Posts filter


@Guduunfaakoo

❤🌿🖤




Forward from: Leta Kenei Aga
Chaanalota Telegram gurguraaf dhiyaatan gatii isaanii waliin
M - Miseensa
G - Gatii
K - kuma

M - 26K G - 6000
M - 12k G - 3000
M - 7K G - 1900
M - 4K G - 1000

@Walaloo_bot irraan nu qunnamaa


Dhaloonni dubbisu, waan baru qaba. Sammuun waan barreessee dhalootaaf waan dubbisu gumaachummoo gatii jaba qaba. Sammuu isaatti dhimma baheera.

Sammuun nama, waan tolaas, waan badiis ni kalaqa. Barreeffama keessas kun ni jira. Gama kamiinuu, wanti ati dubbisuutti jirtu, dandeettii yaada sammuu nama tokkooti. Dandeettii hubanna sammuu nama tokkooti. Ogummaa kalaqa sammuu nama tokkooti.

Hunda dhugaaf dhara isaa, faayidaaf miidhaa isaa, bu'aaf hir'ina isaa kan hubachuu qabummoo si isa dubbisaa jirudha.

Anis innin dubbisaa jiru, akkuma inni barreesse sammuu isaatti fayyadamee, buusee baasee yaada sammuu isaa kana dandeettii sammuu kootiin calalee simachuun qaba.

Barreeffama tokko keessatti Arraba gaafan argu isan fudhee arrabatti amaneen ogummaa godhadha miti. Dandeettii arrabsuu danda'uu isaa garuu nan dinqisiifadha.

Alex Abraham Kitaaba isaa, Dr Ashabbir jedhu keessatti, Jechoonni inni Arrabaaf fayyadamu, Dubartii Marraabitee irraa dhuftee Ollaa keenyatti galte takka na yaadachiise.

Ilma tokkicha qabdu tokka akkatti isheen arrabsitu uggum!😂 Hundan yaadadhe. Yeroo isheedhaan ollaa turres nan kolfa. Gafa kitaabicha dubbisus nan kolfaa dubbise.

Barreeffamni akkasi, humna isaati akka jaa'insiifattu si godha. Taatee keessa darbites si yaadachiisa.

Ilaalcha Oromoo gaafan dubbisu, Jechootan dagadheef, gochoota maatiin koo, Akkoof Akaakayyuun koo yeroon ijoollee xiqqoo ture dubbataniif, gocha isaan raawwatanin yaadadha.

Barreeffamni sin barsiifneef sammuu kee duubatti deebisee hin haaromsine hinjiru.

Kanaaf garuu jalqaba; ati nama jireenya jiraatee arge ta'uutu barbaachisa. Jireenya jiraatanii arguu, deebi'anii waan yaadatan qabaachuuf barbaachifti.

@Guduunfaakoo


Forward from: Walaloon Jaalala
Namootni Script Afaan Oromoo barreessitanii harkaa qabdanii fi Hojjachuuf fedhii qabdan karaa keessaa @Walaloo_bot irraan nu dubbisaa. Yeroo hojii gaarii.


Forward from: WALALOO ♻
HIRIYAA.pdf
614.8Kb
Kitaaba Asoosamaa
Maqaa: Hiriyaa
Fuula: 62 in A5
Size: 614 KB
Barreessaa: Ifargan Guddataa


Forward from: Galaa Sammuu
'MIILA BAKAR😍
(Magaalaa Awwadaayitti)

Tiyaatira Seenaa dhugaa Gootota Murtii Guutoorratti xiyyeeffatu.
Aarsaa Gootonni akka Bakar Waaree, Wadaay Galmoo Kormosoo, Ibroo Shaxaa fi
Roobaafaa biyyasaanii weerartuurraa ittisuuf
baasan bifa Tiyaatiraatiin qindaa'ee Sambata xiqqaa
(#Saftii) dhufu, ganama keessaa sa'aa 3:00
irratti, Awwadaayitti bakka hawaasniifi ogeessonni Aartii danuun argamanitti nii
agarsiifama.

Kottaatii aarsaa gootonni nuuf baasan daawwadhaa!
Seenaan Gootaa Boollaa oli!
Inistitiyuutii Aartii Tiim!




