Mandhee Sonsaa tuqanii ilkee Sonsaa komachuun hintaatu!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 6,2020
Finfinnee Oromiyaa
Biyya Impaayera Xoophiyaa jalatti, sirnoonni dhufaa darbaa qiyyaafatanii uummata keenya Oromoo haleeluu, uummata keenya Oromoo lafa isaa irraa godaansisuu qabeenya uumamaa isaa saamuu, uummata keenya ajjeesuu saganteeffatanii hojjetaa turan hojjetaa jirus. Hanga har'aatti uummatni keenya impaayera Xoophiyaa keessatti guyyaa tokkoof nagaaf tasgabbii argatee hinbeeku. Uummata keenya Waraabeessa nama nyaatu fakkeessanii bakka maratti jibbisiisuu, bakka maratti nagaa isaa dhorkuun waan haaraa ta'uu baatu illee, adeemsa ammaa kanaan 'roorroon akka duraa ni dhaabbata narraa' jedhee yeroo sabni keenya abdataa jiru kanatti ammas rakkinni saba keenya irra karaa dalgaa gahu cimee adeemuun madda yaaddoo keenyaa ta'ee jira.
Har'a uummatni keenya Oromoon biyyattii keessaa addatti fo'amee nagaan isaa manca'ee karaa dalgaan ajjeefamee wal awwaalaa, du'ee biyyootti makamaa jiraataa jirra. Barataan keenya manneen barnootaa olaanoo Naannoolee biroo keessa jiran keessatti ajjeefamee nagaan barachuu bahee reeffi isaa Saanduqa reeffaatti udumamee maatii isaaf galaa jira. Waan hedduu nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddisise keessaa ammoo, barattoonni keenya ajjeefaman kunneen maatii harka qalleeyyii, maatii jireenya iyyumaa keessaa bahuuf tattaafatee barsiisaa jiru keessaa yoo ta'u, haalli abdiin eegamaa turanii booda reeffi maatiif galee maatiin abdii tokkitti qabaataa ture, qa'aa/ulaa gammachuu tokkotti qabu duraa cufamee haamileen burkutaa'uu fi abdii maleeyyii yoggaa taasifaman arginee hedduu gaddine, isa kanatti xumura gochuufis kutannoof of kenniinsaan qabsoo eegalle itti fufnee jirra. Sabni keenya Oromoonis nu cina dhaabbate akka falmatu gaafanna!
Gama kaaniin Qote bulaa Oromoo fi maatiin Oromoo mararfannoo tokko malee waraana mootummaan rukutamanii ajjeefamaa jiru. Qe'een Oromoo bo'icha dhabee hinbeeku. Kanaaf ammoo sababaa bu'uuraa fi sababa wayitaawaa kan ta'e sirna Impaayera Xoophiyaa ammaa EPRDF ta'uu wal nu hingaafachiisu. Du'aaf ajjeechaan saba keenya irraa akka dhaabbatuuf caasaan keenya, caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo kutannoon qabsoo irra akkuma turtan ammas jabinaan saba keenya dura akka dhaabbannu dhaammanna. Uummatni keenyas rakkoo amma keessa jiru keessaa bahee, bilisummaa isaa gonfatee nagaaf tasgabbiin jiraachuuf qabsoo taasisaa ture cimsee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin gaggeessuu akka qabu dhaammanna!
Lafti magaalaalee Oromiyaaf baadiyyaa Oromiyaa bakka maratti akka qircaatti gurguramanii maallaqni isaa sirna abbaa irree teessoo irratti tiksuuf hojjetaa jira. Lafa Oromoo saamamaa jirutti daangaa gochuuf, saamicha lafaa Oromiyaa dhaabsisuuf, lafa kan uummata Oromoo taasisuuf tokkummaan yeroon qabsoofnu amma ta'uu hubachiifna. Hanga ammaa 'lafti kan mootummaati!' jedhamuun uummatni keenya Oromoon abbummaa lafa isaa sarbamee guyyaa barbaade mootummaan uummata keenya irraa buqqaasee gurgurataa as gahe, ittis jira. Labsii jallataan lafti kan mootummaati jedhu hanga ammaa hojiirra ooluun abbaa lafummaa saba keenya irraa molquu bira darbee, daandii saamicha lafaa mootummaa EPRDF'f mijeessee jiraachuu hubanna. Isa kana daddaaffiin goolaba itti gochuuf qabsoo walitti fufiinsaa gochaa turre itti fufnee jiraachuu keenya kabajamaa uummata Oromoo nu abdatuuf nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo ammas qabsoo irra jiraachuu keenya ibsinaaf.
Torban kana duulli addaa Lixa Oromiyaa, Giddugala Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa irratti waraana mootummaan qindaa'ee adeemaa jiraachuu hubachuudhaan, waraanni mootummaa sirna EPRDF teessoo irratti tiksuuf marartoo tokko malee uummata keenya ajjeesuu irratti bobba'ee waan jiruuf duula jallinaa, duula gara jabeenyaa uummata keenya Oromoo irratti xiyyeeffate kana dura dhaabbachuuf miira itti gaafatamummaa sabummaa keenyaan qabsoo gochaa turre cimsinee itti fufuu keenya hubachiisaa, sirni oftuulummaaf maal na dhibdeen saba keenya ajjeesu irree isa uummata keenya irraa akka gadi deeffatu nii gaafanna. Bakkoota olitti cuqne kana keessatti tajaajilli sabquunnamtii, Internet fi Con