee fi gidduu hawaatti addaan ba'iinsa waan argamsiisuuf akka irraa of qusattanis ni dhaamna.
5, Nuti akka Gamtaa Ulamootaatti dhimma kana irratti qorannoo gadi fagoo taasisuun akkuma mas'alaa/dhimmoota biroo Ulamoota waliin irratti maryachuudhaan Fatwaa ni kennina. Kanaaf hanga sanatti namni kamillee dhimma kana keessa akka hin seenne akka irraa of qusatu ni akeekachiisna.
6, Dhuma irratti Ummata Muslimaa maraaf addatti ammoo Ulamootaafi Du'atoota keenyaaf sodaa Rabbii dhaamna.

ูˆุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡.
Onkoloolessa 12/2016
Gamtaa Ulamoota Oromiyaa irraa
Maddi: TV Hamiltan


๐ŸŽ™Yaa Rabbi Ummata dhiigni uammata muslimaa biratti dhiiga saree hanqate kana keessatti waan takkuu hin dhagahin nu Dhageessisi....
๐ŸŽ™Yaa Allaah Ajaa'ibuma dandeettii keetiituu Ummatuma kana keessatti yaa Allaah nu agarsiisi..
๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ
ุงู„ู„ู‡ู… ุฃุฑู†ุง ููŠู‡ู… ุนุฌุงุฆุจ ู‚ุฏุฑุชูƒ.....


Jumu'aa Asrii booda kana Jaalala Rabbii irraa wal haa yaadachiifnu:
****
Gammachuun, tasgabbiifi haara galfiin Muโ€™uminaa hunduu Rabbii jaalatuuf ajajamuu keessa jira. Hoggantoota addunyaa baayโ€™ee dirqamaan ittiin bulama. Osoo humni isaanii hin jiraannee ykn adabbiin hin jiraannee ittiin hin bulamu. Garuu Muโ€™uminni gaafa Rabbii isaatiin bulu kaโ€™umsi jalqabaa jaalala Rabbiiti. Dhugaadha Rabbiin sodaatanii, rahmata isaa kajeeluufis ittiin ni bulama. Kun garuu jaalala Rabbii wajjin taโ€™uun dirqama. Kanaafuu Muโ€™uminni Rabbii isaatiin buluu qallaba qalbii, qananiifi haara galfii isaatti beeka. Addunyaafi aakhiraatti ittiin milkaaโ€™a.

Jaalalli Rabbii qalbiin gara Isaatti dabuufi waan hundarra isa filachuu of keessaa qaba.
Rabbiin jaalachuun Muslima hundarrattuu dirqama. Wallaalaa lubbuu isaa miidhe malee kaan jaalala Rabbii hin dhiisu. Inumaa jaalalli kamuu kan Rabbii irra caaluu hin qabu. Jaalala Nabiyyiituu (saw) kan Rabbii hordofee dhufuu qaba. Dogoggorri guddaan jiru duโ€™aatonni baayโ€™een jaalala Nabii (saw) malee, isaanii jaalala Rabbii haasaโ€™anii hin dhagaโ€™amu. Warra Nashiidaatii jaalala Rabbii dubbatuu dhagaโ€™ee hin beeku. Kun tarkaanfii sirraaโ€™uu qabuudha.

Namni Rabbii isaa caalaa, amantii Islaamaafi Nabiyyii isaa [saw] caalaa wantoota saddeettan armaan gadii jaalate salphateera.

