Bara Addunyaa dukkana Wollaalumaan agoogamte Jiraanya Beeladaa jiraachaa turtetti,Nuti Muslimoonni Hogganaa keenya jaallatamaa fi kabajamaa Nabi Muhammad Fi Qur'aana kabajamaa Hordofuun Fiixee qaroominaa Dhalli namaa argachuu miti yaaduu hin dandeenye dhaqqabnee turre.
Keessumattu Nabi Muhammad dhimma dhukkuba yeroo ammaa Nu Muddaa jiru kanaan wal-qabatu irratti, Bara Teknoolojii fi Beekumsi hin jirre,bara addunyaaf jireenyi dukkana ture sana keessa jiraataa ,Ogeeyyota Fayyaa yeroo ammaa beekumsaa fi Teknooloojiin Guddatan Caalaatti Furmaata isaa dhala namaatiif akeekanii jiru.
Qajeelfamuma nabi Muhammad bara sanattii kennaa turantu Hardha Afaan yeroo ammaatti jijjiiramuun beekumsa biraa fakkeeffamee nutti lallabamaa jira.
Bifaa fi afaan jijjiiramus qajeelfamichi keenya.Wanti nama gaddisiisu immoo Ummanni keenya ummanni amantii Islaamaa hordofan barnoota amantii isaanii dabarsu wollaaluun gochicha mormuudha.
Fkn waan yeroo ammaa dhukkuba COVID-19 irratti Ogeeyyonni fayyaa hardha barsiisan,Nabi Muhammad Woggaa Kuma tokkoofi dhibba Afur(1400) dura nu barsiisanii jiru.
Alhamdulillaah Rabbii Nabiyyii akkanaatti amanuu nu badhaase.
» وعن أسامة بن زيد رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: ((إذا سمعتم الطاعون بأرض، فلا تدخلوها، وإذا وقع بأرض، وأنتم فيها، فلا تخرجوا منها)). متفق عليه.
Usaamaan Ilma Zeyid Nabiyyii Allaah irraa Odeessee ni jedhe "Yeroo Biyya tokko Xaa'uun(dhukkubni daddarbaan ) jiraachuu dhageessan,biyya sana hin seenina,biyya isin jirtanutti yoo argame,Biyya sana irraa hin bahina"
Bukaarii fi Muslimtu gabaase.
Hadiisa kana karaa biraatiin yoo ibsene:
Yeroo dhukkubni Vaayirasii koroonaa biyya keessan keessatti mul'ate,sochii xiqqeessa,yoo akka carraa ta'e dhukkubichaan qabamatan kutaa addaatti bahuun bakka namoonni isin hin argine of tursiisa.
Naannoo dhukkubichi itti argames hin dhaqina,Namootaa dhukkubichaan qabamanii wajjin wal hin xuqinaa,bifa kanaan yoo deemtan fayyummaa keessaniifi kan namoota biraatis eeguu dandeessu.
Fakkeenyi 2.Nabi Muhammad yeroo axxifatan afaan isaani agooggataa turan kunis waanuma hardha nutti himamaa jiruudha
وعن أبي هريرة رضي الله عنه قال: كان رسول الله صلى الله عليه وسلم إذا عطس وضع يده أو ثوبه على فيه، . رواه أبو داود والترمذي،
Abii Hureeraa irraa Odeeffamee "ergamaan Allaah( s a w) Yeroo axxiffatu arka isaa ykn uffata isaa Afaan irra kaayyata"jedhe Abii Daawudii fi Tirmiziitu Gabaase.
#SaahibuddiinJihaad