"... Jiitu, rifeensa uffattee bosona hin seenne malee ati bineentii dha. Si qofa miti - dhalli namaa martinuu bineensa; bineensummaa isa kan keetiitu addatti malee. Bineensotni warri kaan, kanneen jibban malee kanneen jaallatan hin miidhani. Ati garuu sabbata jedhee si hidhannaan bofa taatee na hiddite. Sin jaalladha jechaa na gante; siif du'e jechaa na ajjeeste. Jaalala dhugaatti qabamtee ishee na feetee fi na jaallatteef: yoon dhiige, yoon madaa'e, rakkinnii fi dararamni wal furee yoo natti dhufe, walumaa galatti yoon du'ellee nan gaabbisiisu. Kan na gaabbisiise garuu utuu na hin jaallatin kan na jaallatte fakkaattee, waggoota shanan darbaniif kan na waliin jiraatte- siin daldaltuu jaalalaa jaallachuu kooti ..."
Kitaaba IMAANAA IMALTUU maxxansa 4ffaa fuula 113 irraa kan fudhatame.
@NadhiiJaalalaa
Yaada qabdaniif: @NadhiiJaalalaa_bot
Kitaaba IMAANAA IMALTUU maxxansa 4ffaa fuula 113 irraa kan fudhatame.
@NadhiiJaalalaa
Yaada qabdaniif: @NadhiiJaalalaa_bot