Wan barbaadaan hundaa


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Love

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Sin Jaaladha

Na jibbi yoo feete
argaa keeyyuu jedhi
Wanta jibba ibsu
hundumayyuu godhi

Na arrabsi feetuu
maqaa koos balleessi
Gochaa kiyya malee
maqaas naaf moggaasi

Narraa gorii darbi
karaa kees jijjiiri
Deebiin kiyya garuu
wanta tokko bari

kuni hunduu ta'ee
waan tokkon siin jedha
Ati na jibbitus
ani sin jaaladha
Jibba kee jaaladheen
jaalalaan moo'adha




Maaloo Maaloo
🌷🌷🌷🌷🌷🌷
Yoomuu nan dagatin
Aniis sin dagadhuu
Qaama ko yaa lafee
Tokko nadhungadhu
~~~~~~~~~
Kaleesaa siif jadheen
Carqii darbee fiigee
Har'a si argannaan
Ija kootu dhiigee
~~~~~~~~
Nan jajin mee Aaddee
Jaalala kootu kanaa
Birriis kiisaan qabuu
Na danda,i laaqana
~~~~~~~~~
Warri koo yoo ta,es
Hiyyeessa hadhawa
Waaniin si hordofuuf
Anaan jadhan gowwa
~~~~~~~~~~
Yaada biraan qabu
Garaan siyaadataa
Galgalaaf ganamaas
Gaafii na gaafataa
Koo onneen si baree
Sumaafi dheebotaa
Makaddaaf tiraasiin
Halkuu si gaafataa
Naaf rifadhuu koottu
Qaamni kiyya guutuun
Si arguuf kakataa...


Forward from: MAMMAAKSA 🅾🆁🅾🅼🅾🅾
Waa sadii ganama bade,
Waa sadii guyyaa bade,
Waa sadii galagala bade,

🐶Luyni ganama bade.
🐶Wallaalaan ganama bade.
🐶Dondhi ganama bade.

🙊Haftichi guyyaa keessa bade.
🙊Qeerrichi guyyaa keessaa bade.
🙊Harkichi guyyaa keessa bade.

🙈Hayichi galgala bade.
🙈Fardi Sangaan galgala bade.
🙈Ottichi galgala bade.




Forward from: Coop Bank of Oromia
Haadhi manaako baayyee gurraacha'uu ishee irraan kan ka'e ganama yeroon irribaa ka'ee ishee argu

hin bariine se'een deebi'ee rafa
😂😂😂😂😂😂😂😂


@OdaaJaalalaa


Forward from: Coop Bank of Oromia
LikeBot:
Abbaan Caalaa Gaafa Cidha Ilma isaa yeroo eebbisu:-

"Yaa Ijoollee koo Waaqayyoo gooftaan Jaalala akka hidha laga abbayyaa hin dhumnee isiniif haa kennu!"

🤣🤣🤣🤣😊🤣
@Odaajaalalaa


Halluu Tube:
Shakkii

Dhoqqee hin jirre fuudhee
Qulqulluu kan booressu
Ta'aa laata? jechuudhaan
Nama adda adda kan baasu
Sodaachuuf kan hin malle
Kan nama sodaachisu
Kan argachuun nuuf malus
Kan nama hankaassisu
Shakkiin nama balleessa
Qalbii nama xurreessaa
Soba dhugaa fakkessaa
Nama adaan fageessaa
Kanaaf of keessaa baasaa
Qalbii keessan qulqulleessaa
Waan xiqqoo guddiftanii
Fagootti hin sodaatinaa
Lafumaa ol kaatanii
Wanta mara hin shakkinaa!!

@halluutube






Walaloon Jaalala:
SIN_DHABU
~
Sirraa adda na baasus
Golfaaf dhibeen baraa
Akkaman si buusee
Yaada wanta yaraa
~
Na keessaa hin foxxoqxu
Nii jiraatta boontee
Jireenyi du'adha
Yoo na dhiistee deemte
~
Onneekoo walakkaa
Mana qabda ijaartee
Ol-naan kaafatteetta
Dhugaan na gargaartee
~
Gaafa qorraaf cabbiin
Darabeen na tume
Humni jaalalakee
Takkaa hin beeku dhumee
~
Gaafa aduun saafaa
Gube mara yaabee
Situ dibaabeekeen
Gaaddisa naaf dhaabe
~
Yeroon abdii kutu
Dhuftee na barbaadda
Maarree akkamitti
Oonneekoorraa baddaa?
~
Sin gatu dhugaadha
Irbuukee rarraasee
Siifan bakka qaba
Kophaattillee baasee
~
Siin alatti boris
Fakkaattiikee hin qabu
Sin mararsiifadha
Jaalladhee sin dhabu
~
Jiraadhu boontuukoo
Sabboontuu hintalaa
Kan sitti na hidhe
Soba-miti jaalala.
~
Wan 😍


Ani Dr.Abbiy Nan komaadha yoo komatte harka baasi.

Hadhaa mana koo waliin waliif gaalu hin dandeenye erga inni MM ta'e booda. Ganama yeroo hirriibaa kaate TV bantee isuma ilaalti ciree godhuu dhistee. Ana abbaa mana ta'uu koo na irraanfatte jirti.
..
..
..
Maaliin jachuu barbaade isinitti fakkaate, warrri harkaa baastan hundi harkaa san gad deebisi mataa keessa of rukkuti, ati akkamitti wan hin taanee yaadda? Haati manaa koo wan biraaf miti kan jaalatte maraatteef wan inni bayyee midhaguufi.
😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
Dr. Abiyyi namni komatuu ni jiraa? Yoo jiraatte, baba dafii of fannisi!

