Sin Jaaladha
Na jibbi yoo feete
argaa keeyyuu jedhi
Wanta jibba ibsu
hundumayyuu godhi
Na arrabsi feetuu
maqaa koos balleessi
Gochaa kiyya malee
maqaas naaf moggaasi
Narraa gorii darbi
karaa kees jijjiiri
Deebiin kiyya garuu
wanta tokko bari
kuni hunduu ta'ee
waan tokkon siin jedha
Ati na jibbitus
ani sin jaaladha
Jibba kee jaaladheen
jaalalaan moo'adha
Na jibbi yoo feete
argaa keeyyuu jedhi
Wanta jibba ibsu
hundumayyuu godhi
Na arrabsi feetuu
maqaa koos balleessi
Gochaa kiyya malee
maqaas naaf moggaasi
Narraa gorii darbi
karaa kees jijjiiri
Deebiin kiyya garuu
wanta tokko bari
kuni hunduu ta'ee
waan tokkon siin jedha
Ati na jibbitus
ani sin jaaladha
Jibba kee jaaladheen
jaalalaan moo'adha