QANAFAA

Qanafaan faaya aadaa Oromoo Arsiiti. Faaya dubartoota kabachiisu. Kan dubartii deessuun/deettuun addatti(Kallachatti) hidhattudha. Meeshaan kun deessuu takka dubartoota kaan irraa adda baasee miidhagina kennaaf, qananii kunuunsaa argachiisa.

Dubartii QANAFAA addarraa qabdu Abbaan manaa hin dhaanu.

Akka aadaa Oromoo, keessumattuu naannoo Arsiitti(Siikkoo fi Mando) dubartiin Qanafaa hidhatte hin arrabsamtu,hingadadamtu, hindhaanamtu. Dubartii Qanafaa hidhatte jechuun, dubartiin sun deessee baatii shanii as jirti jechuudha.

Dubartiin deesse immoo humna hinqabdu. Dugdi ni daddarba. Dhiigni dhangala'eera. Kanaaf kabaja guddaa qabdi. "barsee mukkuree" safeeffadhaa jechuudha.

Haata’u malee, dhiirri tokko tokko, safuu kana cabsee dubartii Qanafaa hidhatte kan dhaanu ni jira.Yeroo kana dubartiin yoo iyyite, dubartiin kana dhageesse cufti "Kuuk" jettee, mana dubartii dhaanamtee sanatti Siiqqee qabattee ililfataa itti birmatti.

Namichi haadha manaa isaa Qanafaan jirtu dhaane suni wayita Siiqqeen dhaqxu, kabaja Siiqqeef jecha adaba itti murteeffamu fudhachuuf dirqama.

Balleessaa isaarraa qulqullaa'uuf ammoo, ni qala, ni fala, ni mara.

Maddi; Kitaaba Ilaalcha Oromoo irraa!

@Guduunfaakoo


Forward from: Booka Beekumsaa
Gammachuukee haalotaaf hinkenniin!
~~~
Qabeenyi gammachuuf, dhabinsi immoo gaddaaf wabii miti. Gammachuun waan kanaan olii, filannoodha! Yoo feete kunoo, yoo hinfeene immoo kuunnooti. Filannookee! Eeyyeen, gammachuun qabeenyaan osoo hintaane, matumtisaayyuu qabeenya. Qabeenya eenyu namaaf kennuufi namarraa mulquu hindandeenye- kan dhuunfaaa ofiiti. Abbaan qabeenyaa qabeenya isaan gammachuu jijjiirratee gammadaa hin ta'u, inni harka qal'eessis waanin bitatu dhabee gaddaa hin jiraatu. Jara lamaniifuu, kun sirreeffama sammuu isaaniiti. Bu'aa ilaalcha isaanii! Eeyyeen, gammaduun dhugaa baatuu fayyaaleessummaa jireenyaati malee, agarsiistuu tuulama qabeenyaa miti. "Kan qabu hundi gammadaa, kan hin qabne baay'eenis of jibbaadha," jedhanii timaamuun tilmaama ofii haqarraa fageessuudha. Fakkeenyi dubbii tolcha mitiiree? Eeyyeen....

Namicha tokkotu ajaa'ibsiifannaa isaa namoota iddoo tokkotti walitti qabanii jiranitti osoo himuu dhagaahama. Akkanaan; "Ani yeroon waa'ee warra duuressootaa, duuressoota keessaa immoo warreen akka biyyaafi ardiilee hundaatti (addunyaatti) beekamtii qabanii yaadu waanti jalqaba irratti sammuutti na dhufu, siree isaaniiti. Siree isaanii!"
Yeroo inni akkas jedhu, namoonni achi jiran hunduu yaadaan gara siree duuressootaa deemuun mil'uu eegaluu hinhafne. Anis, atis osoo achi jiraannee akkanuma ta'uu hinhafnu.
Namoonni sun, siree warqeerraa hojjetamee haala addaan nama hawwatu irraa dureessoota namichi jedhe sana ciibsaa, waan inni jedhu irraa dhagahuutti dharraan isaanii olka'e. Namichi ammas irra deebi'ee, "Sireen duuressootaa baay'ee na ajaa'iba!" jedhe. "Maal isaatu na ajaa'iba seetani? Sirichi qoraatti irraa ijaaramuu isaati! Irra gad hirkatu, garuu hirribni ija isaaniitti hindhufu. Asiifi achi, oliifi gadi osoo gangalatanii irraan barii'a. Eeyyeen, sireen isaanii qoree irraa ijaarame na ajaa'iba!" yeroo ittiin jedhu, hunduu akka tilmaaman ta'uu waan dideef, gara afaan qabachuutti dachaanii jedhama.
Amma tilaamuun hinrakkisu! Jarri hirriba malee bulanii guyyaas bututaa oolan kun, gaddamoo gammachuu akka ofitti aanfatan. Osoo akka qabeenyaatii, jara kanatu akka malee gammada ture. Qabeenyi madda gammachuu miti, dhabuunis gaddaaf karaa miti.

Asirratti, kan qabaate gammadaa hin ta'u hin jenne. Abbaa qabeenyaa ta'uufi abbaa gammachuu ta'uun adda adda jechaa jirra. Kana ta'uu edda wal hubannee, maddi gammachuus ta'e kan gaddaa yeroo baay'ee filannoo abbbaati. Filannoo! Gammachuu filannookee godhu. Akkas kunoo!👏

Gammachuukee haalotaaf hinkenniin!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii
Bitootessa 05, 2021
Adaree biyyoo, Orofrikaa
~~~~
@Orobook


