Kush Media


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Karaa kanaan seenaawwan ummata keenya, biyya keenyaafi ummattoota biroo; akkasumas,odeeffannoowan barsiisoofi kkf bifa gaaffiifi kanneen biroon ni argatu.

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Biyyi akka addunyaatti uummata hedduu qabdu kami?
Poll
  •   Chaayinaa
  •   Hindi
  •   Indooneshiyaa
  •   Raashiyaa
44 votes


Sabni akka Baha Afrikaatti baay'ina uummataa hedduu qabu kami?
Poll
  •   Amaaraa
  •   Oromoo
  •   Kiikuyyu
  •   Sumaalii
71 votes


Kan sirnaan barreeffame kami?
Poll
  •   Har'a namoota afurinin arge: tufaa, galaanee, eebbaafi lalisee.
  •   Har'a namoota afurinin arge:Tufaa, Galaanee, Eebbaa fi Lalisee.
  •   Har'a namoota afurinin arge:Tufaa, Galaanee, Eebbaafi lalisee.
  •   Har'a namoota afurinin arge: Tufaa, Galaanee, Eebbaafi lalisee?
91 votes


Obbo Tolaan mana guddaa lafa_____irra jiru kireeffate.
Poll
  •   baala
  •   balaa
  •   baallaa
  •   bal'aa
97 votes


Kan sirnaan barreeffame kami?
Poll
  •   Ati "eessa oolte?" jedhee nagaafate, Abdiin.
  •   Ati "eessa oolte jedhee nagaafate," Abdiin.
  •   "Ati eessa oolte?" jedhee nagaafate, Abdiin.
  •   "Ati eessa oolte"? jedhee nagaafate, Abdiin.
122 votes


Kanneen armaan gadii keessaa biyyi warra Awurooppaatiin hinkoloneeffamne kami?
Poll
  •   Afrikaa kibbaa
  •   Naayijeeriyaa
  •   Misirii
  •   Itoophiyaa
168 votes


Himoota gaaffii armaan gadatti barreefaman kessaa kan sirnaan barreeffame kami?
Poll
  •   Kutaa meeqa barattaa?
  •   Kutaa meeqa baratta?
  •   Ati baratadha?
  •   Hunduu deebii ta'uu danda'a.
207 votes


Afaan Oromoo maatiin afaanii kanneen keessaa kam jalatti ramada?
Poll
  •   Seem
  •   Kuush
  •   Oomootikii
  •   Naayilootikii
355 votes


Gaaffii barbaachisaa🤔 Bakka galumsa walqabsiistuu 'fi' ilaalchisee sirrii kan ta'e kami?
Poll
  •   Caalaafi Boonsaan barattoota kutaa 12ffaati.
  •   Caalaa fi Boonsaan barattoota kutaa 12ffaati.
  •   Caalaa fiBoonsaan barattoota kutaa 12ffaati.
  •   Hunduu deebii ta'uu danda'a.
146 votes


BALAAY ZALLAQAA QILXUU (Abbaa Koostir) Eenyu?


Oduu Baraa

Akkuma beekamu seenaan Oromoo inni dhugaan dhufaatii dhalattoota qubee hordofee, awwala alagaan keessa dhokse diigee, xurii seenaa alagaan itti maxxanse ofirraa miiccaa dhalootaaf haqa ture qabatee asan jira jechaa jira.Kana fuudhanii dhalootaaf akka dandeetti ofiitti dabarsuun gahee eenyutiree?Deebiisaa isiinifan dhiisa.
Balay Zallaqaa Oromoo Walloo keessaa kan Booranaa jedhaman Damee Oromoo Tuulamaarraa dhalate.Abbaan gooticha kanaa Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgalii Oromoota Walloorra dhiibbaa mootota Habashaatiin gara Gojjamitti godaanan keessaa tokko turan.Obbo Zallaqaa qilxuu loleewwan Lij Iyyaasuu Oromoo Walloo hortee Tuulamaa keessaa tokko.Erga Lij Iyyaasuun angoo gadhiseenbooda baqachuun Walloo Booranaa gara Gojjam kan godaanan.Gojjamitti gooticha Balay Zallaqaa kan dhalfatan.
Balay abbaasaa Balay Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgaliifi haadhasaa Xaayituu Aallanaa irraa bara 1910 ALA dhalate.Haati isaas Walloo Booranatti dhalatan.Balay tooftaa riphee loluun beekama.Tooftaa kanaan Itaaliyaanotaafi baandota ykn baasaasto isaanii boqonnaa dhoowwaa ture.Dirreewwan waraanaa garaa garaa irratti Itaaliyaanota mo'achuun gootummaasaa mirkaneesseera.Tooftaa waraanaa gooticha Oromoo Balay Zallaqaa Qilxuu irra aanuu kan dadhaban Itaaliyaanonni abdii kutatan.Jaabinaafi gootummaa goota kanaafi gootota Oromoo birootiin Itaaliyaanonni biyya gadhiisanii bahan.
Injifatamuu Itaaliyaa booda H/Sillaaseen waggoota shaniif bakka baqatee jiru Ingilaandii yoo deebi'u, ummanniifi duuka buutonni Balay Zallaqaa Qilxuu maal badhaafama, aangoo akkamiitu kennamaaf jechuun eegaa turani.H/Sillaaseenis akkuma gootota Oromoo biroo aangoo isaaf waan shakkeef Balay akka qabamu taasise.
Aangoos badhaasas isaaf hin kennine.Biyya bilisa baasuun jibba H/Sillaasee jalaa isa hin baafne.Akkuma Abdiisaa Aaagaafi kanneen biroo hidhaa, reebichaafi gidiraatu isa mudate.Hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.Kanumaan otoo jiruu mana hidhaa Finfinneetii cabsee bahuun erga qabamee booda M/Murtiitti dhiyaatee murtiin du'aa itti murteeffame.Murtichas H/Sillaaseen mallattoon mirkaneessee bara 1945 ALA umuriisaa 35tti obboleeyyan isaa 2 waliin fannifame.
Goota akkasii kana kan Oromummaansaa alagootaan dhokfamee, hojiinsaas gatii dhabee alagaan fannifame.
==============================
========
https://t.me/KushMediaQM


Kaayyoon 'Chanel' kun banameef seenaa ummata Oromoofi biyya keenya isin barsiisuuf, wantoota nuti beekuu qabnufi odeeffannoowan barsiisoo yeroo yeroon isiinif gahuu waan ta'eef miseensa keenya ta'a isiniin jenna!

11 last posts shown.

267

subscribers
Channel statistics