tigerbirruu0@gmail.com❤️


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Abbaa Gadaa Nuguddise
Ololli yoom nukuffise

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter






NAMNI KAAYYOOF DEEMU
WARAANAMEET OBSAA‼️``````'''''''''''''''''''’‘‘'''''''''''''''''''''''''''''''''''
````
Miilli deemsa Kaayyoo
Fuuldurri Gahumsaa!
Riqicharra deeman
Daandii qajeelchasaa!
Salphaatti galma gahaa
Gariin akka tasaa!
Inni kaan gufatee
Kufee ciisee ka'aa!
Qormaata hedduu darbee
deemee galma gahaa!
Yoo deemsi ulfaate
Dhagahi siin gorsaa!
Garaa Kee muradhu
Isaatu SI baasaa!
Namni Abdii qabu
Gootummaa muldhisaa!
Ofiifis Hubatee
Nama hubachiisaa!
Kan Kaayyoof imalu
Yaaddawaatoo ciisaa !
Hirriibaas hinqabu
Kophaa saa hasaasaa!
Yaada gurmeeffatee
Karoora saa baasaa!
Ormi kolfa ooluus
Soba seeqa ilkaansaa!
Dukkana cillimiis
Halkan leeylii Keessaa
Kan itti Mul'atu
Waama gahumsa saa
Ka'eetoo adeemaa
Ganama barsiisa!
Yoo argate nyaatee
Yoo dhabees Ni Obsa
Kaayyoo saa hindagatuu
Isa daawwitii saa
Kanaaf jecha dhiiguus
Caccabuus lafeensaa
Namni Kaayyoof Deemu
Waraanameet Obsaa!

Kaayyoof jecha dhiigduus
Bor argattaa gatii
Duubatti hindeebi'in
Okkolaa fiigi atii
Kukkulfattee hindhiisin
Fiigicha Kaayyoo Kee
Ilaaliitii jabaadhu
Calaqqee galma Kee!
Atuu yeroo geessu
Madaa Kee dagattaa
Firii dadhabbii kees
Altokko Ni argattaa!
Gaagurri damma hinqabne
Kan gagaaf Kan jiisaati
Gatiin ilma Namaas
Akkuma hojiisaati!!
Madaalliin hojii Kee
Gaariis haata'uu hamaa!
Qodaa namaaf safarteen
Bulee siif kafalamaa!
Waan Hin kaa'in fuudhuudhaaf
Hin hiixatin Yaa tiruu
Ingirdaadii facaaftee
Garbuu haamuun Hin jiruu!
Eegaa Namni Kaayyoo
Of fooyyeessuuf bahee
Beelli Isa huqqisee
Coraansaas qunca'ee
Hundaaf hindubbatuu
Beekaatoo callisaa!
Galma saa abdatee
Rakkina saa Obsaa!
Dukkanatti deemuun
Ifatti sigeesaaa!
Abdii muruu baannaan
Numa baata Keessaa!
Qormaanni baay'achuun
Daranuu si cimsaa!
Yoo of dagattellee
Of SI yaadachiisaa!
Miilli deemsa Kaayyoo
Barbaachi Gahumsaa!
Adeemsa sidhoorkuus
Qoreen dhoqqee Keessaa
NAMNI KAAYYOOF DEEMU
WARAANAMEET OBSAA ✅‼️
#Tiger_birruu@


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Ilaamee Lammii Koo
Ilaamee Yaa sabaa!!!
````````````````````````````````
Qalbii naaf laadhaa mee
Ergaa tokkoon Qabaa!
Ormi walkabajee
Walirraa Abdii qabaa!
Waa'een keenya kunoo !?
Baayyee nama dhibaa!
Sammuu nama hooqaa
Garaa nama Gubaa!
Otuu walkoomannuu
Jaraaf Barri darbaa!
Maqaa walxureessuu
Quba waliqqabaa!
Hamma yoom lammiin Koo
Waaltahuu dadhabaa!
Bar dhaloonni dhufu
Abdii nurraa qabaa!
Ilaamee Lammii Koo
Ilaamee Yaa sabaa!!!