{ู‚ูู„ู’ ุฅูู†ู’ ูƒูŽุงู†ูŽ ุขุจูŽุงุคููƒูู…ู’ ูˆูŽุฃูŽุจู’ู†ูŽุงุคููƒูู…ู’ ูˆูŽุฅูุฎู’ูˆูŽุงู†ููƒูู…ู’ ูˆูŽุฃูŽุฒู’ูˆูŽุงุฌููƒูู…ู’ ูˆูŽุนูŽุดููŠุฑูŽุชููƒูู…ู’ ูˆูŽุฃูŽู…ู’ูˆูŽุงู„ูŒ ุงู‚ู’ุชูŽุฑูŽูู’ุชูู…ููˆู‡ูŽุง ูˆูŽุชูุฌูŽุงุฑูŽุฉูŒ ุชูŽุฎู’ุดูŽูˆู’ู†ูŽ ูƒูŽุณูŽุงุฏูŽู‡ูŽุง ูˆูŽู…ูŽุณูŽุงูƒูู†ู ุชูŽุฑู’ุถูŽูˆู’ู†ูŽู‡ูŽุง ุฃูŽุญูŽุจู‘ูŽ ุฅูู„ูŽูŠู’ูƒูู…ู’ ู…ูู†ูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ูˆูŽุฑูŽุณููˆู„ูู‡ู ูˆูŽุฌูู‡ูŽุงุฏู ูููŠ ุณูŽุจููŠู„ูู‡ู ููŽุชูŽุฑูŽุจู‘ูŽุตููˆุง ุญูŽุชู‘ูŽู‰ ูŠูŽุฃู’ุชููŠูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุจูุฃูŽู…ู’ุฑูู‡ู ูˆูŽุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ู„ูŽุง ูŠูŽู‡ู’ุฏููŠ ุงู„ู’ู‚ูŽูˆู’ู…ูŽ ุงู„ู’ููŽุงุณูู‚ููŠู†ูŽ (24)} [ุงู„ุชูˆุจุฉ: 24]

โ€œYoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hirโ€™achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi irra, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaaโ€™uu irra gara keessanitti jaalatamaa taโ€™e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaaโ€ jedhi. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu. [Attawbaa: 24]

Qabxiilee jaalala Rabbii namaaf agamsiisan kudhan yeroo darbe barreesseen ture isa daawwachuu dandeessu.


Forward from: Hawwii Islamic tube
Code 04
Maqaa Ammaar Abbaa biyyaa

๐ŸŒนุจูุณู’ู…ู ูฑู„ู„ู‘ูŽู‡ู ูฑู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽูฐู†ู ูฑู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

Hojii gaarii xiqqoo akkamiillee hin tufatin. Osoma fuula ifaadhaan obboleessa kee qunnamuu ta'eeyyuu.
Rasuul (SAW)

๐ŸŽ1ffaa kan bahe 500MB fi๐Ÿฅ‡๐Ÿฅ‡๐Ÿฅ‡
๐ŸŽ2ffaa kan bahe 400MB๐Ÿฅˆ๐Ÿฅˆ๐Ÿฅˆ
๐ŸŽ3ffaa kan bahe 300MB๐Ÿฅ‰๐Ÿฅ‰๐Ÿฅ‰
๐ŸŽ4ffaa kan bahe 200MB๐ŸŽ
๐ŸŽ–5ffaa kan bahe 100MB ๐ŸŽ–๐ŸŽ–๐ŸŽ–
๐Ÿ“—Hubachiisa:badhaasa Kana Argatuudhaaf yoo xiqqaate,Namoonni 500 ol isiin laaluun dirqama.
โฏKanaaf guyyaa har'aa irraaa jalqabee, warreen hirmaachuu feetan link asii gadii kanaan nu dubbisaa โ—๏ธ
๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ†—๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ“ถ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰@OroAbdallah
๐Ÿ‘‰@OroAbdallah
ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ join my channel๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Hawwiiislamictube
@Hawwiiislamictube


Perezdaantiin Keeniyaaa Wiiliyaam Ruutoon Israa'iil cinaa akka dhaabbatan mirkaneessan.

Tv Hamiltan:Onkoloolessa 7/2016 Finfinnee

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoun biyyi isaanii Keeniyaan michuu ishee Israa'il cinaa ni hiriirti jedhuun dubbatan. Pirezidaantichi qabsoo Abbaa biyyummaa Falasxiinonni geggeessaa jiran kana "Qabsoo shororkeessitootaa" jechuun qaanii tokko malee balfanii jiru.

