๐๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐'๐๐ ๐ ๐ฎ๐๐๐๐๐๐ก๐!
Bara duula Vetnaam, dargaggeessi yeroo dheeraaf duulee ture gara biyya isaatti galuuf maatii isaaf xalayaa barreesse. Yeroo sanatti miidiyaaleen hawaasaa akka harโaa waan hinturreef, xalayaan filatamaadha.
โAbbaafi haadha koo akkam jirtu? Dhuma irratti kunoo gara biyya kootti deebiโaan jira. Dhimmoota tokko tokko xumuradhee guyyoota muraasa booda manatti nan gala. Hanga ijaan wal agarrutti nagaan naaf jiraadhaa!โ jedha.
Maatiin ilmi isaanii lubbuun jiraachuutti guddaa gammadan. Abjuu itti fakkaate. Fedhii guddaan akka isa eegan ibsanii deebisanii xalayaa barreessaniif. Guyyoota muraasa booda ilmi isaanii bilbileef. Sagalee isaa waan dhagaโaniif maatiin daran gammadan. โGuyyoota muraasa booda nan dhufa. Garuu rakkoo tokkotu jiraโฆโ ittiin jedhe.โRakkoo maaliiti ilma koo?โ jedhanii gaafatan haati isaa. โMaal seete? Adda waraanaa irratti waan hedduu kan waliin dabarsine hiriyyaa tokkon qaba. Dhihoo kana garuu balaa guddaa isa mudateen harkaafi miilla isaa tokko fanjiidhaan dhabe. Hiriyyaan koo kun addunyaa kana irraa hiriyyaa, firas taโe maatii tokko illee hinqabu. Anaa ala namni inni kan kooti jedhu hinjiru. Ana qofa qaba. Kanaafuu isa fidee dhufuu yaadaan jira. Maal isinitti fakkaata?โ
Abbaafi haati isaa deebisanii, โKun illee hintaโu. Akkamitti taโa? Namni harkaafi miilla hinqabne baโaa guddaa akka nutti taโu beekamaadha. Hundi keenya immoo jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna. Kun tasuma taโuu hindandaโu!โ jedhanii yaada ilma isaanii morman.
โMaal naaf wayyaree? Hiriyyaan koo bakka itti kufu kan biroo hinqabuu maal godhu? Eenyutti kenneen dhufa?โ jedhee kadhate. โIsa dhiisi. Hiriyyaa koo kan jettu sana dhiisii qofaa kee kottu. Suma qofa barbaanna. Qofaa kee nuuf kottu!โ jedhanii deebisaniif. Abdii kutatee bilbila isaa cufate. Achumaan bade. Gidduu kanan dhufa jedhee kan ture achi buuteen isaa dhabame.
Abbaafi haati isaa dhiphina guddaa keessa otoo jiranii bilbilli tokko isaaniif bilbilame. Poolisii irraa ture. Ilma isaanii balaan mudateera. Gamoo dheeraa irraa of darbatee du'e. Maatiin lapheen isaanii gaddaan miidhamee reeffa ilma isaanii fudhachuuf gara waajjira poolisii deeman. Waan iji isaanii arge haaraadha. Kan duraa caalaa gaddaan guutaman. Reeffi ilma isaanii harka tokkoofi miilla tokko hin qabu!
Edaa hiriyyaa koo jedhaa kan ture ofuma isaan ture. Maatii, โNamni harkaafi miilla tokko hinqabne nuuf baโaa guddaadha!โ jedhetti galuu irra of ajjeesuu filate.(๐๐๐๐๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐๐๐ฒ๐ข๐ฌ๐๐)
Waa irraa bartu jedheen siniif qoode.
sสแดสแดโsสแดสแดโsสแดสแด
@Faana_milkaina