"Time will heal all wounds."
.
Kitaaba barreessaa beekamaa Alexander
Dumas "The count of monte cristo" jedhu
keessatti seenaa mata duree armaan olii
kana ibsun isiniif qooda.
Alexander Dumas barreessaa cimaa yoo ta'u
seenaan kitaaba isaa kun taatee biyya
Faransaayii fi Awuroppaa irra caalaatti bitaa
kan ture Naappooliyoon aangoo isaa irraa
bu'ee naannoo odola Elbaa jedhamu
jiraachuu yeroo jalqabetti taatee ta'e irratti
kan xiyyeeffatuudha.
Naappooliyoon odola kana yeroo turetti
mootiin Luuwiis 18ffaa jedhamu
Faransaayiin bulchuu eegaleera. Haa ta'u
malee garuu gootummaan Naappooliyoon,
kuttannaan isaa fi ammalli isaa onnee
namoota baayyee jaalalaan booji'ee waan
tureef namoonni dhoksaan isa faana
xalayyaa waliif barressu turan. Isa gara
aangootti deebisuu in barbaadu waan ta'eef.
Namoota xalayyaa isaaf barreessan kana
keessaa abbaa Abbaa Alangaa yerosii kan
ture abbaan Vilfort kanneen kana keessaa
tokko turan. Akka kitaabichi jedhutti abbaan
alangaa sun immoo faallaa abbaa isaatii
Luuwiis 18ffaaf kan hojjetuudha. Kanaafuu
walitti dhufeenya abbaan isaa Naappooliyoo
waliin qaban yeroo baru balaan isaa gara
isaatti dhufee aangoo isaa akka isa hin
dhabsiifne waan shakkeef abbaan isaa
walitti dhufeenya kana yoo hin dhaabne
biyya ganuu isaaniitiin akka seeratti
dhiyaachuu danda'aan isaan akeekkachiise.
Abbaan isaa garuu, "Biyya ganuu waan
jedhamu dhimma yerooti; Naappooliyoon
gara aangootti yeroo deebi'u ani goota
jedhamee yemmuun badhaafamuu fi
muudamu ati immoo yeroo sana gochaa
biyya ganuutiin himatamta." jedhanii
deebisaniif.
Yeroon humna guddaa qaba. Yakkamtoota
bilisa baasee qulqulloota xureessuu
danda'aa. Isa kana Alexander Dumas kan
nutti himuu barbaade. Warri adii gaafa
dubbatan "Time will heal all wounds" jedhu.
Madaa yeroon hin fayyisne hin jiru jechuu
isaaniiti. Maarree yaa dubbistootaa har'as
waan hedduu arguu dandeessu, argaa jirtus
ta'a. Waan maraafuu hunduu akka darbu
beekanii waan gaarii hojjechuun dansaan
dhaamsa kooti.
Dhumarratti walaloo Dr Kabbadee Mikaa'eel
kana isin afeereen dhaamsa koo xumura.
ካልተሳፈሩበት ቶሎ ተሽቀዳድሞ
ጊዜ ታክሲ አይደለም አይጠብቅም ቆሞ!
Daawwitee T Waaqtolaa ti
Share