Biyyoonni Afrikaa heddu haleellaa gara jabummaa Filisxeen irratti raawwatamaa jiru balaaleffataa yeroo jiranitti Perezdaantiin ollaa keenya Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon michuu isaanii Israa'iil cinaa akka dhaabbatan himan.

ยฉTofik Temam


Daawodhee biyyattii Dura
Makkaa ka'ee
Karaa Ergamaan Rabbii hijraadhaaf
Bobba'ee
Daandii muumintoonnii Makkaan
Keessaa Yaa'ee

Harraa ijaaramee Fooqii
Qofa ta'ee
Boolla jarrii seene Kanin
dur haasa'ee
Dhaqeetan Jabala ~#Sawuri irratii
Ol Ba'ee:
Bakkaa Rasuula Rabbiitiif
Golgaa ita'ee
Baayyee ol dheerataa Fagoo
Nattii ta'ee
Harrallee ol bahuuf karaatu
Ittii bahee
Gaafa sana jarrii eessumaan
Achi ga'ee
Geessee Achiin ga'ee hirkoo
Ta'eef Rahmaan..............

โœRaayyaa Abbaa Maccaa

@Abu_Amaar12


Raayyaa Abbaamacca :-

Daaโ€™imman xiyyaaraan daguuguuniifii dhukkubsattoota hospitaala keessatti fi-xuun kaayyoo yah-uudaati
waraanni Rabbii isiittimmoo ha ajajamugaa jedheera.


Daa'imni waggaa 6 lammii Filisxiin ta'e kun manguddoo waggaa 71 kan lammii Israa'el ta'e kanaan yeroo 21 waraanamee du'e. Kun kan ta'e Ameerikaa keessatti.

Yahuudota ilaalaa, tasa namummaa hin qabanu. Amalli namummaa tasa isaan cinaa hin jiru. Farra ilmaan namaa, farra nageenyaa.

Rabbiin obboloottan keenya Filisxiinota miidhaman bira haa jiraatu.


SEENAA KANA DUBBISA MEE
๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ
Gaafa Khaliifaa Islaamaa waliin addunyaa bulchaa turre daangaa hin qabnu turre.

Yeroo Umar Madiinaa ture biyyoota digdamii lama bulchaa ture
Waraanni Khaalid ibnu Waliid bahaan dallaa Chaayinaa jalaa kaasee hanga kibba Faransaay dhihaatti bulchaa ture

Harun al-Rashiid harka sadii keessaa harka sadii Eeshiyaa bulchaa ture

Al-Mu'tasim Amuriyaa erga diigamee booda daangaa Bulgaariyaa sodaachisaa ture

Salaadiin Warra Fannoo injifatee Yerusaalem bilisoomse

Qutuz Mongols dhabamsiise addunyaa
badii isaanii irraa baraaraa ture

Usmaanoonni kaartaa addunyaa irraa impaayera Fannoo humna guddaa qabu, Impaayera Baaizaantiin buqqisuun walakkaa Awurooppaa ol bulchaa turan.

Yeroo Muslimni Kordoobaa irraa gara Bagdaad hanga Hindiitti hanga daangaa Chaayinaa deemuun daangaa hin qabnu turre

Morookoo irraa hanga Makkaatti namni waa'ee paaspoortii isa gaafatu hin jiru.

Warri dhihaa fi/ykn/Isaa/Nah fi diinonni hundi haa yaadatan
===============================
(Badr_Al_Yarmuuk Al_Qadisiyah, Dhat Al-Sawari, Wadi Lakka, Malathkert, Al-Zalaga, Hattin, Al-Mansoura, Ain Jalut, Barouza , Mohag, Nikopouloos, Waadi Al-Makhazin, Panipat, Galipoli, Al-Karamaa.
===============================

Gadi Sykes-Picot waliin, warra isa tolchan, warra isa eegan, waaqeffatan, gaaddidduu ishee keessa jiraatan.

