Forward from: Sule Awal
#OMNDAMEEJIMMA
Jiraataa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaa Ganda Caancoo Birraatee kan turan maanguddoon gannaa 78 Obbo Abdiisaa Hinsarmuu Sanbata darbe boqotanillee lafa
awwaalchaa argachuu hin dandeenye jedhan maatiin isaa.
Manni amantaa Ortodoksii Gabreelii kan ganda Caancoo birraatee maanguddoon boqotan kun hordofaa amantichaa hin turre jechuun abbaasaa owwaala akka dhowwan ilmi isaanii Sirnessaa Abdiisaa himeera.
"Abbaan kiyya erga waaqeeffataa ta'ee waggaa tokko guuteera."
"Sanbata galgala saatii lamatti kan inni boqote. Namni kun amantii kana hin hordofu waan ta'eef iddo kanatti
awwaalamuu hin danda'u jedhanii nu dhorkan," jedha.
Erga dhorkamanii booda filannoo waan dhabaniif maatiin "oyiruu isaa irratti isa awwaalle" jechuun dubbata Sirneessaan.
Dura Taa'aan Waalda Waaqeffattootaa Godina Showaa Lixaa Obbo Fayyisaa Lammaa iddoo barsiisa Waaqeffannaafi awwaalchaa irra deddeebiin bulchiinsa aanaa gaafannullee deebii hin arganne jedhu.
"Akkaataa heerri biyya kanaa keyyata 27/1 nu deeggaruun, amantii tokkoof ulaagaa tajaajila awwalchaafi iddoon
kadhannaa kennamuufi qaba kan jedhuun, qaama bulchiinsa aanaa, magaalaa gandaafi bulchiinsa lafaa gaafachaa turre."
@OMNdameejimma