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
@Dr_Sis qunnamuu dandeessu.




Amantaan Hunduyizimii baayina hordoftootaan Kiristaanummaa fi Islaamummaatti aanee sadarkaa 3ffaa irra jira. Erga jalqabamee waggoota 4,000 lakkoofsiseera jedhama. Amantaa kana keessatti Waaqoliin amanaman baay'eedha; miliyoonaan oli. Garuu, akka amantaa isaaniitti Waaqolii gurguddoo sadiitu jiru. Isaanis: Waaqa guddicha, isa hawaa uume- 𝐁𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚, Waaqa isa eegee jiraachisaa jiru- 𝐕𝐢𝐬𝐡𝐧𝐮, Waaqa isa balleessuuf jiru- 𝐒𝐡𝐢𝐯𝐚 jedhamu. Wanti kun isa Kiristaanummaa keessatti Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu jedhamu sana waliin tokko miti. Hindiyuzimii keessatti waaqolii kanneen walitti amanuu yoo dhiiftes, keessaa filattee amanuu dandeessa. Mirga keeti!😊

Ummatni Hindii 80% ol amantaa kana hordofu. Akka aadaa isaaniitti kan ilaalanis baay'eedha. Kitaabni isaan irraa geggeeffaman kitaabilee afran walitti '𝑉𝑒𝑑𝑎𝑠' jedhamanii waamamaniidha. Amantaa kana keessatti namni 'Krishna' jedhamu bakka guddaa qaba; Waaqa foon uffate (𝑟𝑒𝑖𝑛𝑐𝑎𝑟𝑛𝑎𝑡𝑖𝑜𝑛 𝑜𝑓 𝐺𝑜𝑑) jedhanii waamu. Waa'een isaa bal'inaan kitaaba isaanii 𝐵ℎ𝑎𝑔ℎ𝑣𝑎𝑡 𝐺𝑖𝑡𝑎 keessa jira. Budiizimii keessattis akkuma kana Budihaan 𝐵ℎ𝑎𝑔𝑤𝑎𝑛 jedhamee waamama; 'Waaqa' jechuudha. Kun kallattiimaan Waaqa jechuu osoo hin taane, Waaqa nama ta'ee mul'ate akka jechuuti.

Warri Hinduu akkuma Budiistotaa du'a booda jannataa fi si'oolitti hin amanan. Irra deebi'anii dhalachuu (𝑟𝑒𝑖𝑛𝑐𝑎𝑟𝑛𝑎𝑡𝑖𝑜𝑛)tti amanu. Amma gaarii yoo hojjette yeroo itti aanutti haala mijataa keessatti dhalatta; yoo hamaa hojjette ammoo dhiphinatti dhalatta. Gaarummaan ofumaafi-- 𝐾𝑎𝑟𝑚𝑎 keetu si fura jedhu. Waaqolii baay'ee waaqessuun beekamu. Fakkeenyaaf, waaqni isaan 𝐺𝑎𝑛𝑒𝑠ℎ jechuun waaman bifa Arbaan dhalateera jedhanii waan amananiif, Arbi isaan biratti kabaja guddaa qaba. (Fiilmii 𝑏𝑜𝑙𝑙𝑦𝑤𝑜𝑜𝑑 keessatti kanaaf Arbatti ixaana aarsu). Walumaa galatti, amantaan kun badaa namaaf hin hubatamu. Amantaa baay'ee bubbule waan ta'ee fi falaasama saba Hindii durii faana waan dhufeef namaa namattis garaagarummaa qaba. Hundumaafuu, baruun hin badu.