Yaa waaqa diina amantii salphisi
Yaa Rabbii diina sahaabaa Ergamaa Rabbii salphisi, Nagaya fi Rahmata kee Ergamaa โ™ฅ๏ธ kee irratti buusi.

#Sulluu_Ala_Nabi
Sallallaahu Aleeyihi Wassallamโ™ฅ๏ธ๐Ÿ’šโค๏ธ

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน@Abu_Amaar12 @abu_amaar12๐ŸŒน
๐ŸŒน@Abu_Amaar12 @abu_amaar12๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน


@Nama_dinqisiisa...!

โœ Seenaa keessatti akka dubbatametti ijoolleen Nabiyyallaahi Ibraahim lameen Ismaa'ilii fi Ishaaq (Aleyhimassalaam ) filisxeen keessatti dhalatan malee keessa hin jiraanne.
โœ Nabi Yaaquubs(Israel) ilmi Nabi Ishaaq Aleyhimassalaam Maatii fi ijoollee isaa hunda guurrattee gara biyya masriitti godaane.... achumaa biyya isaa Masriin godhatee umrii isaa guutuu keessa jiraataa ture.
โœ Waan nama ajaa'ibaa karaa kamiin ummanni Israel filisxeem dachee teenna ykn Yaaqub filisxeemiidha jedhanii biyya kana itti weerarantu gaafii namatti taha... !โ“
Kitaaba seenaa kamuu yoo dubbiste... Kitaabni dacheen filisxeem tan Israelootaa tahuu ibsu inuma hin jirre...

@tafak_or


Sheikh Mahmuud Al-Hasanaatii maatii isaa kheessaa kanneen Haleellaa xiyyaara waraanaa Tsiyoononni Israa'il michuu isii Ameerikaa waliin Godina Gazzaa irratti raawwataa jirtuun namoota 14'n woreegaman lakkoofsaan adda baasee fuula feesbuukii isaarratti maxxansee jira

Obbolaa dhiiraa tiruu afur ,obboleettii dubaraa tiruu tokko ,ilmaan obbolaa (Eessumoota) lama, durbii tokkoo fi Haadha manaa isaa akkasuma ilmaan isaa shan.

@Al Jazeera Afaan Oromoo


''Nuti biyyoottan Arabaafi adduunyaa islaamaatii waliin walitti dhufeenya gaarii qabna. Filisxiin biyya taatee akka ijaaramtuuf waadaa seenne guutuu barbaadna. Deeggarsa ni goona'' Perezidaantii Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin


Yaamina Sheekh Muhammad Hasan Al Dadoo Addunyaa Islaamaatiif


"Gootonni Falasxiin beellama isaanii guutanii jiru, (Sadaquu maa aahadullaah)

Garuu Ummanni Rasuulaa (Saw) kaan eessa jiran? Hoggantoonni, bulchitoonni fi waraanni biyya Muslimaa eessa jiran? Daldaltoonni fi invastaroonni eessa jiran? Ulamaa'onni, Khaxiibonni fi Du'aatni eessa jiran? Namoonni miidiyaa fi namoonni siyaasaa eessa jiru? Hundi isaanii Mujaahidoota kana duuba dhaabbachuun sochiin Xufanal Aqsaa akka itti fufuuf gargaaruu qabu, Bira dhaabbachuu qaban

Kabaja dubartoota muโ€™mintoota qulqullootaa fi qulqulluu taโ€™an eeguuf jecha hanga Shirri kallattii hin eegamneen dhufu hammeenyaa fi gowwoomsaa Israaโ€™el balleessutti Ummanni Muslimaa guutuun cinaa isaanii dhaabbachuu qaba.

Alamutul Asr Sheek Muhammad Hasan Al Dedo

Ergaa Aalima Allaamaa Asrii kana #Share_Waliif_Godhaa Hadaraa

20 last posts shown.

2 548

subscribers
Channel statistics