Love and Respect our PM Dr. Abiyyi Ahmed

Yoo Dr. Abiyyi deeggarte share


Ani Chat gochuurra post gochuun Jaaladha sababni isaas Jaalallee nama waliin Mal akkan mari'adhu waniin hin Beekneef.
😁🤣😂🤣😂


Muciyyoon ulfoofte takka Harmee ishee bira deemte Akkana jatteen

Muciyyoo: Harmee koo ulfaween jira

Haadha: ani baade ani bade maliin si gorsa ture kana dura yoo dhirti Harma kee si tuqxe ⚠️Don't jedhiin yoo qaama saala kee si tuqe ⚠️Stop jedhiin sin hin janne? jatte loolteen Haati

Muciyyoo: (Rifatte maata ishee gadi buuste) akkas jadheenin ture....
..
..
garuu inni iddoo lamaanu al-takkatti yeroo wal-fakkaata keessatti na tuqe anis dafee Don't Stop jedheen.😂😂

Feetan Koflaa ani tiyyaaf kofleen jira.😂😂😂😂
😂😂😂😁😁🤣🤣
maaligaa kophaa kofaluun aboo hiriyoota keetis share godhi isaanis ha koflani😂😂 Wan love Eliyas


🚫🚫Dhiraaf hin eeyyamamu ❌❌🕴👖
👗💁💃Shamarran qofaaf kan heeyyamame💃


Forward from: 🌿🌿 መርጌታ ይግዛው ባህላዊ መዳኒት ቤት 🌿🌿
#COVID19

Ityoophiyaatti odeeffannoo haala yeroo vaayirasii koronaa

•Qorannoo gaggeeffame = 13,645
•Namoonni qabaman = 123
•Namoonni yeroo ammaa yaaliirra jiran = 77
•Namoonni bayyanatan = 41
•Namoonni du'an = 3

Baay'ina namoota vaayirasichan qabaman magaalotaan yeroo ilaalamu

* Finfinnee - 98 (79.67%)
* Dirree Dhawaa - 8 (6.5%)
* Sabbataa - 5 (4.07%)
* Adaamaa - 3 (2.44%)
* Baahirdaar - 3 (2.44%)
* Addis Qidaam - 2 (1.63%)
* Duukam - 1 (0.81%)
* Jimmaa (Limmuu Kosaa) - 1 (0.81%)
* Affaar - 1 (0.81%)
* Jigjigaa - 1 (0.81%)

@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA


Amaloota Jaalala Fayya Qabeessaa Fidan kudhan
(10)!
_____________________________
1. Jechoota kana sadan "Sin jaalladha", "Galatoomi",
"Dhiifama" bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu
of hin qabiin fayyadamuu.
2. Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa,
facebook fi namoota birootti haasa'uu dhiisaanii
kallattumaan walitti haasa'uu.
3. Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan
lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya
dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu.
Jireenyi isaanii 100% kan waliinii ta'uu hin qabu.
4. Jaalalli isaanii jaalala waan ammaa irratti
hundaa'e ta'uu qaba. Fuulduratti ni jijjiiramna
jedhanii ykn ni guddanna abdii jedhu qofarratti
waljaalachuun jaalala hundee dhabeessa taasisa.
5. Amanamummaa, iftoomina, walhubachuu fi waliin
haasa'uun dirqama. Icciitiin dhoksaa hedduun
jiraachuu hin qabu.
6. Jalalleewwan lamaan yoo kan waliin qunnaamtii
saalaa raawwatan ta'eef, lameen isaaniiyyuu
gammachiisuu qaba. Ta'uu baannaan jaalalli isaan
lameen gidduu jiru dhugaa ta'uunsaa hin amansiisu.
7. Yeroo qaamaan wal arganis ta'ee yeroo bilbilaan
waliitti haasa'an haasaan isaa/ishee, jaallallee isaa/
ishee kolfisiisuu fi gammachiisuu qaba. Waliin hin
kolfan, waliin hin gammadan taanaan haasaan
isaanii waljibbisiisaa deema.
8. Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii
waliif kabajuu fi jaalachuu qabu.
9. Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii,
waliif danda'anii jiraatu.
10. Waldhabdeen jireenya isaanii keessatti yeroo
tokko tokko jiraachuu qaba. Waldhabdeen tasuma
hin jiru taanaan gadi fageenyi jaalala isaanii
shakkisiisaadha.
©DR. Gurmeessaa

Dhimmoota jaalalaan walqabatan argachuuf
Join
@Furtuu1
@Furtuu1
@Furtuu1


Forward from: ZAMANO KOFLA😂
#JAARTII fuudhu mitti bulchuutu nu dhibbe.
#MAKIINA bitachuu mitti karaa irraa oofantu
Nu dhibbe😂

@zamanoaliyi22


Forward from: Sammuu kee jijjiiri
Dargaggeessi dafee deemuu danda'a, manguddoon garuu karaa beeyti.

Jecha Afrikaanotaa
@oroquotes
@oroquotes

20 last posts shown.

229

subscribers
Channel statistics