@RagaIsayas 'in

@Guduunfaakoo


Forward from: Booka Beekumsaa
#Iyyi_bu'aa_falmiiti!

Namni tokko fuudhee waggaa shantama booda akkas jedhe; ''Anaaf haati manaakoo waggoota dheeraa dura waan tokko irratti walii galle. Innis yeroo tokko dheekkamu, inni biraan dhaggeeffachuu qaba. Sababni isaa namoonni lama wal duukaa iyyinaan sagalee malee walii galteen hin jiru."

Yaadaan walii galuu dadhabuun gara falmiitti akka hin jijjiiramneef of eeggachuu qabna. Yaadonni armaan gadii gara falmiitti akka hin galleef kanneen nu fayyadaniidha.

☝️1) Walii galuu dhabuun jiraachuu akka malu jiru qalbifadhu. Yoo namoonni lama guutummaatti walii galu ta'e isaan keessa tokko akka hin barbaachifne hubadhu. Kanaaf yoo yaadni irratti walii hin galle jiraate gammachuun simadhu. Tarii maaltu beekaa walii galtee dhabuun keessan kun dogoggorakee akka hubattu si gochuu danda'a waan ta'eef.
☝️2) Yaada jalqaba sammuukee keessa dhufe irratti of eeggannoo godhi. Yeroo baay'e ogguu walii galtee dhabnu, yaadikee jalqabaa dhugummaa yaadichaa gadi fageenyaan xiinxaluu osoo hin taane, ofii keenya bararuufi. Kanaaf tasgabba'ii dhugaa jiru gadi fageessi xiinxali. Maaltu beeka yaadumti ati deggertu sun kan si fayyadu osoo hin taane,kan si miidhus ta'u malaa.
☝️3) Miirakee too'adhu! Bilchinni nama tokko kan madaalamu dandeettii miirasaa too'achuuni. Miirakee too'achuu hin dandeessu taanan gaabbii barabaraa keessa of buuftaa.
☝️4) Jalqaba dhaggeeffeedhu! Mormitoonnikee akka haasa'aniif carraa kenniif. Hanga isaan dubbatanii xumurannitti eegi. Hin mormin. Yoo mormite ittumaa dubbii bal'ifta malee homaa waanti fayyadamtu hin jiru. Riqicha wal hubannaa gidduu keessanitti ijaari malee, dallaa addaan isin fageessu gidduu keessanitti hin ijaarin.
☝️5) Bakka irratti walii galtan qalbeeffadhu! Mormitoonnikee yaada irratti walii galtan irratti akka xiyyeefatan godhi!
☝️6) Dhugaa irratti hundaa'i! Dogoggorakee amanii dhiifama gaafadhu! kunis mormitootakee tasgabbeessee, falmii isaanii laaffisa,akka si amananis ni godha!
#7) Yaada isaanii irratti gadi fageenyaan akka yaadduufii xiinxaltu waada seeni! yaadi isaanii sirrii ta'uu akka danda'u abdachiisi.
☝️7) Mormitootakee galateeffadhu! Namni garaa garummaa yaadaa keessan furuuf yeroosaa kenne, furamuu baatus si waliin tura. Mormitoonnikee namoota si barsiisuu fi si deggeruu danda'an akka ta'anitti isaan fudhadhu. Kunis hiriyootakee dhugaa akka siif ta'an godha!

#Falmii irraa bu'aan argamu waan hin jirreef, falmii haa dhiifnuun ammo dhaamsa kootii!

Maddi:- ✍️ kanan dubbiserraa!

Galatoomaa!🙏

©Damee Ayyaanaa Ejersoo, 2022

@Orobook




Forward from: Belina Wakjira
Mijuu kana irratti hundumti keessanuu affeeramtaniittu.


Forward from: Booka Beekumsaa
Namni namummaa malee foon afuurri keessa hin jirre, du'aadha!

#Bareedinumti jireenyaa maali?

Awwaala namni hundi wal qixaan keessatti boqotu yaadaan ilaalaa gaaffilee kana deebisuu haa
yaallu!

