Dubartiin akkanaa Numa jirtii ?
Hin hifatinii obsaan dubbisi daqiiqaa tokkoof
Gaaf tokko Namichi muslimaa tokko intala kadhachuuf(Fuudhuuf)mana warra intalaa dhaqe
Akka shari'aan hayyamutti gaafii wal gaafachuu jalqaban
Intala: Quraana haffazdee
Namicha: Lakkii hin haffazne garuu garuu ammoo yoo rabbiin naaf laaffise Haffazuu niyyaan qaba. Ati hoo ?
Intala : Ani juuza عammaa haffaze.
Nama dhugaa dubbatu tahuu isaa eega agarteen booda heerumuu qeebaltee bultii ijaarratan.
Guyyaa tokko akkana jatteen quraana haffazuun barbaada na haffaziisi."
Jaarsi: Anilleen haffazuun barbaada walirraa dhageeffanna "
Amata lama booda isaan lachuu haffazanii markaza quraanaatirraa waraqaa ragaa fudhatan .
Gaaf tokko mana soddaa (Abbaa intalaa ) dhaqan
Jaarsi: Gammadi yaa abbaa intalaa ilmoon tee quraana haffazdee ja'een Abbaan intalaa ajaa'ibe hay ilmoon tiyya Amata 6 dura quraana haffazdee bar kuno waraqaa ragaa isii ja'ee agarsiise.
Jaarsi intalaa akkaan rifate "Edaan jaartiin isaa isa dura quraana haffazdee hamilee isatti godhuufi malee isiin yeroo dheeraa dura haffazde abbaa mana issitillee haala kanaan haafiza godhatte.
💖Yaa obboleytii tiyya Rabbiin jaartii gaarii akkanaa sihaa godhu.
Atis obboleysa kiyya jaarsa gaarii si godhee haadha manaa haafiza akkanaa sihaa badhaasu. walumaanuu insha allah tana kajeella rabbirraa.
https://t.me/Miyaahabiibii