Jamaal Ibraahim


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Technology irraa kan nudhibu walif qoodnas, Hattuus waliif saaxilla.
SIM keeysan ofii maaf hattuu liqeeysitu?
Akkamitti?
Isiniifiin ibsa.

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Video is unavailable for watching
Show in Telegram




Seensa Riyaadaa


Seensa Buluughaa


Please of haa eegnuu


Namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 100 dabalataan argaman.

Itoophiyaatti qorannoo laabiraatorii sa’atii 24 darbe keessatti namoota 4,950’f taasifameen namootni 100 vayairasichaan qabamuun mirkanaa’e

Kunis Itoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 831 akka ga’u godheera.


Gaafii kanaan gaafattuu itti add walgodhaa
https://t.me/joinchat/H3FHf0viZx2xSoWywT8g5w


🌱GAAFII
SIMiin emergency calls jedhee network didu maaliifi? Garuu mobaayila biroo keessatti ni hojjeta.

🍀DEEBISAA
Yeroo SIM kaardii takka yeroo gara garaa osoo Qafoo keenya off ykn hindhaamsine akkuma banaa jirutti itti deddeebinee yoo baafnee itti deddeebifnee IMEI qafoo saniitiin walfudhachuu diddi yeroo hedduu irra deddeebi'ee waan fudhatee eegasii reject godheef.

🌷FURMAATA
Furmaanni 3

🍂Furmaata QAFOOn
🌻1 yoo qafoon tan IMEI jijjiiramu tahee IMEI jijjiiruu.

🍂Furmaata SIMiin
🌻2 SIM keenya replacement(teelee dhaqanii bakka buusuun fudhachuu) ykn akka yeroo bade baafattutti baasuu jechuudha.
🌻3 Yoo SIMii eega Replacementiis hojjechiifnes qafoo moobaayila san keeysatti ammas akkasumatti emergency jettee hojjechuu didde, Furmaanni jiru qafoo moobaayila biraa keeysatti fayyadamuudha ammaaf furmaanni jiru
.... garuu furmaata isaa kan qafuma sanatti akka hojjetuuf gana.

Galatoomaa
https://t.me/jamalib


🍇SIM keeysan pin on godhuun maaliif fayyada?
Dura PIN hundi by default 0000 waan taheef jijjiiruun barbaachisaadha yeroo kana jijjiirre haaraya san barreeyfannee olkaayachuun akka hin daganneef gargaara.
Garuu wanti beekuu qabnu yeroo 3 yoo PIN dogoggorre PUK nu gaafata kanaaf immoo PUK keenya jabeeyfachuun barbaachisaadha, sababni isaas yoo PUK itti hin galchine PIN yeroo 3 dogoggorree cufame san banuu waan hindandeenyeef.
🥕PUKn yeroo 10 irra deebitee yoo dogoggora galchite SIM kaardiin kee block taha,
eeganaa furmaanni jiru tokko qofa innis 'ethio telecom' naannoo keeysan jiru deemtanii baafachuu qofa.
◌◌◌◌◌◌◌◌
Teelee deemtee baafachuuf garuu SIM kaardiin sun maqaa keetiin jiraachuun dirqama kanaas akki itti beekan Waraqaa eenyummaa kee kooppii gootee waan isaanitti kennituuf akka durii qarshii warra chain qabuuf kafalanii baafachuuf karaan kun cufee waan jiruuf.
Kanaaf hoo maaltu furmaata?
🌱SIM kaardii yeroo dheeraa maqaa namaatiin fayyadamaa turte nama siif baase yoo beeyte fuudhii dhaqii gara kee jijjiirsisi
🌱Yoo abbichi siif baase du'e ragaa fudhuu deemii jijjiirradhu
🌱Yoo nama siif baase hinbeeyne SIM kaardii kee osoo harkaa qabduu teelee dhaqii itti himi guca si guuchisanii gara kee siif jijjiiruu
🌱 Garuu yoo eega SIM kaardiin sirraa badee ykn hatamee nama siif baasees hin beeyne SIM kaardicha Sabrii godhii dhiisi firraa furmaata hinqabuu.
🍒🍒🍒🍒

Gara Mata duree keenyaatti haa deebinuu.
●●●●●
Hattuun amma Moobaayila nama jalaa hattu qafoo qofa hin barbaaddu SIM kaardii keeysa jiruus Fuutee warra Fraud ittiin dalagutti gurguratu daqiiqaa muraasa booda SIM kaardii tee System Fraud ittiin dalaganitti galchanii ittiin hojjetu yeroo san kasaarte .... Maaliif yoo jette teeleen nicufa ganaa dhiiga boochuus baafachuu hindandeeysu.
Seeraaniis gaafachuu hindandeeysu sababnis Fraud ykn hanni networkii waan ittii dalagameef.

Kanaaf furmaanni jiru maali?

1. Furmaanni PIN keenya on yoo goone yeroo isaan systema Fraud ittiin dalagan san keeysa kaayan PIN gaafata .. isaan garuu PIN san waan hin beeyneef SIM kaardii keetiin hanna neetworkii hojjechuu hin dandayan ..
Kanaafuu PIN keenya on goonee yoo 0000 irraa gara biraatti jijjiirranne waan akkanaa kana irraa najaa baana jechuudha.

2. Hiriyaan keeysaniis yoo suuta SIM kaardii keeysan isin jalaa fuudhee itti fayyadamuu fedhee qafoo keeysan on godhu PIN gaafata kanaafuu nagayumaan firraa siif deebisa.

Waan dubbiftanii irraa fayyadamtaniif galatooma.
Yoo faayidaa irraa arkatte hiriyaa keetiif qoodi.
https://t.me/jamalib




Warreen bilbilanii Kaampaanii Alaamuddiinirraa siif bilbillaa Lotariitu sigahee baga gammadde jedhanii ergasii kan hujiin siif eegallu amma baankiin cufaa waan taheef kaardii hanga 5000 ykn 10,000 ergi ergasii miliyoona 1 argattaa jedhanii hawaasa gowwoomsan irraa if eegaa
Kan biraas jiru karaa hedduun nama gowwoomsanii Fraud hojjetu tokko tokkoon isiniif post godha irraa baradhaa irraa if eegaa
Hawaasa keenyaas barsiisaa akka hanna kanaan hin gowwoomne
https://t.me/jamalib


Jamaal Ibraahim
Technology irraa kan nudhibu walif qoodnas, Hattuus waliif saaxilla.
SIM keeysan ofii maaf hattuu liqeeysitu?
Akkamitti?
Isiniifiin ibsa.
https://t.me/JamalIb

















20 last posts shown.

208

subscribers
Channel statistics