1. Meerre qarshiin nama kabaja akka dhowwannu nu godhu sun?
2. Bareedinnichi akka boonnuufi of-
dhiibnu nu godhu eessa jira?
3. Meerre konkolaattonni namarratti akka of gurguddifnu nu godhan sun?
4. Ragaan barnootaafi mirkaneessi hojjettoota biiroo olaanaa nu gochuun hojjettoonni keenya meeshaa sagalee qabu akka nuuf rukutan kan godhan eessa jiru?
5. Hiriyyoonni goyyoomsuuf nu marsan sun eessa jiru?
6. Awwaala keessaatti akkam bareennaa?
7. Eessa jira qabeenyi nuyi argachuuf jennee lubbuu ilma nama galaafannu?
Duuromuuniifi bareeduun gaariidha; garuu, namummaan haadursinu (Let humanity be our priority). Awwaalchi bakka tokkicha sooressiif hiyyeessi wal qixxaatanidha. Qabaachuu keenyatti haagammannu; garuu, namummaan haadursu!

#Bilaashni Bilaasharraa Hunduu Bilaasha(Vanity Upon Vanity, All Is Vanity)

√ Qaamolee namaa du'aan booda;
*Guyyoota sadii du'aan booda, qeensoonni qubaa ( fingers nails)ni harca'u.
*Guyyoota 4 du'aan booda, rifeensi mataarraa ni buqqa'a, akkanuma rifeensi qaama keenyarra jiran hundillee.
* Guyyoota 5 booda, sammuun dhooquu jalqaba, foon halluu isaa gadhiisa, harmii (guntutni)fi qaamonni wal quunnamtii saalaa ni burkutaa'u.
*Guyyyoota 6 booda, gogaan foonirraa ni mulqama.
*Guyyoota 7 du'aan booda, qabiyyeen garaa baquun foolii addaa kennu.
* Guyyoota 60 du'aan booda, qaamni guutuun gara lafee duwwaatti xiqqaata.

