Hundi isaanii hojii isaanirraa eegamu sirnaan raawwatu. Namoota miliyoonan lakkaayamaniin Download godhamanii jiru. isiniis kan bilbila keessaniin wal simu ilaalaa faayyadamaa.
4. karaalee vaayirasiin bilbila keenya ittiin seenu keessaa inni duraa Email dha. Fkn, Gmail fudhachuu dandeenya. yeroo hedduu liinkin Email nuti hin beekne irraa yoo dhufe banuu irraa of qusachuu qabna. Ergaaleen karaa email’n nu gahan
salphatti vaayirasiin keessa dhoksfamuu danda’u. Nutiis ariifannee yoo Click goone dafee Download tahuun vaayirasiin inni qabate bilbila keenyatti galuu danda’a.
5. Aappota bilbila keenya irratti faayyadamnu hunda yeroo yeroon update gochuu. sababni isaa: Aappin bilbila irraa osoo update hin godhamin yeroo dheeraa yoo ture gara vaayirasitti jijjiiramuun ni mala. Aappii Update gochuuf:
Palystore > sarara sadeen bitarraa tuqi > My App seeni > Aappii ati bilbila irraa qabdu hunda siif baasa, kan haaromuu barbaadu akka Update gootu si gaafata, irratti tuquun update goota. akkasuma maqaa Aappii faayyadamtuu sana playstore irratti search gochuun bakka Open jedhutti Update kan jedhu yoo jiraate irratti tuquun update goota. Dabalata Setting palaystore keessa Auto Update Apps kan jedhu ni jira. isa keessa seenun Aappin hundi akka ofiin of haaromsu ajaajuufi ajaja dhowwuun ni danda’ama.
6. Internet (Data & Wifi) banaa yogguu ta’an yeroo hunda Of eeggannoo taasisuu. sababni isaa: yeroo kanatti notification Eeyyama keenya barbaadan nutti dhufuu
danda’u, Fkn, Allow or Decline nu jechuu danda’u. nuti bilbila keenya itti faayyadamuu itti fufuuf ariifannee Allow yoo jenneen Wanta eeyyama nu gaafatu sanaaf osoo maalummaa isaa hin beekin Eeyyama nu gaafatu laannef jechuudha.
Wantichi vaayirasii yoo ta’e kallattiin hojii isaa hojjachuu eegala. Kanaafuu; Notification nutti dhufu hunda osoo maalummaa isaa hin beekin goonkumaa Eeyyama laachufi hin qabnu.
7. Aappii ykn Faayilaas tahee wanta barbaanne yoo kan namootarraa fudhannu tahe dursa irratti Maalummaa isaa sirritti gaafachuu. yoo namichi isin gowwoomsuf kan yaalu tahe, dhimmicha irratti search gochuun dhugaa jiru
hubadhaa. Akkasuma namni eenyummaan isaa hin beekamne tokko karaa keessatiin wanta akka liinkii yoo isinitti erge hedduu itti hin gammadinaa.