Jaarraa tokkoof cinaa
Ormaafuu obsinee!
Ofduuba hinlaaltanii !?
Wanta dabarsine!
Gootota qaqqaalii
Hammana hinjedhamne!
Badii tokko malee
Lubbuu Saanii dhabnee!
Yaa torbaatama Koo
Maaf wal-hin-hubanne!
Dhiiga lafa yaa'u
Maaf waliif Hin naane!
Booya barabaraa
Maaf dhaabuu dadhabne!
Ilaamee Lammii Koo!
Yoo waliif obsine
Sirnaaf gadaa qabnaa
Kan Eenuyyuu hinqabne!
Waliif abboomamnee
Waliif yoo moo'amne!
Rakkoo Saba Keenyaa
Hunduma cabsinee!
Bakka yaanne geenya
Galma rakkoo diignee!

Waca simbirrootaa
Iyya laga Keessaa!
Hubadhu Lammii Koo
Miidhaa Haadha hiyyeessaa!
Namni namaa hin-naane
Sanyiin saa bineensaa!
Waliif rifadhaa Mee!
Alagaa naasisaa!
Isa Amma duraa
Hunda walii dhiisaa!
Tokko yoo dubbatu
Hundi walcaqasaa!
Muka jirma hinqabne!
Qilleensaatu raasaa!
Lammii gamtaa hinqabne
Hundaatu naasisaa!
Yaa torbaatama Koo
Ilaamee walgorsaa!!!

Galti galma tokkoo
Hunduu Kaayyoo qabaa
Asiif achiin deemuus
Namuu waldhaqabaa!
Namni galma tokkoo
Akkamiin waldhiba!
Ilaamee Lammii Koo
Ilaamee Yaa sabaa!!!
Mee nadhageeffadhaa
Dhaamsa xiqqoon qabaa
Maqaa walxureessuu
Kana nurraa dhaabaa!
Sabni gamtaa qabu
Hunda itti dhaqqabaa!
Ilaalcha waliif ibsaa
Fidaa walbira qabaa!
Waldheessuu fii baqachuu
Cubbuu Siyaasa dabaa!
Oftuulummaan guutamuu
Waliif qabaachuu jibbaa!
Du'a waliif hawwuu
Walxureessuuf kijibaa!
Kan ammaan duraa gahaa
Amma Dhaabachuu qabaa!

tokko guddisanii
Kan biraa xiqqeessuu!
wanta bu'aa Hin qabneef
Lubbuu walii balleessu!
Ofii wal boochisaa
Orma gammachiisuu!
Maqaa argachuuf jecha
Isa biraa xureessuu!
Lammii ofii dhiisanii
Isa biraatti dheessuu!
Faayidaa dhuunfaaf jecha
Bu'aa dhalootaa mancaasuu!
Isa tokko ijaare
Kan biraa dhufee jigsuu!
Kan ammaan duraa gahaa
Namni hunduu haadhiisu!
Ilaamee Lammii Koo
Wanti na dinqisiisu!
Duuti obbolaa keetii
Maaliif sin rifachiisu!
Hanga yoomii tura
Jibba walii labsuun!
Kun nurraa Hin eeggamu
Namni Marti haadhiisu!
Eegaa akkanaan jedha
Yaada Kanaan qabaa!
Mee xiqqo hubadhaa
Qalbiis itti qabaa!
Silaas Namni hunduu
Yaada Adda addaa qabaa
Daandiin irra deemnu
Ta'uus gara gara!
Hundi Lammiif taanaan
Galma tokko qabaa!
Waliin galma gahuun
Maaliifoo nudhibaa!
Dhalootaaf dabarsuun
Hinta'u Waan dabaa!
Waliif yoo obsite
Hin darbita cufaa!
Rakkinni Kee cabee
Furmaanni siif dhufaa!
Barri baraan darbee
Dukkanniis siif ifaa!
Nutumti yoo gamtoomne
Waa Marti Ni dhufaa!
Walitti yaaduu dhiifnaa
Wanta shiraafii dabaa!
Gaafa tokko miidhamu
Hundi dirmachuu qabaa!
Yaada jibbaa qabaattee
Galma gahuun sidhibaa!
Ilaamee Yaa lammii Koo
Ilaamee Yaa sabaa!!!
By @Tiger_birruu ⚫🔴⚪


