2. Koodii bilbilaa ittiin kaardiin hatamu
Tooftaan kun immoo ‘kaardii dachaadhaan isiniif guutama’ jechuun hanna raawwatamudha. Yeroo baay’ee Facebook irratti suuraa loogoo Itiyoo telekoomii fayyadamuudhaan nama gowwoomsuu yaalu.
Akkamiin hatama kan jedhuuf, koodii bilbila isaanii irratti kaardii keessan guutu isiniif kaa’u. Koodicha yoo fayyadamtan kaardichi dachan isiniif guutama jedhu. Fakkeenyaaf lakkoofsa bilbilaa 0920304050 irratti kaardiin akka guutamu gochuuf koodii *805*lakk. Dhoksaa kaardii*920304050# fayyadamaa jedhu. Kana xiqqoo waanti adda godhee nama gowwoomsu lakkoofsa bilbilichaa ‘0’ jedhee jalqabuu dhiisuu isaati malee koodiin kun kaardii akka namaaf guutu waan namni hundi beekudha. Haa ta’u malee lakkoofsi zeeroon jiraates jiraachuu baates ni hojjata. Bifa kanaan kaardii keessan hatu jechuudha. Walumaa galatti kaardiin dachaa guutamu hin jiru. Akka tasaa kaardiin keessan bifa kanaan yoo hatame lakkoofsa bilbilaa inni irratti darbe SMS dhaan waan isiniif dhufuuf lakkoofsa bilbilichaa Teeleetti gabaasuu qabdu.