Barruun sun tanaa dubbisaa kaa ...
𝙹𝙾𝙸𝙽 𝙼𝚈 𝙲𝙷𝙰𝙽𝙽𝙴𝙻: @Furqaan_Official
Mata-duree “ Yesus Kiristos gara samii
ul-fuudhamuu”.
..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa
taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame.
Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera;
وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ
[ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54)
إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ
[ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55)
Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa.
"Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe."
[Yohannis 7:33-34]
"Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate."
[Yohannis 8:21]
Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?.
"Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha. Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome."
[Yohannis 20:16-17]
Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7]
Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19-
29].
Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee:
"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate."
[Maatewos 26:38-39]
kutaa 2ffaan itti fufaa
https://t.me/Furqaan_Official
𝙺𝚄𝚃𝙰𝙰 1𝙵𝙵𝙰𝙰