❤️


Forward from: Gaarii yaadi
Ergaa bareeda

Gurbaan Soressi tokko foddaa isaatin gad lalaa osoo jiru iddoo inni kosii(qushasha) itti kusuutti namticha hiyyeessa tokko argee, akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi an hiyyeessa miti".

Namtichi hiyyeessi kunis otuma nannoo Isaa kana gamana gamas ilaala deema jiruu, gurbaa uffataa malee qullaa amala fokkotaa agarsiisa dandii irra oli fi gaad fifiigu arge akkana jadhee "galatoomi yaa Rabbi ani maraata miti"

Gurbaan maraatan kunis otuma dandii irra demuu konkolaa ambulaansi kan dukkubsata yabbatee figuu argee akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi ani fayyaan qaba".

Dhukkubsataan kunis namoota hospitaala kessatti du'anii reefka isaani gara alaatti gad basaa jiran ilaale akkana jadhee "yaa Rabbi galatomi ani hin dunee jirachaan jira".

Nama du'e qofaatu Rabbiif Galata galchuu hin dandeenye.

Maliif Rabbi kee hin galatomfanne wan inni sitti argoome fi guyyaa biraa bareeda arguf kan kennaa jiruu sif kanneef.

Jireenyi maali?
Jireenyi kun akka hikni Isaa sif galuu yoo barbadde idoo armaan gadii 3 kana deem.
1. Hospitaala
2. Mana hidhaa (sirreesaa)
3. Iddo awaalcha(qabrii)

Hospitaalatti, wanni tokkollen fayyaa caala akkaa garii hin tane huubatta.

Mana hidhaa(sirreessa) itti, walabummaan halaan barbaachisa akka ta'e huubatta.

Iddoo awaalchatti(qabrii), dacheen ati arra milaan irra deema jirtu kun boru akka qorqorroo kee ta'e dhugoomsatta.

Dhugaa Gaddaa: nu Marti wan tokko malee dhufne akkasumatti wan tokko malee demuuf tenna.... Kanafuu yeroo mara mataa kee gad qabi Rabbiif Galata galchii.

Rabbiin umaa Isaa Mara ni jaalata kuni dhugaa.

#share fi #like godhuun hiriyoota kessan afeera akka qooda nurraa fudhatan.
🖤❤️☁️
👉 @humnagaariiyaduu 👈
👉 @humnagaariiyaduu 👈
❤️💚❤️


Forward from: Caalaa Bultume
Kana eenyutu beeka?

Afaan ingilifaa ingilizitti dhalate
amerikaatti... guddatte
afrikaatti... dhukkubsate
hindiitti..........ni du'a!

Barsiisaa hindiitiin kan barate beeka

👍👍 tuqi darbi
share gochuu hin dagatin
👉👉 @walaloo_poet 👈👈


Forward from: Caalaa Bultume
Harreen silas,
Daaraa malee
Gangalattee,
Yoo itti hin tolle
Ni halaakti,
Ni garmaamti
Ofii isheetti,
dullaa waamti

Tola hin beektu,
ba'aa salphaa
Yoo itti hin taane,
hunduu nyaapha
Harreen quufte,
Qe'ee faalti
Bineensomteet,
Of sakaalti!
...



Yaadaa fi ergaa dabarfachuu feetaniif...!!
@walaloopoet_bot
irratti nuuf barreessaa.

