QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN
Qophii Dr Zakir Naik Afaan Oromootin
Kutaa 1ffaa
1 Muslimni Amantii Isaa Eessaa Fudhata? Kitaaba Rabbii (s.w) fi Hadiisota qulqulluu kan nabiyyii Isaa (S.A.W) irraa fudhata. Rasuullimmoo ofirraa fuudhanii hin haasa’an, “wahyii itti buufamu qofa dabarsu malee.” Akki sahaabotaa fi salafoonni dabran gaggaariin itti hubatanis akkuma kana ture.
2, Yeroo Wal Dhabnu akkam goona? Gara shari’aa (haniif) ta’eetti deebina. Isaan buluu jechuun kitaaba Rabbiitii fi sunnaa nabiyyiitiin buluudha. Rabbiin (s.w) akkana jedha:- (Dhimma wayii keessatti yoo wal dhabdan gara Rabbii fi ergamaa Isaa deebisaa). Nabiyyiinis (S.A.W) akkana jedhu:- “Waa lama kan yoo ittiin bultan hin jallanne isinii dhiiseera; isaanis kitaaba Rabbiitii fi sunnaa (hadiisa) nabiyyiiti.” (Almuwaxxa’)
3, Gareen guyyaa qiyaamaa milkooftu isii kami? Ergamaan Rabbii (s.a.w) akkana jedhu:- “ummanni kiyya garee torbaatamii sadiitti qoodamti, garee tokko malee hunduu ibidda seenu. Yaa ergamaa Rabbii! isiin sun tami? jedhaniin. ‘Warra karaa anaa fi sahaabonni kiyya irra jiran qabatan’ jechuun deebisan.” (Ahmadii fi tirmiizii) Karaan haqaa isa nabiyyii (S.A.W) fi sahaabonni isaanii irra turani. Kanaaf, yoo milkaa’u fi hojiin kee akka fudhatama argatu feete isaan hordofuu fi “bid’aa” ykn waan isaan irraa hin mirkanaa’in hordofuu irraa fagaachuu qabda.
4, Ulaagaaleen Fudhatama Argachuu Hojii Gaarii Maal Fa’a? Ulaagaaleen kunniin (1)Rabbii (s.w) tawhiida Isaatti amanuu: mushrika irraa hojiin hin qeebalamu. (2)Ikhilaasa (Rabbiif qofa qulqulleessuu): hojichaan fuula Rabbii qofa barbaaduu. (3) Nabiyyii hordofuu: akkaataa isaanirraa dhufeen hojjechuu fi karaa Inni ajajeen ala Rabbiin gabbaruudhabuudha. Waan dubbatame lamaan keessaa tokko yoo dhabame hojichi fudhatama hin qabaatu. Rabbiin (s.w) akkana jedha:- (Gara waan isaan (kufriin) dalaganii dhaquudhaan ergasii dikee bittinnaaye isa taasifna).
5, Sadarkaawwan Amantii Islaamaa Hangami? Sadarkaawwan amantii islaamaa sadihi:-isaanis Islaamummaa, Iimaanaa fi Ihsaana jedhamu.
6, Islaamummaan Maali? Utubaaleen Isaahoo Hangam? Islaamummaan Rabbi tokkichatti harka kennachuu, ajaja Isaa raawwachuu keessatti qajeelfama Isaa hordofuu, akkasumas shirkii fi warra shirkii hojjeturraa qulqullaa’uudha. Utubaaleen isaa shani:- Nabiyyii (S.A.W) hadiisa isaanii kana keessatti akkana jedhu: “Amantiin Islaamaa waa shanirratti ijaarame: Rabbiin malee gooftaan haqaan gabbaramuu qabu kan biraa akka hin jirree fi Muhammad ergamaa Isaa ta’uu isaanii ragaa bahuu, sagadaan dhaabbachuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ramadaana soomuudha” (Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)
7, Iimaanni maali? Utubaaleen Isaahoo Hangami? Iimaanni yaada qalbiiti, jecha arrabaati, dalagaa qaamaati, ajaja Rabbii raawwachuudhaan ni dabala, cubbuu hojjechuudhaanimmoo ni hirdhata. Rabbi (s.w) akkana jedha:- (Akka iimaana isaaniirratti iimaana dabalataniif…) Ergamaan Rabbiis (S.A.W) akkana jedhu:- “Iimaanni damee torbaatamii wahitti qoodama, irra caalaan isaa jecha ‘Laa ilaaha illallaah’ jedhu yoo ta’u irra xiqqaan isaammoo waan nama rakkisu karaarraa kaasuudha. Saalfiinis damee iimaanaarraa isa tokko.” (Muslimtu gabaase) Rabbi(s.w) akkana jedha:- (hojii gaggaariin hojii gaggadhee ni dhabamsiisa).
Utubaawwaniimaanaa jaha. Nabiyyiin (S.A.W) hadiisa isaanii keessatti akkana jechuun ibsaniiru:- “Rabbitti amanuu, maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis, guyyaa maayessaattis, waan namarra ga’u hundas (qadaras) - toltuus ta’e hamtuu – itti amanuu keeti.” (Bukhaariitu gabaase)
8, Hiikni “Laa Ilaaha Illallaah” Maali? Ibaadaa waan Rabbiin ala ta’eef gochuu dhiisanii Rabbii tokkichaaf ta’uu akka qabu mirkaneessuudha.
9, Rabbi (S.W) Nu Waliin Jiraa? Eeyye, Rabbiin beekumsa Isaatiin, dhageettii Isaatiin, argaa Isaatiin, eegumsa Isaatiin, hunda marsuu Isaatiin, dandeettii Isaatiin, fedhii Isaatiin nu waliin jira. Qaamaan garuu qaamolee uumamaatti hin makamu. Uumama irraa wanti beekumsa Isaa qabus hin jiru.
10, Rabbiin (S.