Mammaaksaa fi Jechamoota.


Channel's geo and language: World, English
Category: Blogs


Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
World, English
Category
Blogs
Statistics
Posts filter


彡• Hirriibni baay’atu, duumessa hiyyummaati.

彡• Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu.

彡• Gara jabeessa heexoon hin baasu.

📚
@jechama


彡• Adurreen garaa muratte, qixa Leencaa nama sodaachifti.

彡• Garaa murate, bishaan raafuutu gabbisa.

彡• Garaan murtii hin qabne, diina abbaati.

📚 @jechama


Gadaa kana, namoonni hedduun social media irratti waa qooduu jaallatu, Gariin waan silaa gadhee jedhamus dalaguu bira darbee, akka argannootti social media irratti yeroo facaasu ni mullatta. Kunis namoot biroo mufachiisuu fi safuu hawaasa miidhuu danda'a.
Poll
  •   Lakkii! kuni homaami kanaa oliis jira silumaa babal'inni Technology waanuma akkanaa baatee adeema.
  •   Yaaddeessaadha! haala hin malle kanaan adeemnaan, inumaa faranjii jedhan sana daran fashaluu deemna.
175 votes


彡• Bakka hin rafnetti hin mugan.

彡• Namni ija takkaa, biyyeen hin taphatu.

彡• Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

📚 @jechama




彡• Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan.

彡• Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu.

彡• Karaan sobaan darban, gala nama dhiba.

📚 @jechama


Namni carraa fi tasatti amanu, dubbisee, baratee hin barreessinee fi jarjaraan kaayyoo bu’aa guddaa qabu murteessu hin danda’u.


Namni jarjaraadha; wanta hawwe dafqa itti dhangalaase osoo gatii isaa hin kaffalin yoosu argachuu barbaada. Fedhii hatamtamaa jijjiramuun kan guuttameedha. Eeyye, carraaqu fi dirqama nurratti kufe hojjachuu keessatti ariifachu qabna. Garuu bu’aa argachuuf yommu ariifannu obsa kan hin qabne taana.
Obsa dhabuun tasgabbii keenya diiga. Tasgabbii dhabuunis kaayyoo keenya irraa nu jallisa.

Yaadonni roga hin qabnee fi fedhiin akka ijoolle kaayyoo nutti fakkaata.


Kaayyoo keessan Haala salphaan baruu dandeessu: Ganama hunda hirribaa yoo kaatan fi galgala hunda rafuuf yommuu tattaafattan wanta sammuu keessan keessaa hin baasne daftara irratti yaadannoo qabadhaa. Waggaan booda yaadanno keessan ilaalaa: wantoota barreessitan keessaa wagga tokko guutuu wanti yaadattan sun kaayyo keessani.
Fedhii guyyaa tokko yaadataa ji’ootan booda dagattan taanaan sun kaayyoo gadi dhaabbii hin qabneedha.


彡• Fiigee fiigee kormi sangaa ta'a.

彡• Fooliin gaariin kannisa harkisa.

彡• Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.

📮@jechama


彡• Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee.

彡• Lagaatu walitti yaa'a malee garaan walittii hin yaa'u.

彡• Niitiin gadheen, dhiirsa hamatti.

📮@jechama


Forward from: Barannoo Tech
⭐️ Telegram stars

Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera.

TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera.

Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira.

Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu

Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqabaa.

#Abdiisa

Link :
https://t.me/major/start?startapp=377096201


Maaliif sitti fakkaata Namni gariin dhugaa dubbii dhiisee, sobaaf kan saaxilamuu?
Poll
  •   Nama sana gammachiisuuf jecha.
  •   Icciitii dhoksuudhaafis tayuu mala.
  •   Dhugaa jirtu dhoksuun, Adabbii jalaa miliquuf.
  •   Dubbii mi'eessuun dhageettii argachuuf, Namoota sobni barbaachisaa tayeetu jira.
2043 votes


#Sobni soba, Dhugaan dhugaa!💭

#Sobani xiqqoo takkittiin, Soba hedduu dabalataan akka sobdu si taasifti, waan sobde sana irraa of ittisuuf dirqamtee sobada, garuu sobaan dhugaa ittisuu hin dandeettu.

#Sobni xiqqoon sharafa namaa xiqqeessitee kiiloo namaa buufti " Ani kan na gaddisiisu, na kijibuu kee osoo hin taane, amma booda si amanuu dhabuu kooti" jedha Friedrich Nietzsche. Erga takka nama sobanii dhugaa namaas yeroo hunda gaaffi keessa galti, akkuma Qoutlr jedhe "Nama si amanu hin sobin, Nama sobus hin amanini"

#Warri Dhugaa jirtu siif himu warra si jaalatu. Warronni waan ani ati barbaaddu qofa sitti himan kanneen of jaallattaniidha.

#sobni_Aad-malee


🧠Mee wal haa gaafannuu? 💰Namoonni hedduun, yeroo taaytaa/aangoo qabanitti, qabeenya hawaasaa haqaan maleetti, qaanii tokkoon ala kan dhuunfaa isaani godhachuuf yoo carraaqan ni argina, gochii isaani kuni maal irraa kan madde sitti fakkaata?
Poll
  •   Qaamni isaan gaafatu waan hin jirreef, qabeenya isaan itti fakkaatu mala.
  •   Carraa argatanitti fayyadamuufi hanga aangoon harka isaani jirtutti.
  •   Haqa bade irratti kan isaan gaafatu ilma nama qofa sehu, waaqa qabeenya sana uume irraanfachuun.
  •   Waan argate habuluk gochuu malee, "haqa kiyyaa haqa hawaasatti" jechuu irranfateera dhalli.
  •   Lakki kana maraa miti, homa biraattu jira.
937 votes


💡Mammaaksaa fi Jechamoota.

彡• Jarjaraan horii gata.

彡• Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu.

彡• Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata


#Namni tokko waa'ee umrii isaa akka sobaa jiru yoo sitti dhagahame, bara kam keessa akka dhalate gaafadhu.Yoo soba ta'e herrega hojjete siif hima, yoo dhugaa dubbate garuu battalumatti sii deebisa.😉

💡💡#Jechamaafi_gorsa_jireenyaa


#Namoota dogongora hojjettanitti hin aarin. Itti aartee loluun kee dogoggora akka hin hojjenne isaan hin barsiisu, wanni isaan barsiisu yoo jiraate, waan balleessan dhoksuu qofa isaan barsiisa. Kanaaf caalaatti sammuu banaa godhii, caalaatti itti yaadi.

💡#Jechamaafi_gorsa_jireenyaa


📢 Hayyuu tokkootu waa dubbate;

"Addunyaan tuni Asoosama hin goolabamin ta'uun isii dhugaadha, inni humna qabu, laafessa miidhee, akkuma kanatti waan xumuura argatte haftu hin fakkaatu"
jedhe


♻️ Gaafiii hirmaachisaa, Sababni dubbii keetii malii?
Poll
  •   Waan dubbaachuu qabuuf.
  •   Waan dubbadhu qabaafi.
1565 votes


彡• Eelan, Eelee dhaabatan.

彡• Sossobbiin madaa hin foyyessu.

彡• Yoo hundas dubbatan, garaan duwwatti hafa.


彡• Afaan gaarin, afaa gaari caala.

彡• Kan ilkaan hin qabne, akaawwii hawwiti.

彡• Firri dhufe jadhanii, dhabaa hin dhalanii.

20 last posts shown.