@walaloo_poet 🙏


Forward from: Caalaa Bultume
Abbaatu daa'ima isaa wajjin haasa'a
Daa'ima:- baabbaa! Prezdaantii jechuun maalidha?
Abbaa:- prezdaantii jechuun geggeessa/dura bu'aa jechuudha fakkeenyaf ani prezdaantii mana kanaati
Daa'ima:- harmeenoo maalidharee?
Abbaa:- harmeen ministeera maallaqaati
Daa'ima:- akkoon koohoo?
Abbaa:- akkaankee basaastuudha
Daa'ima:- anihoo? Babbaa
Abbaa:- uummatadha ati

Yeroo biraa abbaan hojii deemee mana isaanii namni biraan dhufa. Isa booda daa'imni kun dokatee abbatti bilbilee akkas jedha...

Hello baabbaa ... mana keenya prezdaantin biraa dhufeera ministeerri maallaqaa shir
gud jichaa jirti, basaastuun rafteetti, uummanni dhiphataa jira 😂


👍 Like tuquu hindagatin
Hiryoota kee
5f ergi!
👉Kan Bira Argachuuf 👇👈
Join
👉👉 @walaloo_poet 👈👈


Forward from: Caalaa Bultume
Haadhatu ulfadha 🤰🤰 mucaanshii inni waggaa 4 garaa haadha ilaale gaffii gaafata

Mucaa.... mama..! Garaanke🤰 maalidha?

Haadha... mucaadhuma akka keetidha.

Mucaa... eessaa fidde?

Haadha... abbaa keetu naaf kenne!

yeroo kana Daa'imachi taa'ee amma abbaan galutti eeguu jalqabe... akkamu abbaan balbala baneen...

Daa'ima... baabba... harmeen mucaa ati kenniteef liqimsiteem.....😁😁


👍 Like tuquu hindagatin
Hiryoota kee
5f ergi!
👉Kan Bira Argachuuf 👇👈
Join
👉👉 @walaloo_poet 👈👈


Kutaa 3ffaa
..."haya "jedhanii karaa 'eegalan.Osoo deemanuu itti halkanaawee bulan .Ammaas hangafni ,"anaatu Abbaa keenya 'eegaa isin rafaa,"jedheen."Haya!"jedhani rafan.
Kuniis rafan jedhee rafe.Quxusuun ol Ka'ee hogguu ilaalu hunduu rafaniiru. Ammaas otuu inni taa'ee eeguu qeerransi itti dhufnaan tojorrii isaa kaasee oggaa bira gahu morma dhayee lafa buusee arraba isaa muree kiisii kaayyate. Achiin bakka isaatti deebi'ee rafe.Ganama hangafti Ka'ee, "Eda qeerransi Abbaa keenyatti dhufnaanan ajjeese,"jedheen ...






Kutaa 2ffaa
...Isaaniis "haya!" Jedhanii ciisan .rafan jedhee hangafniis rafa. Amma quxusuun hogguu ol Ka'ee ilaalu Namni hundi rafeera.Quxusuun otuu taa'uu leenci itti Dhufee bira Geenyaan billaadhaan morma dhayee lafa buusee arraba Leencaa irraa muree kiisii kaayyatee bakka saatti deebi'ee Ciise .Ganama hangafni ka'ee ijoollee kaasee."Eda leenci Abbaa keenyatti dhufnaan Nan ajjeese ,jedheen...




📚Asoosama "IJOOLLEE SADII" kutaa 1ffaa
🔜Ijoolleen obbolaa sadi turan.Ijoolleen Kun abbaa malee haadha hin qaban.Abbaan Saanii gaafa du'uuf ka'u, "guyyaa sadi deemaa na awwaalaa," jedheen itti dhaammate.Ijoolleeniis tole gaafa inni du'u billawaa fudhatanii karaa jalqaban.Osoo deemanii itti halkanaawee karaa bulan .Iddoo bulanitti inni hangafni "anaatu reeffa abbaa Keenyaa 'eega, isin rafaa," jedheen ...