#Kanaafuu maaliif akka malee;
*Of dhiibna (much pride)?
*Ofittoos taana (selfishness)?
* Nama jibbina (hate)?
* Goomattuus taana (jealous)?
* Hamaas hojjenna (evil doers?
~~~~

#Namummaan haa dursu!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021


@Galaakoo
@Orobook


Forward from: Booka Beekumsaa
Yaadachiisa!
Kitaabni Xiinsammuu "OF KEESSA HIN BADIN" jedhu ammas gabaarra jira. Jaalattonni Og barruu Fi dubbistoonni teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu.

1. Buraayyuu...Mana Kitaabaa Dachaasaa....Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu fuuldura Gamoo Baankii Bunaa darbii 1ffaa.
Bilbila...+25192 719 8329

2.Keellaa...Mana Kitaabaa Mul'isaa...Iddoo sakatta'iinsa Gumrukii durii harka bitaa irra
Bilbila...+25192 713 4705

3.Finfinnee...Mana Kitaabaa Naccisaar Fi Mana Kitaabaa Shawaa...Buufata konkolaataa guddaa fuuldura.

4.Sabbata...Mana Kitaabaa Abdii...Keenteerii bakka fe'umsa taaksii fuuldura Baankii Dabuub Giloobaal Cinaa
Bilbila...+251 91 173 4439

©Kumaa Margaa Hundee, 2022

@Orobook


Forward from: Galaa Sammuu
Jalqaba ati maraadhu!

Hogganaa (manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwataa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiitti baatu dursii daqiiqaa shaniif maraadhu. Yeroo sana namni hundi rifatee si ilaaluun, 'kun xuuxee ykn qama'eetu dhufe. Maali maraataan kun?'jedhanii afaan qabatanii si ilaalu."jedheen. Artistichis qalbiin isa caqasuu itti fufe.

"Daqiiqaa shan booda garuu haalli ni jijjiirama. Warri siin maraatuu jedhan hundi qalbii guutuun si ilaalu. Siif ajajamu. Waan ati jette hunda raawwatu. Dura si qofatu maraatee, amma garuu isaan hunduu maraataniiru. Mana sana keessaa si qofaatu fayyaadha. Isaan hunda irratti kan aangoo qabu si tokkicha." Jedhee gorse. Weellisaan sunis qajeelfama kana fudhatee waltajjii bahee itti milkaa'e. Hogganaa Artist Qamar Yuusuuf tu akkanaan gorsee ture.

Namni gaafa yaada haaraan hawwaasatti dhufu maraatuu ta'a. Amaluma namaa ta'ee, namni hedduun waan haaraa ni sodaata. Yaada haaraa, argannoofi beekumsa addaa gaafa dhaga'u naasuun kirkiruun baramaadha. Gaaf sana waltajjii sana irratti ati maraatuu taata. Yeroon booda muraasni si dhaga'u. Adaduma yaadnikee fudhatamaa, hedduu qalbii butaa deemu ati fayyaa taata. Isaanimmoo maraatuu kaleessa jedhan san ta'u.

Addunyaa kana irratti hayyoonni yaada haaraa, falaasonni, hundeessitoonni amantii, qorattoonnifi bu'uuressitoonni biyyaa gaafa yaada hawwaasni hin beekneen dhufan jalqaba maraataa, dhuma irratti goota jedhamu.

Akkanatti addunyaan beekumsa, wixineefi ogummaa hedduutti madaqxe.

Gaafa waan haaraa qabattee as baatu hin raafamin. Namni hedduun hin beeku jechuun sirrii miti jechuu miti. Hedduun si mormuun yaadichatu kufaadha jechuun dura isaantu hin hubannes ta'uu mala.

Eeyyee! Yaada haaraan gaafa waltajjii hawwaasaatti baatu, jalqaba ati maraataadha. Booda garuu isaanis yaadakeen booji'amanii maraataa siin jedhan ta'u. Warruma santu maqaakee jijjiiree goota sin jedha. Seenaa himtuun kees isaan ta'uu mala.

Kanaafuu jalqaba ati maraadhu. Booda gaafa isaans akkakee maraatan, qalbiin isaan gaggeessi.

Kaayyoo!

©Galataa Tsaggaa Naggasaa (Abbaa Milkii)


Forward from: Booka Beekumsaa
"Akka duute na hin dhoksiinaa; ni duute naan hin jedhiinaa!"

Bara durii ture! Mootii bineensotaa kan ta'e leenca jalaa haadhatu dhukkubsate. Dhukkubichi dhukkuba cimaa du'aafi jireenya jidduu ture. Kana gaafachuuf, bineensonni bosonaa achitti wal gahani. Yeroo kana leenci ajaja tokko dabarse. "Ani gara biraan deemaatii, yoo isheen duute nan dhoksiinaa; ni duutes jettaniis natti hin himiinaa" jedhee biraa deeme. Yeroon booda haati leencaa ni duute. Bineensonni sun, waan jedhanii leencatti himani dhabanii baay'ee rakkatani. Dhoksuuf 'natti himaa' jedheera; itti himuuf 'ni duute naan hin jedhiinaa' ittiin jedhee jira. Maal falatu egaa? Gara dhabaa!
Osooma akkanaan jiranii qamaleen dhufte. Akka carraa ta'ee, dura yeroo leencichi ajaja sana dabarsu isheen hinturre. Waan jiru hundaa edda dhageesseen booda, fala tokko qabattee dhiyaatte. "Homaa hin yaadda'iinaa, anatu itti hima. Sana dura waanan jedhu godhaa! Rifeensa mataakoo gar-tokko narraa haadaa; gar-tokkommoo dhadhaa naaf dibaatii bareechaa!" ittiin jette, qamaleen. Waan jedhaman edda godhaniif booda, itti himuuf gara leencaa deemte.

Leenci akkuma qamalee sana argeen, "Haatiikoo ni duutee?" jedhee jedhee gaafate. Yeroo kana qamuun, "Osoo duutee rifeensakoo bifa kanaan dibadhee, filadheen deemaa?" jettee deebifteefii. Ammas leenci, "Hin duuneeree?" jedhee gaafate. "Yaa mootii! Osoo hinduune ta'ee rifeensakoo maaliifan haaddadhee dhufa?" jettee akkuma inni warra biraatti bitaa galche bitaa itti galchite.


Kun gaaffichaafi deebiichadha! Gochaan qamalee sanaa, hima "Jirra jechuuf hinjirru; hin jirru jechuufis jirra!" jedhu tokko na yaadachiise. Ergaa baay'ee of keessaa qabaachuu ni mala. Akka akka siniif galetti hiikkachuu ni dandeessu. Siniif dhiiseera!


Lafa nagaa turaa!

Barreessuufi dubbisuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
Adaree Biyyoo

@Orobook

20 last posts shown.

3 292

subscribers
Channel statistics