Forward from: Caalaa Bultume
ABBAA MALAA!!!!
Rayyaan raayya jaba
arkaan bandaa qabaa
Babbaroode madfiin
Babbaroode taankiin
Ittii seene raayyaan
Diina godhe daaraa
Oromoon guddaadha
Afrikaaf bakkalchaa
Ormaaf hin gugguufu
Dhalchus goota dhalchaa
Biyyaa abbasaaf lola
Diinni hin seentu alaa
Ceesisaa
Leenca ciise xuqxee
nagaan taa'uuf (×2)
Akka afaanii hin ta'uu
Gugsee yoo irraan ba'u (×2)
Irra aante dhugaan
hundaa caalaa (×2)
Abbichuu abbaa malaa
Omtuu baatu jalaa (×2)
Ceesisa
Cimi yaa loltuu daanga biyya hin sarbamtu gogonbisi yartu (×2)
Biyyii itoophiyaa keetii dhaloon hubadhu qabdi gootota heddu(×2)
jeettin lola samiin
Lafoon itti marse
Cichee lola jabaan
Kan quufee adaba
Watwaachise jalee
kennachisee harka
Ceesiisa
Itti seenii falmi
ta'i raayya jabaa
Tiksii daanga biyyaa
Eeggadhu itoophiyaa
Dhaabbadhuf wardiyya
Daangaf danga maraan
Xiiqif gootummaadha
Mallattoon Oromoo
Kan fardaan weraaruu
Kan fardaan waranuu
Malee miidaayarraa
Iyyee hin caaraanu!!!
Irraa hiktee yaa gootaa irraa hikte
Biyyaafis hin toltu
Hin milkaa'iin yartuun
Goota beektu loluu hanna seete
Biyya samte baddeet
Ofkaluu dadhabde
Fira hin jalattuu taate alagaaf ergamtu ormooteeti haa baddu
Sossobe fidee jaallankee meeqaa
Fixee firoomuun maal fidee
Wal dadhabdetta firaan
Kan galte diinatti
Manaaf mana lagu
Ilmi dhugaa hin dhaqu
Lolii barbadeessi
lafeeshi bobeeshii
Dhugaa kara maqe
Bakkatti deebisii
Xumurame .
ABBAA MALAA.
@meelbaacaalaabultume 👍


Forward from: Galaana Gaaromsaa
NAMICHAA FI LEENCA

Bara duriiti. Namichaa fi Leencatu utuu dhimma isaanii deemanii karaatti walitti dhufani. Galmi isaanii tokko tahuu baatus walumaan deemna jedhanii waliin qajeelani. Utuma haasa'aa deemanii waa'ee ol aantummaa isaanii walitti odeessuu jalqabu. Namichi warra keenyatu isin caala jedhee odeessa. Leencis akkuma kana. Warra kan isaa leellisa. Wal amansiisuufis hedduu rakkatani. Utuma akkanaan walitti falmaa deemanii siidaa tokko karaa biratti argani. Namichis akkuma argeen quba isaa achi qabee, "Ilaalika olaantummaa keenya. Waan siidaa kana irratti barreeffamee jiru argitee?" jedheen. Leencichis, "Eyyeen argaan jira." jedhe. Siidaa sana irratti kan barreeffamee jiru, 'Leenca harka namaatti du'e!' jedha ture. Namichis deebisee, "Egaa kun olaantummaa keenya durumaa kaasnee isin irratti qabnu ibsa, " jedhe. Leencichis keessa isaatti akka seequu tahee, "Olaantummaan keessan hamma nuti siidaa dhaabuu fi irratti barreessuu barru qofatti. Utuu nuti, leencotni, kan siidaa dhaabuu fi irratti barreessuu beeknu tahee isin kumaatamaan miila keenya jala ciciistanii siidaan dhaabama ture," jedhe jedhama
.


@jaalalleekoo 🙏

20 last posts shown.

55

subscribers
Channel statistics